Akkaadaamiin ispoortii Itoophiyaa bara 2016tti guddattoota 300 ol simachuuf qophaa’e

Finfinnee: Bara bajataa qabame kanatti guddattoota 300 ol ta’an simatee akaakuwwan ispoortii gara garaatiin leenjisuuf qophii xumuruu daariktarri olaanaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Obbo Ambassaa Inniyoo ibsan.

Akkaadaamichi ispoorteessitoota waltajjiiwwan addunyaa irratti maqaa biyyaa waamsisaniifi alaabaa biyyaa ol kaasanii mul’isan leenjii saayinsaawaa ta’een deeggaramee horachaa jiraachuus himanii, kanaaf immoo iddoon leenjiin itti kennamu mooraa lafa hektaara 24 irra jiruufi keessasaatti immoo; istaadiyeemii, jimnaaziyeemii, kutaalee barnootaafi ciisichaa akkasumas gandaa daakkaa kan sadarkaasaa eeggate akka qabu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; akkaadaamiin waggoota kudhan dura qarshii miiliyoona 290n ijaarame kun waggaa waggaadhaan ispoorteessitoota guddattootaa kutaalee biyyattii gara garaarraa walitti qabee akaakuuwwan ispoortii gara garaatiin leenjisaa jira.

Ispoorteessitoota bu’aa akkaadaamichaa ta’an keessaa; Atileet Lammeechaa Girmaa gama atileetiksiitiin, Solomoon Tufaa gama Worlid Tukaandootiin, akkasumas Naardos Sisaay gama maarshaal aartiitiin maqaa dhahuun ni danda’ama.

Akkaadaamichi baranas akaakuuwwan ispoortii sagaliin guddattoota 3007 filatee leenjisuu qophii barbaachisu xumureera.

Hanga ammaatti sochii taasifameen umuriinsaanii waggaa 16 gadi kan ta’an guddattootni 3000 galmaa’uu kan himan Obbo Ambassaan, haala ulaagaa taa’eetiin guddattoota 3007 keessaa filatanii gara akkaadaamichaatti kan fudhatan ta’uu TOItti himaniiru.

Haala ulaagaa taa’een calallii darbanii guddattootni leenjichaaf gara mooraa akkaadaamichaatti galan immoo waggoota afuriif leenjii kan fudhatan yemmuu ta’u, kunis giddu galoota leenjii akkaadaamichaa Finfinneefi Asallaa jirutti kan leenji’an ta’a.

Akkaadaamichi bara 2006 irraa eegalee guddattoota leenjise keessaa ispoorteessitoota 250 ta’an akaakuuwwan ispoortii gara garaatiin garee biyyaalessaatiif akka filataman taasisuu ragaaleen ni mul’isu.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Akkaadaamiin ispoortii Itoophiyaa bara 2016tti guddattoota 300 ol simachuuf qophaa’e”

  1. Pingback: cornhole
  2. Pingback: carts vape
  3. Pingback: เศษผ้า

Comments are closed.