Ayyaanonni amantiifi ummataa adadaaba’iirratti waloodhaan kabajaman duudhaa obbolummaa, tokkummaafi wajjummaa keenyaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qabu. Ayyaanonni kunneen mallattoo tokkummaafi obbolummaa keenyaa ta’anii akka ittifufaniif safuufi duudhaawwansanii ganamaa eeguun daran barbaachisaadha.
Ayyaanota addababa’iitti kabajaman keessaa kanneen ‘UNESCO’tti galmaa’aniifi galmaa’uuf adeemsarra jiran hedduudha. Kanneen galmaa’anis ta’e hingalmoofne aadaafi duudhaa keenya ummata addunyaatti beeksisuu keessatti gahee waan qabaniif nageenya, duudhaafi safuusaanii eeggatanii akka kabajamaniif sirriitti eeguun barbaachisaadha.
Saboonniifi sablammoonni biyya keenyaa ayyaanota addababa’iitti kabajaman tokkummaafi jaalalaan waliin kabajuudhaan beekamu. Masqalliifi Irreechaa ammoo ayyaanota torban dhufan walduraa duubaan addababa’iitti kabajamaniidha. Ayyaanonni kunniin sirnaafi duudhaa ittiin geggeeffaman qabu. Kanaafuu aadaafi duudhaasaanii eegnee tokkummaafi jaalalaan waliin kabajuun obbolummaafi tokkummaa keenya caalaatti cimsuun gahee hunda keenyarraa eegamuudha.
Abbootiin Gadaafi amantiis gama duudhaa ayyaanota kunneenii barsiisuufi eegsisuutiin gaheesaanii bahachuu qabu. Rakkoo nageenyaa iddoowwan adda addaatti mul’achaa jiranirraa ka’uunis hirmaattonni ayyaanota kanneenii qaamolee nageenyaa waliin qindoomanii hojjechuu qabu.
Ayyaanonni Masqalaafi Irreechaa ayyaanota addababa’ii namoonni kumaatamaafi miliyoonaan lakkaa’aman waltajjii tokkorratti ji’a jalqabaa bara haaraatti wajjummaan kabajaman waan ta’aniif ayyaanota waggaa abdiifi gammachuu guddaadhaan eegamaniidha. Kanaafuu miira tokkummaa, jaalalaa, gammachuufi nagaatiin kabajuun abdii keenya milkeeffachuu qabna.
Ayyaanonni addababa’iitti kabajaman turistoota biyya alaa hawwachuun madda galii ta’uurra darbanii uffannaa aadaa keenya ummata addunyaatti beeksisuu keessattillee gahee olaanaa qabu. Baay’inni turistoota ayyaanota addababa’iitti kabajaman irratti hirmaatanii caalaatti akka dabalu gochuufis keessumaa nageenya mirkaneessuun dhimma murteessaa xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.
Duudhaa sabdaneessummaa, obbolummaa, tokkummaa, jaalalaafi wajjummaa keenyaa caalaatti cimsuun milkaa’ina akeeka ayyaanota addababa’iitti kabajamaniis ta’e nageenya biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee tokko tokkoon lammii gumaachaa olaanaa qaba.
Aadaafi duudhaa keenya caalaatti cimsuun rakkoolee keenya hedduu gama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaatiin jiraniif furmaata waaraa ta’u. Kanaafuu bu’uura waan hundaa kan ta’e nageenya naannawaafi biyya keenyaa mirkaneessuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba.
Itoophiyaan biyya sabdaneettiidha. Sabdaneessummaa keessaa garaagarummaan amantii, afaanii, aadaa, seenaa, ilaalchaa jiraachuu danda’u. Garaagarummaan kun madda walittibu’iinsaa utuu hintaane miidhagina keenya ta’uu qabu. Biyya waliin qabnu waliin ijaaruuf dhimma biyyaarratti yaada walfakkaatuun tokkummaan irratti hirmaachuu qabna.
Ergaan waltajjii marii dhimmuma kabaja ayyaanota kanneenirratti xiyyeeffachuun abbootii amantiifi qaamolee nageenyaa jidduutti adeemsifamerratti darbes kanuma kan cimsuudha.
Ayyaanonni kunniin akka rakkoo nageenyaa tokko malee xumuramaniif humni nageenyaa naamusa guutuudhaan ittigaafatamummaasaa akka bahatuuf karoorfamee, hoggansaafi miseensota poolisii sadarkaan jiraniif ibsi kennamee ergamaaf qophii ta’uun ibsameera.
Ayyaanotaan daheeffachuun ajandaalee siyaasaa tarkaanfachiisuufi calaqqisiisuun sirrii akka hintaane hunduu hubatee barreeffamootaafi waantota walittibu’iinsa uuman kamuu qabatanii bakka ayyaanonni kunniin ittikabajaman deemuun dhorkaa ta’uunis dagatamuu hinqabu.
Egaa qophiileen haala kanaan taasifamanii yoo haalonni shakkisiisoon mudatan hawaasni haaluma barameen humna nageenyaatiif eeruu kennuun gumaachasaa bahatee akka ayyaanonni addababa’ii kunniin madda duudhaa obbolummaafi tokkummaa ta’anii ittifufan gochuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
4 Comments to “ Ayyaanonni addababa’ii madda duudhaa obbolummaa qofa ta’anii ittifufuu qabu”
Comments are closed.