“Amala siif haalaatu malee ogummaan ollaarraa baratama” jedha Oromoon, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Roobii, Ganda Yaayyaa Gurjii jedhamutti maatii qonnaan bulaarraa kan dhalatan Obbo Baqqalaa Sabsibees carraan kun kan isaan mudate ta’uu dubbatu.
Seenaansaanii kun dargaggoota hojidhabdummaaf saaxilamaniif fakkeenya waan ta’uuf Gaazexaan Bariisaas turtii isaan wajjin taasise akka armaan gadiitti dhiyeesseera.
Daa’imummaarraa kaasanii maatii tajaajilaa kan guddatan Obbo Baqqalaan akkuma umriinsaanii barumsaaf gaheen kutaa 1ffaa hanga 8ffaa Jalduutti barataniiru.
Wayita sana oggaa labsiin dargaggoonni gara dirree waraanaatti jedhu bahu Finfinnee dhufuun eessumasaanii bira naannawa Saariis jedhamu taa’anii jireenya mo’achuuf tokko jedhanii qabsoo jireenyaa eegalan.
Obbo Baqqalaan Amaariffa waan hinbeekneef mindeeffamanii hojjechuuf hincarroomne turan. Wayita sanatti Finfinneetti hojii argachuu mitii Afaan Oromoo dubbachuunuu akka malee ulfaataa ture jechuunis haala ture ibsu. Manni gandaa dhiphoon eessumasaanii keessa ja’a ta’anii jiraataa akka turanis ni dubbatu.
Namarratti ba’aa ta’anii jiraachuun ulfaataa waan ta’eef waanuma hojii jedhamu kamuu hojjechuun of danda’uu akka qaban murteessan.
Turtii yeroo muraasaa booda dhaabbata dhuunfaa faranjootaa hojii sibiilaafi mukaa hojjetutti waardiyyummaan ji’aan qarshii afurtamni kaffalamaafii jireenya injifachuuf qabsootti seenuu kaasu.
Yeroo waardiyyummaan tajaajilaa turanitti gadi jedhanii ajajamaa konkolaataa abbootii qabeenyaa dhiqaa of kennanii waan tajaajilaniif balbala eeguurraa gara hojii mukaafi sibiilaa ce’uu ibsu.
Yeroo kanatti mindaasaaniirratti qarshiin lama yeroo darbaa (‘over time’) ida’ameefii ji’aan hanga qarshii 70n kaffalamaafii hojii ogummaa sibiilaa kana akka hojjetan taasifamuus ni yaadachiisu.
Qarshiin lama dabalamteef tun jireenyasaanii keessatti jijjiirama guddaa qabaachuullee kaasanii, haala jireenyaa yeroo sanaatiin akka hiikaa guddaa qabdu hubachuun cimanii akka hojjetaniif isaan onnachiiseera.
Deemsa keessa ogeeyyota sibiilaafi mukaa wajjin of kennanii waan hojjetaniif ogummaa hojii sibiilaatiin ga’umsa addaa horachuu akka danda’anis ni eeru.
Meeshaalee biiroo, foddaa, cufantaa (balbala)fi maashinii bilookkeettii hojjechuu akka baran kan dubbatan Obbo Baqqalaan, booda dhaabbata dhuunfaa (Xaaliyaanotaa) Markaatootti argamuuf sibiila hojjetanii maqaa Diifteerii jedhamuun beekaman bira galanii guyyaatti qarshii saddeet kaffalameefii mindaasaanii fooyyeffatanii hojiisaanii ittifufuu kaasu.
Dhaabbaticha keessa yeroo dheeraaf hojjechuus ibsanii, akkuma sirni Dargii kufeen achii bahanii dhaabbata biraa galuun ji’aan qarshii 700 argachaa erga waggoota lamaaf hojjetanii booda bara 1978 of danda’anii hojjechuuf murteessuu dubbatu.
Ogummaansaanii gama hundaan daran cimaa ta’uu kan himan Obbo Baqqalaan, abbaan qabeenyaa Hospitaala Zanbaabaa isaan biratti bilookkeettii hojjechiifatanii miidhagsanii waan hojjetaniifiif kanamalees yeroo sana Afaan Oromoo qofa waan dubbannuuf maashinii sibiilaa bituufiirra darbanii bakka hojii mijeessaniifii ofitti isaan fudhachuu himu.
Carraa argatan kanaan hojii sibiilaa foddaa, cufantaa(balbala)fi kanneen biroo hojjechuurra darbanii maashinii bilookkeettii omishu hojjechuu ittifufan. Ogummaasaanii kana barnootaan deeggaruufis galgala galgala barnoota teknikii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa Mana Barnootaa Ogummaafii Teeknikii Nifaas Silkitti barachuu ibsu.
Yeroo haadha warraasaanii ijoollee sadii wajjin horatan faana wajjin mana barumsaatti walbaruun yeroo gabaabaa keessatti manuma duwwaatti gaa’ela dhaabbachuun jireenya itifufuu himu. Kanaanis kiraan manaa qarshii 20 tures gara 22tti guddachuu dubbatu.
