Hojiin baruufi barsiisuu bara 2016 naannawaa gammoojjii Oromiyaatti Fulbaana 7 eegala

Finfinnee: Hojiin baruu barsiisuu bara 2016 naannawaa gammoojji Oromiyaa hundaatti Fulbaana 7 irraa akka eegalu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Sadarkaa Hogganaa Ittaanaatti, Gorsaan biirichaa Obbo Efireem Tasammaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennanniin, hojiin baruufi barsiisuu bara 2016 naannawaa ggammoojjii Oromiyaa hundatti Fulbaana torba, naannawaa baddaafi badda dareetti Fulbaana 14 eegala. Akka naannootti barattoota miliyoona 11.4 simachuuf baatilee darbanitti qophii bal’aan taasifamaa turuus himaniiru

Akka ibsa isaaniitti, biirichi hojiiwwan inisheetiivii barnootaa boqonnaa qophiitiin manneen jireenya barsiisotaa kuma lamaafi 227 qopheesseera. Manneen barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa ijaaraman baay’eensaanii hojii jalqabaniiru. Mana kitaabaa ijaarsuu, kitaabolee mootummaan dhiyeessuufi ummatarraa walittiqabamu akkaasumas, midhaan nayaata barattootaa dhiyeessuu dabalatee hojiiwwan gurguddoon raawwatamaniiru. Barattoota miliyoona 11.4 galmeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti miliyoona 9.7 kan galmaa’an yoo ta’u, kanneen hafanis haga Fulbaana 7tti akka galmaa’aniif guyyaan gamee dheerateera.

Waajjira Barnootaa Godina Qellem Wallaggaatti, Abbaa Adeemsaa Sirna Barnootaa Obbo Darajjee Taaffasaa akka jedhanitti, hojii baruufi barsiisuu bara 2016 eegaluuf boqonnaa qophiitti hojiiwwan gurguddoo raawwatamaniin qophiin barbaachisu taasisfameera. Hawaasaafi ogeeyyii baranootaa hirmaachisuudhaan naannawaa mana barnootaa mijataa taasisuuf hojii suphiinsa daree barnootaafi teessuma barataa raawwatameera. Galmeen barattootaas hanga ammaatti dhibbeentaa 90 ol xumurameera.

Ittigaafatamaa Waajjira Barnootaa Godina Shawwaa Lixaa Obbo Baandiraa Galaanaa akka jedhanitti, godinichatti hojii baruu barsiisuu bara 2016 eegalchiisuuf qophiin bal’aan boqonnaa qophiitti taasifameera. Manneen barnootaa bu’uura boruu 320 ijaaruunis danda’ameera. Manneen jireenya barsiisotaa 466 ijaaamuun manneen barnnootaa 335 hirmaannaa hawaasaan suphuun danda’ameera jedhu.

Akka godinichaatti barattoonni kuma 650fi 877 galmaa’uu himanii, kanneen hafan ammaoo guyyoota hafan keessatti akka galmaa’aniif waamicha kan dhiyeessan Obbo Baandiraan, barnooti furtuu waan hundaa ta’uu hubachuun hawaasniifi qaamoleen tola ooltotaa hundi deggerasa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Barnoota Godina Harargee Lixaa Obba Awwal Abdallaa gamasaaniin, hojii baruufi barsiisuu baranaa eegalchiisuuf boqonnaa qophiitti hirmaannaa ummataan manneen barnoota sadarkaa tokkoffaan duraa, manneen jireenya barsiisotaa ijaaruufi suphiinsa manneen barnootaarratti xiyyeeffachuun hojeetamaa tureera. Hirmaannaa taasifameenis barattoonni kuma 900fi 45 galmaa’uuniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “ Hojiin baruufi barsiisuu bara 2016 naannawaa gammoojjii Oromiyaatti Fulbaana 7 eegala”

  1. Pingback: bugatti vape
  2. Pingback: เน็ต AIS

Comments are closed.