Finfinnee: Komishiniin Marii Biyyaalessa Itoophiyaa Finfinneefi Gaambeellaatti bakka buutoota ajandaa fo’uurratti hirmaatan adda baasuun har’a Fulbaana 5 bara 2016 kan eegalamu ta’uu beeksise.
Komishinichi ibsa kenneen, hojiin hirmaattoota sirriitti adda baasuu milkaa’ina marichaaf murteessaa waan taeef adeemsichi xiyyeeffannoofi ofeeggannoon hojjetama jedheera.
Sadarkaa Finfinneetti hirmaattoota adda baasuuf qaamolee dhimmaamtoota 618f leenjiin kennamuusaa Komishinarri Olaanaa komishinichaa Piroofessar Masfin Arayaa ibsanii, qaamoleen leenji’an kunneen aanaaleesaaniitti bobba’anii hirmattoota kuma 10 ta’an adda baasanii komishinichaaf dhiyeessuu himaniiru.
Adeemsichaanis hirmaattonni kutaalee hawaasasaanii keessaa bakka buutota lama, eeggataa tokko wajjin filatamu jedhanii, haaluma kanaan sadarkaa bulchiinsa magaalichaatti marii ajandaa adda fo’uuf bakka buutonni kuma lamaafi 140 akka hirmaatan ibsaniiru.
Naannoo Gaambeellaa aanaalee 14tti hirmattoota adda baasuun xumuramuu himanii, hirmaattonni kunneenis bakka buutota ajandaa fo’uurratti hirmatan akka filatan piroofessar Masfin himaniiru.
Milkaa’ina kanaaf qaamoleen dhimmi isaan ilaallatu waliin ta’insasaa beekamu akka taasisaniifi hirmaannaasaanii akka cimsan waamicha dhiyeessaniiru.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
4 Comments to “ Finfinneefi Gaambeellaatti bakka buutoota ajandaa fo’uurratti hirmaatan adda baasuun har’a eegalama”
Comments are closed.