Dargaggoo Olaanaa Tashoomaa barnootasaa digrii tokkoffaa Antiropolojiidhaan Yunivarsitii Hawaasaarraa, digrii lammaffaa ammoo Beekumsa Biyya Keessaa ‘Indigenous Knowledge’n Yunivarsitii Diillaarraa fudhate.
Antiropolojiin damee barnootaa waa’ee aadaa, beekumsa xabboo, jiruufi jireenya dhala namaa qoratu yoo ta’u, dameen barnoota Beekumsa Biyya Keessaa ammoo waa’ee beekumsa xabboo ykn ganamaafi qaroomina biyya keessaa qorata.
Dargaggoon kun akkuma digriisaa tokkoffaa xumureen bara 2003 Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti mindeeffamee waggoota torbaaf Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Booranaa keessa; yeroo ammaa ammoo Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti, Dursaa Garee Misooma Sona Aadaa ta’ee hojjechaa jira. Gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa ayyaanota Masqalaafi Irreechaa torban dhufan walduraa duubaan kabajamu sababeeffachuun Wiixata darbe dargaggoo hayyuu kana waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Hojiilee Guguddoo Gareen Misooma Sona Aadaa hojjechaa tureefi jiru maalfaadha?
Antirpolojisti Olaanaa: Yeroo ammaa biyyoota baay’ee keessatti aadaan madda dinagdee ta’ee tajaajilaa jira. Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti, Gareen Misooma Sona Aadaas gahee aadaan siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti qabu mirkaneessuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Ammayyummaafi teknolojiin aadaa keenya waliin walsimee akka deemu taasisuunis hojii garichi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiruudha. Ammayyummaafi teknolojiin aadaa keenya akka deggaru malee akka hinliqimsine taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Beekumsa xabboo, aadaa, duudhaafi eenyummaan Oromoo ganamaa ammayyummaafi teknolojii wajjin walsimsiisuudhaan dhalootatti ceesisuufi gara tarsiimoo misoomaatti jijjiiruunis hojii garichi xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechaa jiruudha.
Gareen kun Abbootii Gadaa waliin ta’uun duraan Gumii Abbootii Gadaa kan ture bara 2011 Gamtaa Abbootii Gadaa ta’ee akka hundaa’u taasiseera. Gumiin Abbootii Gadaa duraan ni ijaarame malee qajeelfamaafi dambii ittiin bulmaataa barreeffamaan hinqabu ture.
Kanaafuu garichi Abbootii Gadaa waliin ta’uun Gamtaan Abbootii Gadaa dambii ittiin bulmaataa akka qabaatu taasiseera. Akka dambii ittiin bulmaataa kanaatti Abbaan Gadaa Gamtaa Abbootii Gadaa geggeessu waggaa afur afuriin jijjiirama. Gamtaa Abbootii Gadaa keessatti Abbootii Gadaa sagaltu fiixeedha.
Gareen Misooma Sona Aadaa kun Irreechi Hora Finfinnee waggaa 150 booda bara 2012 deebi’e sababeeffachuun ‘Fiigichi Olaanaa Irreechaa’ akka jalqabu taasiseera. Baruma sana Baazaariifi Egzibiishiniin Irreechaa Finfinnee, Giddugala Baazaariifi Egzibiishinii Dirree Masqalaatti akka qophaa’u taasiseera.
Fooramiin Irreechaa namoota kuma sadii ta’an hirmaachiseefi kan midiyaaleen guguddoon biyya keessaafi alaa irratti hirmaatanis qopheesseera. Kana malees Konsartiin Irreechaa guddaan Finfinneetti bakkawwan sadiitti (Istaadiyeemii, Dirree Masqalaafi Galma Barkumeetti) akka qophaa’u ta’eera. Sagantaan nyaata aadaa godinaalee Oromiyaa jala bultii ayyaana Irreecha Hora Finfinnee kan bara 2012 irratti akka dhiyaatu ta’eera. Garichi hojiilee kunneen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun abbummaan hojjechaa ture.
Sirni Gadaa yeroo dhaabbata ‘UNESCO’tti galmaa’u Itoophiyaan biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’an waliin waliigaltee mallateessite qabdi. Innis hambaa kiliyaa kana eeguufi kunuunsuudha. Hambaan kiliyaa dhaloota barsiisuu, biyya ijaaruu, dimokraasiifi namummaa ijaaruu keessatti gumaacha barbaachisu akka bahatuuf kariikulamii barnootaa keessa galee irraa baratamuu qaba.