Meeshaa mana keessaa jala jalaan guuttachaa mana kiraas kaffalaa wayita mucaa jalqabaa godhatan waanti nyaatamu mana keessa hinjiru. Firris quba nu hinqabu. Booda garuu ollaan nubeeku tokko haala keessa jirru hubatee hanga haati warraa koo jajjabaattutti nyaata kennaafii deeggaraa turuu ibsu.
Akkuma dhalli eebba baatee dhufa jedhamu bu’aa bahii baay’ee booda maallaqa walitti qabachuun maashinii sibiilaa bitatanii omisha bilookkeettiifi hojii sibiilaa eegalan. Bilookkeettii omishuurra darbaniis maashinii bilookkeettii omishu kalaquun hojiisaanii babal’isan.
Isa kanaafimmoo ka’umsa kan ta’eefii abbaan Hospitaala Zanbaabaa maashinii sibiilaa jalqaba bitanii kennaafii kan turan yoo ta’u maallaqa achitti walitti qabatan sanaan cimanii hojjechuun dinagdeesaanii jabeeffachuu danda’aniiru.
Maashinii bilookkeettii itti oomishan kanas ofumasaaniitii kalaqanii ittiin kan hojjetan yoo ta’u oomishtoota bilookkeettii biroofis maashinicha qarshii kuma 240 hanga miliyoona afurii gurgurtaan dhiyeessu.
Waggaatti maashinoota kudhanii ol kan hojjetan Obbo Baqqalaan, of jalatti hojjettoota 50 ol miindeessuun omisha bilookkeettiifi maashinii bilookkeettiin itti omishamu kan sadarkaalee gara garaa qabu hojjetanii gabaaf dhiyeessaa jiru.
Maashinichi kan alaa galurraa waan adda ta’eef qaama dhimmi ilaallaturraa beekamtiifi waraqaa ragaa abbummaa qabeenya sammuu argataniiru.
Maashinichi yeroo galu hanga qarshii miliyoona kudhanii gaafata kan jedhan Obbo Baqqalaan isaan garuu biyyuma keessatti omishuun hanga miliyoona afuriitti gurguruun dinagdeesaanii cimsachaa jiru.
Humna dargaggoota hojidhabeeyyiif maallaqni kun ulfaataa waan ta’eefis hanga miliyoona lamaa, kanamalees hanga kuma 240tti gadi buusuun hojiitti akka galaniif dhiyeessaa jiru.
Dargaggoonni gurmaa’anii hojjetan hedduunis dhufanii isaanirraa bitanii hojjechaa jiraachuu himanii, dhaabbileen gara garaas warreen gurmaa’anii hojjetaniif isaanirraa bitanii hojidhabeeyyiif carraa hojii uumaa jiru jedhu.
Hojjettoonni isaan jalatti mindeeffamanii hojjetaa turan hedduunis isaanirraa ogummaa qooddachuun of danda’anii mana sibiilaa banachuun maashinicha omishaa akka jiran dubbatu.
Obbo Baqqalaan abbaa ijoollee sadii yoo ta’an ijoolee firaa afuris hojicha barsiisuun of danda’anii bahanii akka hojjetaniif carraa uumaniiruuf.
Isaan omisha maashinii maddiitti omisha bilookkeettiinis ga’umsa cimaa qabu. Guyyaatti yoo xiqqaate bilookkeettii qulqullina qabu 3000 kan omishan yoo ta’u, dhaabbileen ijaarsaa hedduu bilookeettii tokko qarshii 36n isaanirraa bitachaa jiraachuu dubbatu.
Hojiisaanii kana bal’inaan cimsuuf maashinii dabalataa alaa miliyoona 10n galchuu kan danda’an yoo ta’u, bakka hojii danqaa ittita’uus ni eeru. Otoo bakka hojii mijataa argatanii carraa hojii bal’aa uumuu akka danda’anillee ni ibsu.
Hojjettootasaanii 50 oliif ji’atti qarshii kuma saddeetii hanga kuma 17 kaffalaafii akka jiranis eeranii, dhalli namaa yoo gadi jedhee hojjete olka’ee mul’achuunsaa hinoolu jechuun tattaaffii keessa darban yaadachiisu.
Obbo Baqqalaan akkuma seensarratti eerre mindaa ji’aa qarshii 40 irraa ka’anii har’a abbaa qabeenyaafi abbaa ogummaa ta’aniiru. Namoota baay’eefis carraa hojii bananiiru.
Dargaggoonni keenya har’a dhaabbilee barnoota olaanaatti waggaa afurii hanga shanii turanii yoo bahan kallattumaan mindeeffamanii hojjechuuf yaaduun sirrii miti jedhanii, ogummaa salphaatti carraa hojiisaaniif uumuufi galiisaanii guddisuu danda’urratti bobba’uu qabu jechuun gorsu.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
3 Comments to “ “Mindaa ji’aa qarshii 40 irraa ka’ee maashinii qarshii miliyoona afurii ol baasu kalaqee gabaaf oolchaan jira” – Obbo Baqqalaa Sabsibee”
Comments are closed.