Finfinnee: Bara 2015tti balaa tiraafikii naannichatti qaqqabeen qabeenyi qarshii miliyoona 400tti shalaggamu manca’uu Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise. Hojiilee hubannoo ummuufi to’annoo gaggeeffameen balichi hir’achaa jiraachuus ibse.
Komishanichatti qajeelchi olaanaa n mirkaneessa nageenya tiraafikii Komaandar Balaachoo Tikkuu ibsa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa kennaniin, bara 2105tti balaa tiraafikii naannichatti qaqqabeen qabeenyi qarshii miliyoona 400 ol ta’uu manca’eera. Lubbuun namoota kuma tokkoofi 492 du’aan balichaan darbuu ibsaniiru.
Komishinichi balaa kana hir’isuuf qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin ta’uun hojii hubannoo uumuu, daandii balaan tiraafikaa deddebi’ee ittimul’atutti to’annoo namaafi konkolaataa geggessuun hojii bal’aan hojjetamaa jira.
Ta’us bara 2015tti yeroo ayyaanaa daldala daandiirraa geggeeffamu dabalatee balaan tiraafikaa kuma tokkoofi 500 naannichatti qaqqabeen qabeenyi qarshii miliyoona 400tti shallagamu manca’eera. Lubuun namoota kuma tokkoofi 492 darbuu himanii; balaan lubbuu namaarra qaqqabes kan bara darbee wajjin walbira qabamee wayita ilaalamu 319n gad bu’uu ibsaniiru.
Akka ibsa komaandaritti, hojiilee hubannoo uummuufi to’annoo geggeeffameen waggoota lamaa as balaan tiraafikii naannichatti qaqqabaa ture hir’achaa jiraachuu gara fuulduraatti hojii bal’aa barbaadu.
Keessummaa konkolaachistooti nama fe’an galiisaaniirratti hundaa’uun ariitiin konkolaachisuufi waraqaa bobbii malee bobba’uun alseerummaan konkolaachistootaa dabalataan balaan tiraafikii salphaatti akka hinto’atamne taasiseera.
Komishinihis, balaa kana hambisuuf konkolaachistoota hojii alseerummaarratti bobba’an adda baasuun, konkolaattota rakkoo teekinikii qabanirratti hordoffiifi to’annoo barbaachisaan taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Qindoomina qoodafudhataa keessattuu eejansii geejjibaa waliin ta’uun barattoota hojii tiraafikiin akka leenji’an taasifamuu himanii; hawaasifi abbootii qabeenyaa hirmaachisuudhaan hojiin balaa tiraafikii hir’isuu bal’aan hojjetamaa jira jedhan.
Balaa qaqqabuun qabeenyasaanii manca’uu hubatanii abbootiin qabeenyaafi waldaalee abbootii qabeenyaa guyyaa ayyaanaa konkolaataasaanii osoo hindhokisin poolisii waliin ta’uun balaa tiraafikii hir’isuuf hojii hojjetamaa jiruuf galateeffataniiru.
Qophii ayyaanaa bara 2016tti balaa tiraafikii hir’isuuf komishinichi karoora hojii ayyaana duraafi yeroo ayyaanaa baafatee hojjechaa jira. Ayyaana duara hojii hubannoo hawaasaafi konkolaachistoota uumuu hojjetamaa jiraachuu himanii; daandiiwwan balaan tiraafikii deddeebi’ee ittimul’atu adda baasuun malattooleen garagaraa akka kaa’amu ta’eera.
Miseensi komishinichaa hundi to’annoo daldala daandiirraa, alseerummaa konkolaachistootaa cimee ittifufee jiraachuu himanii; taarifaan ala fe’uufi dhuganii konkolaachisuu ittisuuf qaamolee tiraafikii deggeran leenjisuudhaan hojiitti bobba’uu ibsaniiru.
Hawaasi konkolaachistoota taarifaan ala fe’uun hojii alseerummaarratti bobba’an qaamolee to’ataa nageenya tiraafikii naannawaasaaniitti argamanitti eeruu kennuun poolisii bira akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.
Haaluma walfakkaatuun abbootiin qabeenyaas konkolaachistootisaanii ariitii humnaan olii akka hinfayyadamne, lakkoofsaan ol akka hinfeeneef gorsa kennuun deggersa akka taasisan gaafata.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
4 Comments to “ Bara 2015tti balaa tiraafikiitiin qabeenya qarshii miliyoona 400tti shallagamutu manca’e”
Comments are closed.