Atileet Qananiisaa Baqqalaan Yunivarsitii Arsiirraa Doktireetii Kabajaasaa fudhate

Finfinnee: Yuunivarsiitiin Arsii sirna eebba barattootaa marsaa 9ffaa dhiyeenya adeemsifamerratti Atileet Qananiisaa Baqqalaaf Doktireetii Kabajaa kennuufiin ni yaadatama.

Atileet Qananiisaan yeroo sana waan biyya keessa hinturreef Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluun bakka bu’ummaan badhaasicha kan fuudhaniif ta’uunis ni yaadatama.

Gootichi Atileet Qananiisaa Baqqalaa Doktireetii Kabajaa Yuunivarsiitii Arsiirraa kennameefii ture Roobii darbe bakka Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Doktar Dhugumaa Addunyaa, Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluufi keessummoonni biroon argamanitti Doktireettii Kabajaafi beekamtii kennameef qaamaan dhiyaatee fudhachuusaa ragaa federeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Doktarri Kabajaa Atileet Qananiisaa Baqqalaa damee Atileetiksiin Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommiiwwan idil addunyaarratti hirmaachuun meedaaliyaawwan Warqee 26’n Itiyoophiyaa maqaa dhoofsisuu atileetii danda’eedha.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Atileet Qananiisaa Baqqalaan Yunivarsitii Arsiirraa Doktireetii Kabajaasaa fudhate”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Ulthera

Comments are closed.