Baatiin Fulbaanaa keessa jirru kun Qaam’eerraa eegalee ji’a ayyaanota adda addaa keessummeessuun beekamuufi badhaadheedha. Baatiin kun gama kaaniinis ji’a barnoonni itti eegalamu, Guyyaan Turizimii Addunyaa, Guyyaan Maanguddootaa ittikabajamuufi taateewwan biroollee keessummeessuudha.
Keessumaa Fulbaanni baranaa haala adda ta’eefi heddummina keenya ibsuun walduraa duubaan ayyaanota Mawulidiifi Mijjirii (Masqalaa) gaafa 16fi 17; torbeessaatti ammoo aduu 26fi 27 ayyaana Irreechaa Hora Harsadeefi Finfinnee ni keessummeessa.
Ayyaanota kanneen xiqqaa guddaan, qabeessiifi hiyyeessi, magaalaafi baadiyyaan, lammiin biyya keessaafi ala jiru akkasumas turistoonni hawwiidhaan eeggatu.
Ayyaanonni kunneen keessumaa Masqalliifi Irreechi yeroo ganna dukkana keessaa gara booqaa birraatti ce’ametti waan kabajamaniif abdiifi miira addaa nama keessatti uumu. Waluma yaadachiisuuf fakkeenya kaasnee tokko tokkoon gabaabinaan haa ilaallu mee.
Masqala
Guyyaan Masqalaa Oromoo biratti guyyaa gammachuuti. Guyyaan kun guyyaa intalli heerumte qincee ykn dhangaa abbaan jaalatu qabachuun warrashee ittigaafatuudha. Kana malees tapha obbolaashee dirree garmaamaatti ba’uun gootummaa obbolaashee kan ittidaawwattuudha.
Guyyaa kana fardi ganna sooramaa bahe meeshaa fardaatiin faayamee garmaamaaf ba’a. Taphni fardaa ykn gugsii seera ittiin raawwatamu qaba. Abbootiin seeraas maanguddoota dur leenjii fardaatiin beekaman yoo ta’u, iddoo ka’umsaafi ga’umsaa qaba. Taphattoonni iddoowwan lamatti ykn gamaafi gamanatti addaan fo’amanii dhiichisaa tuuta tuutaan dorgomu ykn kan dura kaatu reebuun geggeessu.
Reebichi kunis yoo xiqqaate fageenya meetira 500-600 kan hincaalle ta’ee iddoon ka’umsaa gara meetira 30 yoo ga’u, namni ari’u sagalee ‘qabi’ jedhu dhageessisaa, kan fardaan fuuldura gulufus gaachanaan ofirraa qolachuuf dheeffasaa itti cimsa.
Kan ari’us siinqee ykn ulee qabu akka waraanaatti itti darbata. Kan kaatus yoo danda’e qolatee jalaa baha. Kana booda gareen dheessaa ture duubatti deebi’ee dabareesaa kan ari’u yoo ta’u, kan ari’aa ture immoo akka dheessuu ta’a. Bifa kanaan hanga galgalaatti taphachaa oolanii galgala dhiichisaa addaan galu.
Kun egaa taatee ayyaanni Masqalaa dirreerratti miidhaginaan keessummeessuudha. Ibsaa ykn mijjirii baasuunis taatee Masqala hordofee haala wajjummaafi gamtoomina agarsiisuun raawwatamuudha. Ayyaanichi qe’eettis ollaa wajjin taateewwan adda addaatiin waa’elchameeti sirna ho’aadhaan kan kabajamu.
Irreecha
Irreechi aadaa galateeffannaati. Galata waaqaaf galchuudha. Ummatni Oromoo Aadaa jaarraawwan dheeraaf Sirna Gadaa keessati kuufate qaba. Aadaan immoo muuxannoofi yaadota bara dheeraa keessaa dhala namaatiin darbaa dabarsaan gara dhalootatti dhufuudha. Aadaan Oromoo kan hammatame sirna Gadaa keessatti. Oromoon Gadaa miseensa shanitti qoodee jiruufi jireenyasaa sirnaan ittiin gaggeessan waliif dabarsuudha.
Kunis yeeroosaatti sirna gaggeessumaan beekamee guutuu kan tureedha. Kanaaf gadaa damee siyaasaa, damee dinagdee, damee hawwaasummaafi amantii ni qabaata. Kana keessatti Gadaan damee amantii namoonni akkamitti akka waaqeffataniifi dhugeeffatan seera qaba. Seerri kun Seerota Ulfaa ja’an Gadaan lallabu keessa kan jiran seera Waaqaafi Lafaa, Seeraa Abbaafi Hadhaa, Seeraa Malkaafi Tulluu jedhamu.
Irreeffachuun galateeffachuudha. Galanni immoo uumama qabatanii Uumaa kadhachuudha. Kanaaf Oromoo margaa jiidhafi abaaboo ykn dararaa qabatee Malkaa bu’uufi Tulluu yaabee irreeffata jedha barreeffamni hayyuu aadaafi seenaa Obbo Alamaayyoo Hayileetiin qophaa’e.
Kunniin egaa walumayaadachiisuuf akka garba keessaa bishaan fal’aanaan qicuuti. Ayyaanonni duudhaafi ergaa cimaa akkanaa of keessaa qaban kunniin haaluma kamiinuu kan ergaan siyaasaafi fedhiin dhuunfaa kamuu irratti calaqqisu ta’uu hinqaban. Kun tasumaa akka hintaaneef ammoo abbaa ayyaanota kanneenii kan ta’e ummanni bal’aan keessumaa dargaggoonni qoodasaanii adda durummaan bahachuu qabu.
Akka hoggantuun Biiroo Nageenyaafi Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee, Aadde Liidiyaa Girmaa jedhanittis, ayyaanonni kunniin haala duudhaasaanii akka kabajamaniif hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Oggaa ayyaanonni kunniin kabajaman qaamoleen akeeka diigumsaa qaban walittibu’iinsa uumuuf ni socho’u. Kaayyoo diigumsaa kana fashaleessuufis qophiin taasifameera. Walumaagalattuu ayyaanonni keenya kamuu tuttuqaafi qoccollaa kamirraayyuu walaba ta’uu qabu.
Ayyaanotni kunniin kan jaalalaa, badhaadhinaafi kan tokkummaa nuuf haa ta’an!
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
One Comment to “ Ayyaanonni gochoota hinmalle kamirraayyuu walaba ta’uu qabu”
Comments are closed.