“Bosonni addunyaadhaaf barbaachisaadha” jechuudhaan namoota hubachiisuuf yaaluun “Sombi ilma namaatiif barbaachisaadha” jechuun barsiisuuf akka yaaluuti.
Barbaachisummaa biqilootaa daa’imummaarraa eegaluun barachaa guddannus manca’ina bosonaa garuu akka ummataatti hanbisuu utuu hindanda’in uwwisni qabeenya bosonaa yeroorraa yerootti hir’achaa dhufuudhaan haala qilleensa biyyattii waliigalaa rakkoo keessa galchuutti ga’ee akka ture seenaa baroota dhihooti.
Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa Addunyaa (FAO) akkaataa gabaasa akka lakkoofsa faranjootaa bara 2020 baaseen waggaa waggaadhaan mancaatii dhaqqabuun qabeenyi bosonaa hektaara kuma 92n hir’ata.
Bal’inni lafa Itoophiyaa kaaree kiiloo meetira miliyoona 1.13 akka ta’e nibeekama. Bal’ina lafaa hamma kana keessaa lafti qotame dhibbantaan 15.2 qofa akka ta’e gabaasa waggaa Baankiin Biyyaalessaa waggaa darbe baaserraa hubachuun ni danda’ama.
Lakkoofsi kun bara 1990 keessa dhibbentaan 45 ture jedhamuun kan galmeeffame ta’us, bara 2011 dhibbentaan 14.3 hanga 15.2 akka ta’u sanadoonni idiladdunyaa nimul’isu.
Qotamuu kan danda’u lafa kanaan ala lafti qabeenyi bosonaa irra jiru dhibbentaan naannawa 15 akka ta’e odeeffannoon Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa baase ni eera.
Akka lakkoofsa faranjootaa bara 1990 qabeenyi bosonaa lafa hektaara miliyoona 19fi kuma 258 irra ture manca’uudhaan bara 2020 gara lafa hektaara miliyoona 17fi kuma 68tti gadi bu’eera.
Akkaataa ulaagaa idiladdunyaatiin lafti huura dheerinnisaa meetira lama hincaalleen qabameefi akka bosonaatti hinlakkaa’amne lafa hektaara miliyoona 22fi kuma 394 akka ta’e tilmaamameera.
Bal’ina lafa waliigalaa Itoophiyaa hektaara miliyoona 111fi kuma 971 keessaa lakkoofsi kun xiqqaa akka ta’e kan nama walmormisiisu miti. Lafa hektaara miliyoona 17 bosonni irra jiru keessaa miliyoonni 15fi kumni 865 bosona uumamaa yoo ta’u, harka namaatiin kan dhaabame garuu baay’ee muraasa.
Itoophiyaan bal’ina qabeenya bosonaa dabaluuf socho’uu erga jalqabdee waggaan 100 lakkaa’ameera. Mootiin Minilik manca’uufi duwwaa ta’uu lafaa qofa utuu hintaane, hanqina qoraanii naannawa magaalotaa muudate furuuf jecha duula Baargamoo biyya alaatii fichisiisuudhaan akka biyya keessatti dhaabbatu taasifameen bal’ina bosonaa amma jiru keessaa dhibbentaan 1.7 akka qabatu taasisaniiru.
Bara sirna ADWUI paarkii jedhamuun iddoowwan adda addaatti biqiltuun dhaabamaa akka ture kan yaadatamuudha. Keessumattuu Finfinnee, Kutaa Magaalaa Yakkaafi naannawa Wiirtuu Biqiltuu Gullalleetti akkasumas yaadannoo hoggantoota Afrikaatiif fuuldura masaraa mootummaatti biqiltuun akka dhaabame niyaadatama.
Kan kanaan dura haala kanaan dhaabaman sadarkaa maalirra akka gahan gabaasni mul’isu jiraachuu baatus, Qabbannaafi Lidataa darbee akkasumas imbaasii Ingiliiz duubatti kan dhaabaman bosona ta’uudhaan hanga bineensi keessatti horutti dukkanaa’aniiru.
Sirna kamuu keessatti biqiltuu dhaabuun dachee keenya magariisaa gochuudhaan qilleensa mijataan jiruufi jireenya dhala namaatiif tolu akka uumamu taasisa. Laggeeniifi haroowwan sababa gogiinsaatiin burqaan isaanii goge deebi’ee damdamatee faayidaa dhala namaatiif akka oolu taasisa.