Sirni Gadaa kun sirna barnootaa keessa akka galuuf Gareen Misooma Sona Aadaa Biiroo Barnoota Oromiyaa waliin ta’uun kitaaba Sirna Gadaa, qajeelchi barsiisaafi silabasiin qophaa’ee naannoo Oromiyaatti kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti akka tajaajilu taasiseera.
Mana Murtii Waliigala Oromiyaa waliin ta’uun garichi Manni Murtii Aadaa akka hundaa’u taasisuun labsii Caffee ta’ee akka ba’u taasiseera. Manni Murtii Aadaa hundaa’ee hojiirra jirus sirna haqaa fooyyessuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira.
Buusaa Gonofaan akka hundaa’uufi sirni walgargaarsaa akka fooyya’u taasiseera. Akkuma seera mootummaa tiksuuf heerri a barbaachisu, Sirna Gadaatiif ammoo seerota Aadaa Oromoo wiirtuulee Gadaa Oromoo hundarraa walittiqabamee bifa kitaabaatiin qophaa’ee yeroo ammaa sadarkaa gulaalliirra jira.
Aadaa, duudhaa, safuufi eenyummaa Oromoo ganamaa deebisuuf Gareen Misooma Sona Aadaa Karoora Warraaqsa Aadaa baasee yeroo dhiyootti labsuuf qophiirra jira. Sabboonummaa Oromoo ijaaruun, Afaan Oromoo afaan teknolojii, saayinsiifi siyaasaa gochuun, seenaafi seenessa Oromoo jijjiiruun, hambaalee Oromoo bakkeewwan gara garaatti faffaca’anii jiran walitti qabuufi beeksisuun, dhaloota dammaqaa seenaafi eenymmaasaa beeku horachuun, manneen kitaabaa bifa haaraan gurmeessuun, dhaloota kalaqaa horachuun, Artii Oromoo guddisuun, industirii ogummaa harkaa fooyyessuun, Aadaa Oromoo tarsiimoo misooma naannoo keessa galchuun, qorichoonni aadaa kan ammayyaa waliin akka waldeggeraa deeman gochuun hojiilee gurguddoo karooricha keessatti eeramaniidha.
Bariisaa: Guddinni aadaa Oromoo mootummaa jijjiiramaan duraafi booda jiru akkamitti ibsama?
Antirpolojisti Olaanaa: Sirnoonni darban aadaa, afaaniifi eenyummaa Oromoo ajjeessaa waan turaniif baroota 1960moota irraa eegalee bu’uurri qabsoo Oromoo inni jalqabaa aadaafi duudhaasaa dhiibamaafi cunqurfamaa ture deebi’uufi guddisuurratti xiyyeeffata.
Qabsoo waggoota dheeraa booda bara 1983 mootummaan naannoo Oromiyaa hundaa’e. Kanarraa ka’uun ummanni Oromoo, Afaan Oromoofi naannoo Oromiyaa beekamtii argatan. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas bara 1983 hundeeffama mootummaa naannichaa waliin hundaa’e.
Biirichi maqaa gara garaa maqaa (Biiroo Aadaafi Beeksisaa, Biiroo Aadaafi Ispoortii, Komishinii Aadaafi Ispoortii, Biiroo Dhimma Hawaasummaa) jedhamee waamamaa turus waa’ee Aadaa, duudhaa, Afaan, seenaafi eenyummaa Oromoorratti hojiilee guguddoo raawwachaa tureera; raawwachaas jira.
Sochii biirichi taasisaa tureen kitaabonni adda addaa Afaan Oromootiin akka barreeffaman ta’eera. Qorannoo Afaan Oromoorratti taasifamaa tureen jildiiwwan adda addaa akka qophaa’an ta’eera. Sirna Gadaafi Seenaa Oromoorratti barreeffamoonni adda addaa qo’annoofi qorannoorratti hundaa’uun barreeffamaniiru.
