Finfinnee: Damee haqaarratti fedhii tajaajilaa lammiilee guutuuf, tattaaffiin walta’iinsaafi fooyya’iinsa hojimaataa hojiirra oolaa jiraachuu Ministeerri Haqaa beeksise.
Adeemsa kenniinsa tajaajila haqaa keessatti hojiiwwan fooyya’insa garii agarsiisan hedduun jiraatanis ammas komiin akka jiru himama.
Komiiwwan jiran keessaa sektaricha keessa qindoominni jiraachuu dhabuu, malaammaltummaafi naamusinni badaa kan eeramudha.
Kanaafuu, rakkoolee damichaa hiikuun tajaajila kana fooyyessuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru.
Hoggantoonni Biiroo Haqaa dhimma kanarratti TOI waliin turtii haasisan akka jedhanitti, damee haqaa keessatti tajaajila gahumsaafi haqa qabeessa ta’e kennuudhaaf sirna qindoomina cimsuu qabna jedhaniiru.
Hooggantuun Biiroo Haqaa naannoo Affaar Aadde Faaxumaa Mohaammad, keessattuu, qindoominni qaamolee haqaa sadarkaa gadiitti dhabamuun tajaajila saffisaafi gahumsa qabu kennuudhaaf gufuu ta’uu eeraniiru.
Hogganaan Biiroo Haqaa Naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Mohammad Hamid; damichatti qooda fudhatoonni wal tumsuufi waliin hojjechuun rakkoolee damicha keessatti mul’atan haala ittifufiinsa qabuun furuu qabu jedhaniiru.
Dhaabbanni tokko saffisaan ykn harkifachuun adeemsa kenniinsa haqaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa waan jiruuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Ministeera Haqaatti Gargaaraa Abbaa Alangaa Waliigalaafi Daarektarri Dhimmoota Naannoo obbo Mokonniin Mashashaa; Sirna gahumsa qabu damee haqaa keessatti diriirsuun fedhii tajaajilaa lammiileen barbaadan guutuuf riifoormii hojimaataa hojiirra ooluu ibsaniiru.
Keessattuu, qooda fudhattoonni qaawwa qindoomina qaamolee haqaa keessatti mul’atu fooyyessuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Bakka bu’oonni ummataafi manneen maree naannolees qajeelfama hojii kanaaf ba’an hordofaa akka jiran eeraniiru.
Waltajjiin waloo Ministeera Haqaa, Poolisii Federaalaa, Mana Murtii Waliigalaafi Komishiniin Manneen Sirreessaa Federaalaa akka itti fufu ni beekama.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
4 Comments to “Damee haqaarratti fedhii tajaajilaa lammiilee guutuuf, tattaaffiin walta’iinsaafi fooyya’iinsa hojimaataa hojiirra oolaa jira”
Comments are closed.