Luusiiwwan gulaallii waancaa Afrikaatiif Burundii wajjin Finfinneetti ni morkatu

Finfinnee: Taphni gareen Kubbaa Miilaa Dubartootaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (Luusiiwwan) gitasaa kan Burundii wajjin Fulbaana 9 Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti kan adeemsifamu ta’uu Federeeshiiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera.

Taphichi dura ni adeemsifama jedhamee kan eegamaa ture Ruwaandaatti ta’us, waliigaltee federeeshiinota biyyoota lamaaniitiin taphni duraa Fulbaana 9, inni lammataa immoo Fulbaana 15 akka adeemsifamu ibsameera.

Luusiiwwan tapha gulaallii waancaa Afrikaa kanaaf shaakala dursanii eegaluunsaaniis ibsameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Luusiiwwan gulaallii waancaa Afrikaatiif Burundii wajjin Finfinneetti ni morkatu”

  1. Pingback: read this

Comments are closed.