Obbo Alamaayyoo Hayilee, Obbo Sintaayyoo Tolaa, Doktar Daani’eel Dheeressaa, Doktar Sambatoo Bushaafi Obbo Tashoomaa Adaraafaa namoota seenaa Oromoo qo’achuufi qorachuun Kitaaba Seenaa Oromoo Hanga Jaarraa 16ffaatti jedhu kan akka wabiitti dhaloonni Oromoo ittifayyadamu qopheessaniiru. Isa booda Kitaabni Seenaa Oromoo hanga Jaarraa 20ffaas itti fufuun qophaa’e. Kana malees kitaabonni seenaa Qabsoo Baalee, Seenaa Oromoo Maccaa, seenaa Oromoo Tuulamaa ittifufuun barreeffamaniiru.
Bara 1998 booda ammoo Aadaa Oromoo barreessuu qofa utuu hintaane misoomatti jijjiiruu qabna yaada jedhutu dhufe. Kanarraa ka’uun bakkeewwan aadaafi seenaa Oromoon walqabatanirratti Giddugalli Aadaa, Seenaafi siidaawwan yaadannoo akka ijaaraman ta’eera.
Giddugalli Aadaa Oromoo, Siidaan Calii Calanqoo, Siidaa Yaadannoo Wareegamtootaa, Siidaan Aannolee, Giddugalli Aadaa Salaalee, Galmi Odaa Bultum ijaaramaniiru. Isa booda Galmi Odaa Nabee, Me’ee Bokkoo, Gumii Gaayyoo, Odaa Bisil, Giddugala Aadaa Shanan Gibee, Saglan Iluu, Giddugala Aadaa Ja’an Sayyoo maallaqa ummatarraa walittiqabamaniin kan ijaaraman ta’u.
Bara 2010 jijjiiramaan booda ammoo duudhaa Oromoo ganamaatti haa deebinu yaada jedhutu dhufe. Jijjiirama kanaan ajandaan waa’ee Oromoorratti ka’u hundi aadaafi duudhaa Oromoorratti akka xiyyeeffatu ta’e. Kanarraa ka’uun yeroo ammaa Giddugallii Qophii Nyaataafi Leenjii Nyaata Aadaa Oromoo, Giddugala Gurgurtaafi Nyaata Aadaa Oromoofi kanneen biroon Finfinnee keessatti ijaaramaa jiru.
Irreechi Hora Finfinnees waggoota 150 booda jijjiirama kana waliin bara 2012 deebi’e. Dhimmoonni Kenna Tajaajila Lammummaafi Buusaa Gonofaas aadaa Oromoorratti hundaa’uudhaan labsii Caffee ta’anii akka bahan ta’eera. Naannoo Oromiyaatti barnoonni Sirna Gadaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti akka kennamu ta’eera.
Manni Murtii Aadaas akka hundaa’u ta’eera. Jijjiirama kana booda ajandaaleen waa’ee Oromiyaa murteessuuf ba’an hundi dhimmoota aadaafi duudhaa Oromoo giddugaleessa akka godhatan ta’eera.
Dhaabbileen Qo’annoofi Qorannoo Oromoo dhaabbilee barnootaa keessatti akka babal’atan ta’eera.
Inistiitiyuutiin Qo’annoofi Qorannoo Oromoofi Komiishiniin Turizimii Oromiyaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa jalatti of danda’ee akka hundaa’u ta’eera. Isaan kunneen mootummaan naannichaa aadaafi duudhaa Oromoo ganamaatti deebi’uuf sochii cimaa taasisaa jiraachuu agarsiisu.
Haaromsa Sirna Gadaa taasifameen ammoo wiirtuuleen Gadaa Oromoo baay’eensaanii haarawaa jiru. Iddoowwan Irreechaas babal’ataniiru. Fakkeenyaaf bara 1980 malkaawwan sadiirratti, bara 1999 malkaawwan 15 irratti, bara 2014 ammoo malkaawwan 46 irratti kan irreeffataman yoo ta’u, bara 2015 ammoo malkaawwan 63 irratti irreeffatamaniiru. Keessumaa jijjiiramaa as wantoonni gaggaarii hedduun raawwatamaa jiru.
Hojiileen gama hundaan aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo ganamaatti deebi’uufi guddisuuf taasifamaa jiran caalaatti milkeessuuf rakkoon nageenyaa iddoowwan gara garaatti mudatanii jiran mariifi marabbaan furamuu qabu.
Rakkoo nageenyaa kanaaf sababni guddaan dhaabbilee siyaasaati. Sirni Gadaa Oromoo dhaabbilee siyaasaatii ol waan ta’eef dhaabbilee siyaasaa walitti qabee araarsuu hindandeenye. Utuma sirni Gadaafi duudhaaleensaa jiranii dhiigni namaa dhangala’aafi namni walajjeesuun ture. Wantoonni dhaga’uufi arguuf namatti hintolle hedduunis raawwatamaniiru.
