Irreechi ulfoodha, xiqqaafi guddaan kabajama, waggaa waggaan bari’uu birraa hordofee ummata Oromoo biratti haala ho’aadhaan osoo amantiidhaan, lagan, gandaanfi ilaalchaan walhinqoodiin Oromoon tokkummaan bahee uumaasaa kan itti galateeffatuudha. Kanarraa kan ka’e ummaticha biratti kabajaafi naamusa mataasaa qaba.
Ummanni Oromoo Odaawwan shanan jala jiru marti osoo biyya keessaafi alaa hinhafiin uumaa dukkanaafi bacaqii gannaa keessaa ifa birraatti isa baase horaafi malkaatti bahuun jiidha qabatee guyyaa itti uumaasaa galateeffatuudha. Guuta lageeniin kan walirraa fagaatee firaafi ollaan dhufaatii birraa kana hordofuun walitti dhufuun baga ijji nagaa wal nu arge, baga nagaan baatan waliin jechaa uumaa galateeffatu.
Irreecha jechuun galateeffachuu jechuu yoo ta’u, kan galateeffatamu uumaa uumama hundaati malee laga, malkaa, tulluu ykn muka miti.
Aadaafi duudhaan kun ummata Oromoo biratti waggaa waggaan dhufaatii birraa hordofuun uffata aadaatiin faayamee, faayawwan gara garaatiin miidhagee gara horaatti imaluun erga abbaan malkaa, malkaa saaqee booda walduraa duuba eeguun sirna galteeffannaa kana raawwatu jechuudha.
Sirni galateeffannaa kun duudhaasaa eeggatee akka gaggeeffamuuf naamusa Oromummaan kallattii abbootiin Gadaa kaa’an hordofee gaggeeffamuu akka qabu Jiraattuu Magaalaa Adaamaa kan ta’aniifi Haati Siinqee Siikkoo Mandoo Shamsiyyaa Guutamaa ni dubbatu.
Turtii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin Irreechi ulfoo ta’uu kabajaafi naamusa mataasaa eeggatee akka gaggeeffamuu qabu kan kaasan Haati Siinqee tun, Qeerroonis ta’e Qarreen hangafootasaaniin durfamanii sirna galateeffannaa kana raawwachuu akka qaban, walduraa duubasaas beekanii dhaloota duuba jiruuf dabarsuuf naamusaan akka gaggeessan ibsu.
Baay’inni namoota ayyaanicharratti hirmaatanii daran olaanaa ta’uun walqabatee waldaddarbachuun, waldhiibuun gaaga’ama fiduun haala duudhaa sirnichaa miidhuu waan danda’uuf gamanumaa of qopheessuun barbaachisaa ta’uu kaasu.
Dargaggoonni keenya ilaafi ilaameen duudhaasaanii naamusaan milkeessuun tattaaffii ayyaanicha ‘UNESCO’tti galmeessisuuf taasifamu galmaan ga’uuf yoomiyyuu caalaa hojjechuu qabu jedhan.
Oromoon ummata guddaa safuu, naamusaafi ilaalcha dimokraatawaa, sirna Gadaatiin of ijaare waan ta’eef wanti hojjennu marti dimokraatawaa ta’uu mala jedhu Aadde Shamsiyyaan.
Irreechi ‘UNESCO’tti galmaa’uun Oromoofi Oromummaa cimsuun addunyaa waa’ee keenya beekuu qabuuf barsiisuuf waan gargaaruuf miidhagnee baanee miidhamnee galuu osoo hintaane kabajaan galuufi milkaa’inaan ofkallee galuun nurraa eegama jechuun ibsu.
Sirni galateeffannaa kun oggaa waggaa waggaan kabajamu Oromoo biyya keessaafi ala jiruu ala sabaafi sablammiileen Itoophiyaa kanneen akka Sidaamaa, Halaabaa, Gaamoo, Walaayittaa, Qimaanti, Tigraay, Amaaraa, Agawu, Burjii, Beenishaangul Gumuziiffaan miira kankooti jedhuun irratti argamuun gammachuusaanii dhandhamaa ayyaanicha miidhagsu.
