Finfinnee: Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’amaa jira.
Mariin kun mataduree “nageenya gama hundaa egeree buusuuf tumsa qaama hundaa gaafata” jedhuun taa’amaa jira.
Walitti qabaan komaand poostii Bahaardaariifi naannawashee Meejer Jeneraal Mulu’alem Admaasuu, hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Bahaardaar, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaafi kutaaleen hawaasaa biroon waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Gorsaan quunnamtii ummataa bulchiinsa magaalaa Bahaardaar obbo Gizeew Taakkalee barreeffama dhiheessaniin, rakkoo nageenyaa tureen namaafi meeshaarratti gahuusaa ibsaniiru.
Rakkooleen kunneen karaa nagaa egereef kan furamanidha kan jedhan obbo Gizeew, akkaataa kallattii mootummaan kaa’een akka hiikaman ummata waliin hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Nageenyaafi misooma egeree mirkaneessuuf hirmaannaa ummataa cimsuun kaayyoo marii kanaa ta’uusaa beeksisaniiru. TOI
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
2 Comments to “Mariin nageenyaa ummata hirmaachise magaalaa Bahaardaaritti taa’ame”
Comments are closed.