Oromiyaatti sadarkaan manneen barnootaa kuma sadii olii fooyya’e

Finfinnee: Baatii gannaatti Oromiyaatti manneen barnootaa kuma sadii olirratti hojiin sadarkaa fooyyessuu hojjetamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse. Naannicha barnoonni Fulbaana 14 eegalama.

Hogganaan biirichaa Doktar Tolaa Bariisoo akka ibsanitti, manneen barnootaa kuma 27 ol naannichatti argaman keessaa kanneen kuma 23 ta’an sadarkaansaanii fooyyeffamuu qaba.

Baatii gannaas manneen barnootaa kuma sadiifi 410 ta’an sadarkaansaanii fooyya’uu dubbatanii, kutaaleen dabalataa, manneen kitaabaa, laaboraatooriin, dhiheessiin bishaanii, ibsaafi manneen qulqullinaa ijaaramuu ibsaniiru.

Hojiin sadarkaa fooyyessuu dhalattoota naannichaa biyya alaafi biyya keessa jiran, dureeyyiifi hawaasa guutuu hirmaachisuun hojjetamuu dubbataniiru.

Manneen barnootaa meeshaalee barnootaan guutuun gamatti qulqulluufi hojii baruufi barsiisuuf akka mijatan gochuuf hojiitti galamuu himaniiru. Manneen jireenyaa barsiisotaa kuma afurii ol naannichatti ijaaramuus ibsaniiru.

Haala walqabateen hojii baruu barsiisuu baranaa calqabsiisuuf qophiileen barbaachisan xumuramaa akka jiran kaasaniiru.

Hagayya 25 bara 2015 irraa kaasee manneen barnootaa naannichatti argaman hundatti barattoonni galmaa’aa akka jiran eeraniiru. Hamma ammaattis barattoonni miiliyoona 9.7 galmaa’uu ibsanii, barana barumsa idilee duraarraa kaasee barattoota miiliyoona 11 nibaratu jedhaniiru jechuun TOIn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “Oromiyaatti sadarkaan manneen barnootaa kuma sadii olii fooyya’e”

  1. Pingback: Buy Guns Online
  2. Pingback: 꽁머니 토토
  3. Pingback: ignite vape
  4. Pingback: Visit Website
  5. Pingback: online videos
  6. Pingback: ทัวร์
  7. Pingback: chat for free

Comments are closed.