Sabaafi sablammiileen kunniin kabaja ummata Oromoof qaban agarsiisuuf aarsaa yeroo, maallaqaa, aantummaa kaffalanii kandhufan waan ta’eef kabajaan simannee kabajaan gaggeessuun dirqama Oromummaa ta’uullee kaasanii, keessumattuu Qeerroofi Qarreen Oromoo ittigaafatamummaasaanii haalaan bahachuun irraa eegama jedhu.
Keessummaa nama ayyaanicha miidhagsuuf dhufe simatanii ayyaanicharratti gammachuu waliin dhandhamaa kabajaan gaggeessuun dirqama Oromummaa waan ta’eef gama kanaan dargaggoonni abbummaan tajaajiluun irraa eegama jechuudha.
Oromoon aadaafi duudhaasaa akkasumas sirnasaa qofa miti alangeensaa, siinqeen, uffanni aadaa, naamusa, kabajaafi dimokraasii kan labsan waan ta’eef ayyaanicha miidhagsuun barbaachisaadha.
Jibbi jaalalaan, lolli araaraan akkuma injifatamee bareedu jaarraa tokkoofi walakkaa oliif Hora Finfinneerratti galateeffachuun hafee mufii Oromoon qabu ture wareegama qaaliifi qabsoo hadhaa’aan erga deebi’ee kabajni ayyaana Irreechaa iddoosaa ganamaatti deebi’ee akka gaggeeffamu ta’uun injifannoo guddaadha.
Injifannoon Hora Finfinnee bakkatti deebisuurratti argame kun garaagarummaa ilaalcha siyaasaafi amantiitiin akka hinboorofneef sirna ofii ofumaa tikfachuun nageenya waloof waliin dhaabachuun barbaachisaadha.
Milkaa’ina Oromootti kan hingammanne jiraachuu mala kan jedhan Haati Siinqee Shamsiyyaan, ilaalcha kamuu jaalalaan injifannee caallee argamuu qabna yaada jedhu kaasaniiru.
Ayyaanichi kan milkii, kan araaraa tokkummaan Oromummaa kan irratti calaqqisu waldhabdeefi rakkoon gargaagarummaa siyaasaa ittifurmaata argatu akka ta’uuf hawwii qaban ibsataniiru.
Egaa Irreechi Ulfoodha jedhanii kan ulfeeffatu, safeeffatu kan galateeffatu marti haadholii osoo hingufachiisiin abbootii osoo hingufachiisiin miidhagee bahee miidhagee akka galuuf tokkummaan keenya cimuu qaba ergaa jedhus dabarsaniiru.
Kun bu’aa qabsoo ilmaan keenyaati kan jedhan Aadde Shamsiyyaan duudhaan kun ilaalcha siyaasaa gara garaatiin boora’uu akka hinqabne, Irreechi madda nageenyaafi jaalalaa kan tokkummaa ta’uu akka qabu dubbataniiru.
Irreechi eenyummaadha, aadaadha, duudhaadha, sirna galateeffanaadha, Oromoon ala sabaafi sablammiileen hunduu waliin ta’anii kabajachuun haaluma kanaan dura barameen ittifufuu qaba kan jedhan ammoo Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoofi Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaati.
Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa ibsa kabaja ayyaana Irreechaa bara 2016 ilaalchisuun miidiyaaf kennaniin ayyaanichi Fulbaana 26fi 27 bara 2016 akka gaggeeffamu kaasaniiru. Irreechi siyaasa, amantiifi qoodinsa sanyiirraa bilisa ta’uu himanii, mallattoo Abbaa Gadaatiin miidhagee gaggeeffamuu akka qabu eeraniiru.
