Barachuun jiruufi jireenya ofii keessatti muuxannoo dabalataa ittiin ofis ta’e biyya ofii jijjiiran kan nama gonfachiisu yoo ta’u, muuxannoo maatiifi hawaasa keessa jiraatanirraa horatan barnoota ammayyaatiin deeggaruun imala jijjiiramaa kan ittiin si’eessaniidha.
Baratanii caalanii argamuun kutaa lakkaa’uu, yunivarsiitii seenanii bahuu osoo hintaane waan baratan hojii qabatamaatti jijjiiruun ofiifis ta’e biyya ofiif bu’aa buusuuf kan nama humneessu waan ta’eef dhimma xiyyeeffannoo cimaa barbaaduudha.
Dhaloonni baratee ofis ta’e biyyasaa jijjiiruuf mul’ata qabu takkaan barnoota qulqullina qabuun ijaaramuu; takkaanimmoo waan barate sana hojiitti hiikee qorannoofi qo’annoo rakkoo hiikuu qabu hojjetee argamuun biyyasaatiif wabii ta’uu qaba.
Kun akka milkaa’uuf mootummaan humna qabuun hojjetaa kan jiru yoo ta’u, dhaloonnis kana beekee of kennee barachuun irraa eegama.
Yeroo barachaa deemnu qabeenya uumamaa maal maal akka qabnu sakatta’aa deemuun barbaachisaadha. Maaliif yoo jenne eebbifamnee hojii eeggachuu jalaa baanee misoomawwan gara garaarratti bobbaanee of jijjiiruu akka dandeenyu kan nutaasisu waan ta’eefi. Kanaaf ammoo biyyi keenya qabeenya uumamaa hintuqamneen kan guutamteedha.
Barnoota barataniin qofa mindeeffamanii jijjiirama fiduu yaaluun hangas mara quufsaadha jechuun hindanda’mu. Sababnisaas manni barumsaa fala wal’aansoo jireenyaa itti injifannu kan nubarsiisu ta’uu mala malee eeggattummaaf kan nusaxilu ta’uun irra hinjiraatu.
Kun waan ta’eef kutaa gadiirraa jalqabanii barnoota ofiif xiyyeeffannoo kennuudhaan darbees barnoota qalamaa cinatti hojii ogummaafi kalaqaatiinis of ijaaraa deemuun dirqama yeroon barbaaduudha.
Namoonni uumamumaan dandeettii kalaqaatiin ga’umsa qaban jiru. Kanneen shaakalliidhaan beekumsa horatanis tokko lama miti. Isa waajjira galee hojii mootummaa hojjetuun olitti kan ogummaadhaan of ga’oomsee hojii dhuunfaasaa hojjetutu dinagdeen cimee baha.
Haata’uutii ilaalcha boodatti hafaa dhalootatti fe’ameen mana barnootaa teeknikiifi ogummaa seenanii barachuu akka filannoo lammaffaatti ilaaluun namoota baay’ee duubatti hambiseera.
Sababnisaas dargaggoonni barnoota teeknikiifi ogummaatiin gahumsa horatan dhaabbilee dhuunfaasaanii banachuurra darbanii hojidhabeeyyii hedduuf carraa hojii bananiiru. Carraan hojii isaan bananimmoo galaa dhaloota dhufutti darbuufi dhaalamu waan ta’eef egereefis abdiidha.
Kanaafuu, akkuma mootummaan barnoota qulqullina qabu waliin gahuuf humna qabuun hojjetaa jiru dhaloonni barnootarra jirus dhamaatee haadhaafi abbaasaa deebisuurra darbee ofiifi biyyasaaf wabii ta’uuf miira haaraadhaan of qopheessuutu irra jiraata.
Barnoonni barannu kan rakkoof nusaaxilu osoo hintaane kan rakkoo itti hiiknu akka ta’uuf ammuma, yeroo barnoonni bara haaraa itti eegalamu kanarraa kaasnee xiyyeeffannoo guddaa kenninee akeekaaf barachuun barbaachisaadha.
Barnoonni furtuu jireenyaati gaafa jedhamu kan bu’aa bahiin jireenyaa, gidiraan addunyaa ittifuramuudha malee qubee lakkaa’uu ykn maqaa ofii barreessuufi dubbisuuf qofa kan tajaajilu taasisnee ilaaluun nurra hinjiraatu.
Kanaafuu bara barnootaa 2016 kana miira haaraafi qophii addaatiin simachuun sadarkaa gadiirraa hanga dhaabbilee barnoota olaanaatti xiyyeeffannoo kenninee dhaloota ga’oome, qorannoofi qo’annoodhaan badhaadhe ta’uu akka maniitti qabanneef akeekaan akeekaaf haa barannu. Hawaasni dhaabbilee barnootaafi maatiinis milkaa’ina manii kanaatiif gumaachasaanii bahachuu qabu.
Bara barnootaa gaarii!
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
8 Comments to “ Bara barnootichaa miira haaraafi qophii addaatiin”
Comments are closed.