Gareen Kubbaa Miillaa Luusii qabxii qooddate

Tapha xumuraa waancaa Afrikaa irratti tapha jalqabaa gita isaanii Burundii waliin Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti kan taphatan Luusiin 1 fi 1n xumuramaniiru.

Goolii garee biyyaalessaa dubartoota Itoophiyaaf Radi’eet Asrasaany dursitee kan galchite ta’us, taphattuun garee Burundii Kanyamuneza wal qixxeessuu dandeessee jirti.

Gareen biyyaalessaa lamaan tapha deebii isaanii torbee dhufu Kibxata kan taphatan yoo ta’u, gareen waliigalaan injifate gara marsaa itti aanutti darba.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Gareen Kubbaa Miillaa Luusii qabxii qooddate”

Comments are closed.