Finfinnee: Jaarraa 21ffaa keessatti ‘qabsoon’ afaan qawweetiin adeemsifamu lubbuu lammiilee galaafachuurraa eessayyuu ga’uu hindanda’u jedhan Hayyuun Saayinsii Hawaasaafi Namummaa.
Yunivarsiitii Finfinnee, Giddugala Qorannootti Qorataan Saayinsii Hawaasaafi Namummaa Ahmad Hasan (PhD) ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf addatti kennaniin akka jedhanitti, bara addunyaan teknolojiifi kalaqawwan garagaraatiin fagaachaa jirtu keessa taa’anii afaan qawweetti amanuun fafummaadha.
Akka ibsasaaniitti, biyyi qabeenya uumamaatiin badhaate Itoophiyaan kaansarii barootaaf gadi ishii lakkisuu dide walitti bu’iinsafi walfixuu jedhamu qabdi. Walitti bu’iinsi biyya kanaa jaarraawwan hedduuf ishii qoraa ture. Biyyi tun galmee jechootaarrattillee hiyyummaadhaan akka fakkeeffamtu wantoota taasisan keessaa inni guddaan walitti bu’iinsuma biyyattiitti irra deddeebiin mul’atuudha jedhanii, walittibu’iinsawwan uumaman kanneeniif sababoota ta’uu kan danda’an immoo iddoo olaantummaa yaadaa afaan qawweetti amanuu, anummaa leellisuu, aadaa dimokraasii dhabuufi waan waliiniirratti xiyyeeffachuu dhabuu ta’uu eeraniiru.
Giddugalummaan biyyoota biraas wantoota biyyattiitti walitti bu’iinsa babal’isan keessaa isa tokkoodha kan jedhan hayyichi, kunis faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha lammii biyya kanaa ta’anii faayidaa biyyaa dabarsanii kennuun diinota biyyattii faana shira xaxuun qaamonni walitti bu’iinsa uuman jiraachuu eeraniiru.
Walitti bu’iinsi uumamaa ture kun karaa kallattiis ta’ee alkallattii hanga har’aatti lubbuu humna omishuu danda’uu galaafachuun dinagdeen biyyattii akka hunkutaa’u gochaa turuus yaadachiisaniiru.
Biyyi tun biyya sabaafi sablammootaa ta’uun, biyya garaagarummaa hedduu qabdu ta’uunshee walitti bu’iinsa uumamuuf sababa ta’uu akka hindandeenyes eeranii, garaagarummaa jiru mariidhaan furuun aadeffamuu qaba jedhan.
Garaagarummaan waanuma uumamaan jirudha kan jedhan Doktar Ahmad akaakuun siyaasaa biyyattiin ittiin gaggeeffamaa jirtu (fedaraalizimiin sabdaneessaa) walitti bu’iinsa kanneeniif sababa ta’uu akka hindandeenye dubbataniiru.
Walitti bu’iinsa hundeerraa furuuf duudhaalee ganamaa kan abbootiin biyyattii rakkinoota ittiin furaa turanitti fayyadamuun akka barbaachisus eeranii,“Mariin biyyaalessaa taasifamuuf jiru rakkoo waldhabdee mudachaa jiru kana furuu danda’a abdii jedhun qaba” jedhan.
Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas ergaa tibbana bara haaraa sababbeeffachuun dabarsaniin karaan nagaan ala jiru hundi karaa badii ta’uu eeranii, keessumaa barri haaraan bara obboloonni Oromoo itti walwaraanan akka hintaaneef Mootummaa Naannoo Oromiyaa mariifi araaraaf qophii ta’uu himaniiru.
Humnoota hidhatanii socho’an hundaaf waamicha nagaa buusuu taasisanii, bara haaraatti qaamni kallattii kamiinuu hidhatee Oromiyaa keessa jiru mariin akkasumas waltajjiitti dhufee nagaa Oromoofi qe’ee Oromootiif gumaachasaa bahachuu qaba jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
6 Comments to “ “Jaarraa 21ffaatti qabsoon afaan qawweetiin taasifamu hinmilkaa’u” – Ahmad Hasan (PhD)”
Comments are closed.