Kun haaressi Gadaa hundaa’uu malee humna kan hingodhanneefi Abbootiin Gadaa beekamtii argatan hawaasa keessa oolanii hojii isaanirraa eegamu bahachaa kan hinjirre ta’uu agarsiisa. Abbootiin Gadaa waadaa yeroo filataman galan sirriitti bahachuu qabu. Gadaa jabeessuun, dhaloota ijaaruun, bakka Sirna Gadaa, haqaa, amantii, waldhabbii hiikuu laafeefi bade jirutti deebisanii jabeessuun gahee Abbootii Gadaati.
Abbootiin Gadaa magaalota keessa utuu hintaane gad bu’anii hawaasa keessa jiraachuu qabu. Abbootiin Gadaa bajata mootummaarratti utuu hintaane ummatarratti hirkachuu qabu. Gumaachi Abbootii Gadaa ummata. Ummanni loowwan, lafaafi midhaan kenneefi Abbootii Gadaa tumsa.
Aadaan kun ammayyuu Booranaafi Gujiitti hojiirra oolaa jira. Gumaanni Abbootii Gadaa ummata ta’uu baannaan Sirni Gadaa jabaachaa hindeemu. Abbootiin Gadaas hojiilee isaanirra eegaman sirnaan bahachuu hindanda’an waan ta’eef dhimma kana kallattii qabsiisuun barbaachisaadha.
Aadaan Oromoo ammayyuu kallattii ummanni barbaaduun deemuu dhabuun hanqina mul’achaa jiruudha. Industiriiwwan aadaa faffaca’anii jiran deebi’anii ijaaramanii gara misoomaafi dinagdee biyyaatti fiduunis dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha. Giddugalawwan Aadaa ijaaramuuf karoorfamanis dafanii gara ijaarsaatti seenuu qabu.
Bariisaa: Dhaloonni ammaa aadaafi duudhaasaa akka eeggatuuf maaltu ta’uu qaba?
Antirpolojisti Olaanaa: Dhaloonni ammaa caalaatti hojii jaalachuu, Uumaa sodaachuu,
maanguddootaafi hangafootasaa kabajuu, gochoota hammeenyaarraa fagaachuu qaba. Yeroo ammaa waan hamaa hojjetee, nama miidhee ykn ajjeesee kan gammadutu jira. Dhaloonni kun of ilaalee Sirna Gadaa, beekumsaafi eenyummaasaa ganamaatti deebi’uun irraa eegama.
Ta’uu baannaan bakkawwan lamatti qoodama. Inni aadaasaa qabatee jabeeffate ni darba; kan dagate ammoo eenyummaasaa dhabaa deema. Kun akka hintaaneef aadaafi duudhaa keenya ganamaatti deebi’uun furmaata.
Ammayyummaafi teknolojiinis aadaa, duudhaafi eenyummaa keenya nurkaa gatuu hinqaban. Dhaloonni kun gaarummaafi qajeelummaa abbootiirraa dhaale eegee dhaloota ittaanutti dabarsuu qaba. Hojiin dhaloota kana aadaa, duudhaafi safuu Oromoo ganamaa barsiisuu dhaabbilee barnootaa keessattis cimee ittifufuu qaba. Kitaabni Safuu dhiyeenya kana eebbifamee barattoonni akka irraa barataniif dhiyaate kanaaf fakkeenya gaarii ta’a.
Namni tokko amantii Islaamaa, Kiristaanaa ykn Waaqqeffataa keessaa tokko hordofa. Dhaabbileen amantii hunduu waan gaarii barsiisu. Dhaabbileen amantii kunneen dhaloota qajeelchuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu qabu.
Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas dhaloonni kun barmaatilee hamaarraa goree dhaloota qajeelaa akka ta’uuf hojiilee guguddoo raawwachaa jira. Namni ani Oromoodha jedhu waa’ee aadaa, duudhaafi safuu Oromoo beekee calaqqisiisuu qaba. Waa’een namaaf na’uufi Waaqa sodaachuu dhaloota kana keessatti hundee gad fageeffachuu qaba. Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, Abbootiin Amantii, Maanguddoonniifi Hayyoonni Oromoo dhaloota kana qajeelchuurratti qindoominaan hojjechuu qabu.
