Bara bajataa 2016 Oromiyaatti damma toonii kuma 113 omishuuf karoorfame

Finfinnee: Bara bajataa 2016 Naannoo Oromiyaatti damma toonii kuma 113 omishuuf karoorfamuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Toleeraa Dabalaa ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi omisha dammaaf mijataa kan ta’e potenshaala guddaa qaba.

Poteenshaala dammaa biyyattiin qabdu keessaa dhibbantaan 54 naannicha keessatti argama kan jedhan Obbo Toleeraan, hanga ammaatti potenshaalli naannichi qabu itti hin bu’amne jedhan.

Potenshaala kanatti fayyadamuun omishaafi omishtummaa seektara dammaa guddisuuf dhaadannoo “Oromiyaa Galaana Dammaa ni taasisna” jedhu bocuufi inisheetivii dammaa qopheessuun bara 2013rraa eegalee hojiitti galameera jedhan.

Osoo inisheetiviin kun hinqophaa’iin dura damichaaf xiyyeeffannoon hinkennamne jedhanii, inisheetivicha booda xiyyeeffannoo kennameen omishtummaan dammaa waggaadhaa gara waggaatti dabalaa akka jiru ibsaniiru; bara 2014 toonii kuma 74, bara 2015 immoo toonii kuma 86 omishuun danda’ameera jechuun ibsaniiru.

Karoora qabame kana milkeessuufis aadaarraa gara ammayyaatti ce’uun dirqama; kanaafis bara 2015 dhaabbilee mitmootummaa garagaraa hirmaachisuufi paakejjiiwwan deeggarsaa gara hojiitti hiikuun gaagura ammayyaa kuma 355 dhiyeessuun danda’ameera jedhan.

Karoora bara 2016 milkeessuuf gaagura ammayyaa miliyoona tokko dhiyeessuuf karoorfameera kan jedhan Obbo Toleeraan, qaamota horsiisa kanniisaarratti bobba’aniif leenjii seektaricha ammayyeessuuf gargaaru kennuuf giddugalli leenjii mataasaa danda’e hundaa’uus ibsaniiru.

Walitti hidhamiinsa gabaa faana walqabatees biirichi qooda fudhattoota garagaraa wajjin Dhaabbata Idiladdunyaa Yunidoo (UNIDO)faa wajjin hojjechaa jira.

Namootni bifa gurmaa’een omisha qulqullina qabu dhiyeessan omishasaanii paarkiiwwan industiriif akka dhiyeessaniifis haalli mijaa’aan uumameera jedhan.

Qaamotni hojii omisha dammaarratti bobba’an gabaa idiladdunyaa keessatti dorgomuuf omisha qulqullina qabu akka omishanis gaafataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Bara bajataa 2016 Oromiyaatti damma toonii kuma 113 omishuuf karoorfame”

  1. Pingback: พรมรถ
  2. Pingback: jaxx download

Comments are closed.