Barnoonni SAFUU sirna barnootaa keessatti hammatamuun dhaloota duudhaa ganamaatti deebisa

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti erga barnoonni Afaan Oromootiin kennamuu eegalee  waggoonni 31 lakkaa’amaniiru. Barnoonni Afaan Oromootiin kennamuun dhaloota dorgomaafi ofitti amanamummaa qabu akka uumamu gochuun milkaa’inni akka galmaa’u taasiseera. Tibbana ammoo barnoonni safuufi Kiidpiruunarii jedhaman akka sirna barnootaa keessa galanii barsiifaman taasifameera.

Safuunseera  hariiroo uumaafi uumama jidduutti gochoota ta’uu qabaniifi hinqabne adda baasuudha. Safuun, kanneen akka quxisuufi hangafa, ilmaaniifi warra, ofiifi nama biraa jidduu kabajni jiraachuu itti ibsamuudha. Safuun, yeroo akka cidhaa, Gadaa, ayyaanaa, lolaa, nyaataafi gochoota biroo keessatti seera itti raawwataniidha.

Oromoo biratti, safuun kan Waaqaati. Namni safuu cabse dhukkubsachuun, maraachuun, maseenuun, nagaa dhabuun isa mudata jedhamee amanama. Oromoon yoo waan qaanii arge ykn gaafa waan Waaqni qofti beeku gaafatame, “Safuu!” jedha.

Safuun waantota hedduun ibsamuu danda’a. Maqaa waamuu dhabuudhaan/diduudhaan ibsamuu mala. Fakkeenyaaf haati haadha warraa maqaa abbaa warraa hintala ishii kallattiidhaan waamuu dhabuun safuun jiraachuu agarsiisuu danda’a.

Kunis, abbaan warraa mucaa argatee, maqaan moggaafameefii, maqicha mogaafametti, “Abbaa…” jedhamee hamma waamamu dandahutti jechuudha.

Duudhaa iccitii ergaa cimaa of keessaa qabu kana bakkatti deebisuufi, egaa Biiroon Barnoota Oromiyaa barnoota SAFUU, akkasumas kan ogummaa ‘Kiidpiruunarii’ sirna barbootaa keessa galchee dhaloota barsiisuufi hubachiisuuf kan hojjetaa jiruuf.

Biirichi kitaaboti Safuufi ‘Kiidpiruunarii’ (daa’imman ogummaa kalaqaa barsiisuu) sirna barnootaa keessa galchee barsiisuuf qopheesse kanneen, dheengadda bakka Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, abbootii Gadaa, amantiifi pirezidaantonni yunivarsitiiwwanii argamanitti kan eebbisiise.

Obbo Shimallis haasaa sirnicharratti taasisaniin mootummaan safuufi safeeffannaa ummataa bakkatti deebisuuf barnootarratti xiyyeeffaachuun hojjetaa jira. Kitaabolee Safuufi ‘Kiidpiruunarii’ sirna barnootaan hammatamanii qophaa’an egeree dhalootaa  fooyyessuun dhaloota dorgomaa uumuuf murteessaadha jedhan. Qaamoleen dhimmi barnootaa ilaallatuufi hawaasni tumsuudhaan barnoonni kunniin akka sirnaan kennamaniif kallattii kennaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Doktar Tolaa Bariisoo rakkolee alseerummaa dhalootaa waggoota 31 darbanitti mul’atan maqsuuf kitaabileen Safuufi ‘Kiidpiruunarii’ sirna barnootaa naannichaatti hammatamanii bara 2016 irraa eegalee hojiirra oolu. Barumsi kennamus dhalooti abbootii amantii, bulchitoota biyyaa, hangafoota kabajuun akka walii yaadan taasisa. Daa’imman ogummaa kalaqaa horachuun garalaafinni dhaloota ittaanu gidduutti akka dagaagu taasisa jedhan.

Walittiqabaan Gumii Dhaabbilee Amantii Oromiyaa Abbaa Saawuroosis kitaabileen kunniin safuu ummataafi ogummaa kalaqaa daa’imman barsiisuuf shoora olaanaa qabu. Dhalooti abboota amantiifi bulchitoota biyyaa akka kabaju taasisuun seenaa gaariin ta’ee biyyi akka misoomu taasisa jedhan.

Barreessaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaas kitaabileen kunniin safuufi safeeffannaa ummataa iddosaa duraatti akka deebi’uuf shoora olaanaa qabu jedhan. Dhaloota ammaa bira gama safuu ummataa kabajuutiin hanqinni jira jedhanii, hanqina kana sirreessuu keessatti keessumaa barnoonni safuu gumaacha olaanaa akka qabu eeraniiru. Dhalooti sabaafi biyyasaa jaalachuuf safuu Waaqaafi lafaa qabaachuu qabas jedhan.

Akka ibsasaanitti, daa’imman dhalatan waan hawaasnisaanii jaalatuufi jibbu hubachiisuuf safuun barbaachisaadha. Safuufi safeeffannaa ummata Oromoo bakkatti deebisuuf safuun sirna barnootaa keessatti hammatamuun bu’aa guddaa qaba.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “Barnoonni SAFUU sirna barnootaa keessatti hammatamuun dhaloota duudhaa ganamaatti deebisa”

  1. Pingback: this
  2. Pingback: sex game 6d
  3. Pingback: sell weapons

Comments are closed.