Finfinnee: Milkaa’inni guutiinsa Hidha Abbayyaa marsaa 4ffaa wajjummaa biyyoota miseensa yaa’a lagichaa cimsaa jiraachuu Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsan.
Mana maree bakka bu’oota ummataatti miseensa koree dhimma alaa kan ta’an Ambaasaaddar Diinaan ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, guutiinsi Hidha Abbayyaa marsaa 4ffaan wajjummaa biyyoota miseensa yaa’a laga Abbayyaa gara oliifi gadii cimsaa jira. Hidhichi Itoophiyaa keessatti yeroo hidhamu biyyoota ollaa Itoophiyaa jiraniif qisaasama bishaanii xiqqeesuu bu’aa waloosaanii dabaluun wajjummaa biyyoota kunneenii akka cimsu taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, bishaan Hidha Abbayyaatti marsaa afraffaaf hidhamaa jiru tarbaayinii anniisaa elektirikii maddisiisu sochoosuun gara biyyoota ollaatti akka yaa’u ta’a. Bishaan hidhames erga anniisaa maddisiisee booda darbee akka yaa’u taasisuun bara baraan balaa lolaa biyyoota miseensa yaa’a lagichaa qaqqabu xiqqaachaa akka deemu taasia. Keesummaa Sudaanirraa balaa lolaa qaqqabaa ture hir’isa. Biyooti miseensa yaa’a lagichaa ta’anis anniisaa elektirikii hidhicharraa maddu gatii rakasaan Itoophiyaarraa akka bitatan taasisuun wajjummaa biyyootaa cimsa jedhan.
Biyyooti hidhicha ija shakkiin ilaalan tokko tokko keessumaa Misir himanii; bu’aa waloo argamurraa ka’uun walshakkiin biyyoota Afrikaa gidduudhaa dhabamsiisuun dippilomaasiin wayita cimu shakkiin Misir akka hafu ibsaniiru.
Adeemsa yeroo dheeraa keessattis wajjummaan biyyoota miseensa yaa’a lagichaa wayita cimu pirojekticha kana gara deeggaruutti akka dhufuu danda’an guutiinsi Hidha Abbayyaamarsaa 4ffaa mul’istuu ta’uu ibsaniiru.
Kaayyoon Itoophiyaa ofii fayyadamtee biyyoota ollaa miidhuuf miti kan jedhan Ambaasaaddar Diinaan, biyyooti pirojektii kana ija shakkiin ilaalan bu’aa wajjummaan haga ammaatti mul’ataa jirurraa ka’uun humnaafi dippilomaasiin gargaaruu baatanis gufuu ta’uu dhiisanii Itoophiyaa waliin akka hojjetan gaafataniiru.
Dabalataanis, guutiinsi Hidha Abbayyaa marsaa afraffaaf gaggeeffame ummati Itoophiyaa waanirraa eegamu hunda gumaachuun bu’aan argamaa jiru cimaadha. Seenaa biyyattii keessattis agarsiiftuu jijjiiramaa isaguddaa ta’ee mul’ataa jira jedhan.
Milkaa’inni Hidha Abbaayyaa hiyyummaa diiguun dinagdee biyyaa guddisuun waan xixiqqoorratti waldhiibuufi waldiiguun hafee wajjoomina ummattoota biyyaalessaa akka cimuuf shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Milkaa’ina Hidha Abbaayaa haga ammaatti galmaa’een onnachuun isa hafe xumuruuf qaamoleen ilaallatu marti tumsaa irraa eegamu hunda akka taasisaniif Ambaasaaddari Diinaan waamicha dhiyeessaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
One Comment to “Hidhi laga Abbayyaa marsaa afraffaaf guutame wajjummaa biyyoota miseensa yaa’a lagichaa cimsaa jira ”
Comments are closed.