Utuu aadaafi duudhaa ganamaa keessaa ba’uu baannee atakaaroon mul’atu hindhufu ture. Lubbuun namaa garmaleetti darbu, rakkoon nageenyaafi qabeenyi barbadaa’uun hinmudatu ture. Rakkoon kun anatu sii beekaafi anatu sicaalaa kan jedhuun nutti dhufe.
Aadaafi duudhaa keenya ganamaatiin buluu dhabuun balbala Oromummaa cabsee ayyaana nurraa kaaseera. Ayyaana nurraa ka’e deebifachuuf aadaafi duudhaa
ganamaatti deebi’uu qabna. Yoo duudhaa ganamaatti deebine nageenyi ni bu’a, dinagdeen keenya ni fooyya’a, rakkoon nageenyaa, siyaasaafi hawaasummaa keenyas ni furama.
Bariisaa: Duudhaalee Ayyaanni Masqalaafi Ayyaanni Irreechaa waliin qaban maalfaadha?
Antirpolojisti Olaanaa: Ayyaanonni Masqalaafi Irreechaa akeektuu barii birraati. Ayyaanonni lamaan ayyaanota abdiifi galateeffannaati. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee ammoo Hagayya 16 irraa eegalee adeemsifama. Ijoolleen dhiiraa walwaamanii Goobee kan taphatan yoo ta’u, shamarran ammoo Shinooyyee taphatu. Goobeefi Shinooyyeen hanga Masqalaatti ittifufee taphatama.
Ayyaanni Gubaa ykn Masqalaa ganni darbee birraan bari’uun walqabatee kabajama. Oromoon guca qabsiisee manasaa keessa naanna’ee biyya nagaa nuu godhi, hamaafi hamtuu nurraa qabi, gooliin ba’i gooltuun ba’i, gaariin haadhufu, ifni haadhufu jedhee kadhata.
Barana bara nagaa naaf godhi jedhee Waaqasaa galateeffata; kadhatas. Oromoon gubaa kana akka maatiitti manasaa biratti erga ibsee booda hawaasa naannawaa waliin ammoo bakka tokkotti guba. Dargaggoonni gubaa kanaan booda mana namootaarra naanna’anii ni sirbu, nyaata kennameefis nyaatanii eebbisu.
Ayyaana Irreechaa dura sirna araaraatu jira. Oromoon ayyaana Irreechaa dura malkaa gamanaafi gamasiirraa walitti dhufee sirna hulluuqqoo geggeessa. Hulluuqqoon sirna bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti ce’uu agarsiisuuf raawwatamuudha. Hulluuqqoon muka jiidhaa lama dhaabanii mataasaa walqabsiisuun gidduu hulluuqama.
Sirna hulluuqoo kanarratti namoonni wallolan yoo jiraatan utuu hin hulluuqin dura rakoo qalanii walitti araaramu. Oromoon ijoolleefi horiisaa qabatee hulluuqqoo kana keessa darbuun malkaa malkaasaatti irreeffata. Ayyaanni Irreechaa guddaan Oromoo Malkaa tokkorratti walitti fidu sirna hulluuqqoo booda adeemsifama.
Ayyaanonni Gubaas ta’e Irreechaa duudhaa araaraa, gamtoominaa, tokkummaafi galateeffannaa of keessaa qabu. Ayyaanota lamaanirratti utuu hinhirmaatin dura namoonni wallolan yoo jiraatan dursanii walitti araaramu. Oromoon ayyaanota lamaan bakka tokkotti walitti dhufee waan kabajuuf hariiroofi tokkummaa Oromoo cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu. Ayyaanota guguddoo Oromoon Waaqasaa ittigalateeffatuufi kadhatu keessaa Ayyaanni Gubaafi Irreechaa adda durummaan eeramu.
Ayyaanni Hora Finfinnee torban har’aa Magaalaa Finfinneetti, Irreechi Hora Harsadii ammoo torban borii Magaalaa Bishooftuutti kabajama. Ayyaanota kunneen milkaa’ina guddaadhaan keessa darbuuf koreewwan adda addaa hundaa’anii qophii barbaachisu hunda taasisaniiru. Koreewwan dhimma nageenyaa, aadaa, miidiyaa, fooramii, agarsiisaafi baazaarii irratti hundaa’an hunduu dursanii karoora baafatanii irratti hojjechaa kan turan yoo ta’u, hojiinsaaniis yeroo yeroon qoratamaa jira.