Dirreen Irreechaa dirree sirni galateeffannaa uumaa ofii itti gaggeeffamu malee kan siyaasaa miti. Qaamolee milkaa’ina Oromootti inaafan sirnicha siyaasaafi amantiidhaan waalitti hidhuuf yaalu. Kun ammoo gonkumaa fudhatama hinqabu jechuun dubbatu.
Ayyaanni kun Oromiyaa keessatti haa kabajamu malee kan Itoophiyanota hunda biratti hawwiidhaan eegamu, hirmaachisaafi dimokraatawaa ta’uu dubbatu.
Kanaafuu, ilmaan sabaafi sablammiilee kutaalee Itoophiyaa gara garaatti argaman miira ayyanichi kankooti jedhuun waggaa waggaan Hora Finfinneefi Hora Harsadiirratti argamuun uffata aadaasaanii, walleefi agarsiistuu eenyummaasaaniin faayamanii ayyaanicha dabaalaa turan ammas qophiitti jiru.
Nuti abbaan ayyaanichaa ammoo keessummaa ayyaanicha miidhagsuu qe’ee keenya dhufu nooruu jennee waan qabnuun keessummeessinee kabajaan gaggeessuun dirqama keenya jedhu Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
Dargaggoonni walduraa duubaafi kallattii Abbootiin Gadaa kaa’an hordofuun hangafootaaf dursa kennanii keessummaa ittaansuun naamusaafi kabajaan gaggeessuuf of kennanii hojjechuu qabu yaada jedhus ni kaasu.
Ilaalchi siyaasaa kamuu ayyaanicharratti mul’achuu hinqabu kan jedhanii, faajii (mallattoo) Abbaa Gadaa qofaan ayyaanicha dabaalanii miidhagsuufi milkaa’inaan xumuruun agarsiistuu Oromummaa ta’uu dubbatu.
Ayyaanicha ‘UNESCO’tti galmeessisuuf sochiin taasifamaa jiraachuullee eeranii, kun akka milkaa’uuf duudhaafi aadaa Irreechaa kabajuun agarsiistuu dimokiraasii, walqixxummaafi tokkummaa ta’uu mul’isuun barbaachisaadha jedhu.
Irreechi sirna galateeffanaa Itoophiyaanonni hundi irratti argaman waan ta’eef dhalattoonni biyya keessaafi ala jiran si’aa’inaan irratti hirmaachuu akka qaban dhaamaniiru.
Guyyaa Irreechi bara 2016 kan Hora Finfinneefi Harsadee ittigaggeeffamu kunis akkaataa bara lakkaawwannaa ummata Oromootiin erga qoratamee booda guyyoota eeramanitti akka gaggeeffamu murtaa’eera jedhan.
Sirni galateeffannaa kunis erga Abbaan Malkaa malkaa saaqee booda walduraa duubasaa eeggatee kan gaggeeffamu yoo ta’u, dargaggoonni keessumaa qeerroofi qarreen haadholiin akka hingufanne, abbootiin akka hinmufanne eegumsaafi kunuunsa gochaa Irreechi Irreecha milkii akka ta’uuf hojjechuu qabu.
Hirmaattonni gammadanii dhufanii gammachuusanii obboleeyyansaanii waliin dhandhamanii eebba Abbootii Gadaa kan baranaan nugeesse bara egereen nugahi jedhanii wal-eebisuun naamusaafi nagaan walgaggeessuun barbaachisaa ta’uus kaasaniiru.
Ayyaanni ulfoo Irreechi bara 2016 kan Hora Finfinnees kan Hora Harsadiis nagaan jalqabamee nagaan akka xumuramuuf hunduu tumsuu akka qabu Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa dhaamaniiru.
Irreechi Irreecha milkii kan nagaa kan gammachuu kan obbolummaafi tokkummaa waanta’eef miidhagnee baanee miidhagnee gammannee galuu qabna ergaa jedhus dabarsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
4 Comments to ““Irreechi ulfoodha, haadholiin gufachuu, abbootiin mufachuu hinqaban”Haadha Siinqee Siikkoo Mandoo Shamsiyyaa Guutamaa”
Comments are closed.