Ayyaana baranaa kanarratti baay’inni ummataa caalaatti akka dabalu gochuun barbaachisaadha. Ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee akkuma bara 2012tti akka kabajamuuf qophiileen barbaachisan xumuramaniiru. Irreechi ayyaana ummata Oromoo qofa utuu hintaane saboonniifi sablammoonni biyyattii biroon Oromoo waliin kabajan ta’eera. Irreechi ayyaana nagaa waan ta’eef dhimmi nageenya ayyaanichaa koree nageenyaafi qaamolee nageenyaatiin hordofama.
Irreechi iddoo hoodaa, safuufi ulfoo waan ta’eef hunduu duudhaa ayyaanichaa sirriitti eegee irratti hirmaachuu qaba. Namni masgiida ykn bataskaana dhaqu tokko wallolaafi walarrabsaa hindhaqu. Namni gara irreechaa dhufus yaada hamaa fudhatee dhufuu hinqabu.
Araarriifi nageenyi duudhaa ayyaanichaa waan ta’eef namni wallole utuu gara Irreechaa hindhufin dura walitti araaramuu qaba. Maanguddoonni, haawwaniifi dargaggoonni sirna araaraa kana naannawaasaaniitti raawwachuufi raawwachiisuu qabu. Ayyaanni Irreechaa karaa aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo guddisuufi beeksisuu danda’uun kabajamuu qaba. Hirmaattonni ayyaanichaas uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhaganii hirmaachuu qabu.
Ayyaanni Irreechaa ajandaa siyaasaarraas bilisa ta’uu qaba. Waggaa guutuu dhimma siyaasaarratti dabarsuu dandeenya. Guyyoota lamaan kanneenitti garuu waa’ee siyaasaa dhiifnee nageenya ayyaanichaaf tumsuun guyyicha guyyaa galataafi gammachuu haa goonu.
Nageenya ayyaanichaa dhugoomsuuf dargaggoonni gumaacha guddaa irra eegamu bahachuu qabu. Ayyaana Irreechaa ‘UNESCO’tti galmeessisuuf barana sadarkaa naannootti qo’annoofi qorannoon kan geggeeffame yoo ta’u, bara dhufu ammoo sadarkaa biyyaatti kan adeemsifamu ta’a. Kanaafis bu’aawwan ayyaanichi gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin qabu waan ilaalamuuf Oromoon hundi nageenya ayyaanichaa tiksuu qaba.
Waggoota muraasa dura namni uffannaa aadaa Oromoo uffatee deemu akka addaattti ilaalamaa ture. Yeroo ammaa garuu ilaalchi kun jijjiiramee uffannaan aadaa Oromoo karaa maluufiin guddachaafi babal’achaa jira. Yeroo ammaa ummanni Oromoo uffannaafi faayawwan aadaasaatiin miidhagee mul’ata.
Dizaayinii uffannaa aadaa Oromoorrattis jijjiiramni guddaan mul’achaa jira. Uffanni aadaa Oromoo utuu dizaayiniisaa ganamaa gad hindhiisin haala bakkaafi sagantaa kamittuu uffatamuu danda’uun dhiyaateera. Uffatichi dinagdee guddaa sochoosaa waan jiruufis caalaatti irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Uffannaan aadaa kun keessumaa waggoota shanan as haala ajaa’ibaatiin uffatamaafi hojjetamaa jira. Irreechi waltajjii aadaa, duudhaafi uffannaan addunyaatti agarsiifamu waan ta’eef kan duriirra mul’achuu qaba.
Oromoon akkuma siyaasarratti dammaqe dhimmoota dinagdeefi hawaasummaarrattis irra deebi’uu qaba. Dargaggoota gara dinagdee biyyaa keessatti galchuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha. Waltumsinee aadaafi dudhaa keenya guddisuu, misoomsuufi babal’isuu qabna. Yoo Gamtaan hojjenne bakka yaadnu ni geenya.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
4 Comments to “ “Masqalliifi Irreechi ayyaanota duudhaa walfakkaatoo araara, gamtoomina, tokkummaafi galateeffannaa of keessaa qabaniidha”-Antirpolojisti Olaanaa Tashoomaa”
Comments are closed.