Jiruu ummata keenyaa roobarratti hundaa’e waggaa guutuu bokkaa akka argatu taasisa. Horiifi dhalli namaa dawoo argachuurra darbanii rakkoo tokko malee waan ittiin jiraataniifi keessa jiraatan argatu. Godaansi lubbu qabeeyyiifi dhala namaa ni dhaabbata, hawwattummaan turiizimii ni dabala.
Faalamni qilleensa gubataa biyya keenyarraa dhabamsiisuu dandeessisa. Burqaan iddoo duudhaa ganamaatti deebiti. Bineensi bosonaa gara keenyatti godaanu. Dhiqamni biyyoofi bishaanii hafee burqaawwan gogan deebi’anii dhala namaa tajaajilu.
Dhaloonni injifataan dhaloota boruuf seenaa kaa’a. Dhaloonni injifataa qabeenya uumamaa jiru ofumaa fayyadamee kan darbu otoo hintaane waa’ee jireenya dhaloota egeree yaada, dhaloota ijaaruu immoo Sirna Gadaatu barsiisa.
Dhaloonni ammaa eenyummaasaa kaleessaatti deebi’uufi fagootti dhalootaaf yaaduun biqiltuu dhaabee kunuunsee boru lammiif galaa kaa’uu qabutu gorfama.
Ummanni keenya biqiltuu dhaabuufi kunuunsuu muuxannoo guddaa qaba. Kanaaf muuxannoo jaarraa hedduuf waliin jiraate kanneen haaromsachuun dachee ofii irra jiraatu yeroo gabaabaa keessatti biqiltuun uwwisee magariisaa taasisuu qofa osoo hin taane, biqiltuuwwan dhaabbataniifi lafa bosonoomeen immoo carraan hojii bal’aan uumamaa jiraachuu dargaggootni gama kanaan carraa hojii uummachaa jiran ni ibsu.
Dargaggoo Fayyoo Gadaa Aanaa Adaamaatti dargaggoota lafa biqiltuun irratti dhaabbatee bosonoome keessatti hojii damma baasuurratti hirmaachuuf carraa argatan keessaa isa tokko yemmuu ta’u, Biqiltuuwwan sagantaa Ashaaraa Magarisaatiin dhaabaman yeroo ammaa lafa miidhamee ture deebisee bayyanachiisaa jiraachuu bira darbee dargaggoota hedduuf carraa hojii uumaa jiraachuusaa dubbata.
Oromiyaa galaana dammaa taasisuudhaaf inisheetiivii bara 2013 magaalaa Jimmaatti Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin ifoome bu’ureffachuudhaan iddoo isaaniif kennamerratti gurmaa’anii horsiisa kanniisaafi damma baasuuf yeroo ammaa gaagura dammaa hammayyaa fudhachuusaaniis ni ibsa.
Akka yaadasaatti; dargaggootni barnootasaanii hanga digiriitti xumuranii carraa hojii mootummaa qacaramuu hin arganneef dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa magarisaatiin dhaabamaa jiru kun abdii guddaa ta’aa dhufaa jira. Biqiltootni sagantaa Ashaaraa magarisaatiin dhaabaman kunniin immoo maqaansaanii biqiltuu ta’eef qofa kan dhaabbatan osoo hin taane, kanneen nyaataaf oolan, abaaboofi foolii gaarii qabaachuudhaan horsiisa kanniisaatiif mijataa ta’eefi biqiltuuwwan faayidaa garaa garaa qabaniidha.
Kanaaf dargaggoonni hojii horsiisa kanniisaafi damma baasuu qofaan osoo hin taane, biqiltootni sagantichaan dhaabaman kunniin isaan faayidaalee garaa garaa qaban waan ta’eef hojii kunuunsa isaanii irratti hirmaates isaan gabaaf dhihaatan irraa galii dabalataa argachuu kan dandeessisu waan ta’eef dhaabbiin biqiltuu waggoottan shanan darbanitti sagantaa ashaaraa magarisaan dhaabamaa jiran kunniin dargaggootaaf carraa hojii uumuu keessatti damee shoora olaanaa qabu akka ta’etu natti dhagahama.
Gaagurri hammayyaa yeroo jedhametti waan hinkennamneefiif komii akka qabu kan ibsatu immoo Dargaggoo Edaasaa Taasisaati. Yeroo ammaa kan dhihaates isa ni dhiheessina jedhamee waadaan galamee gadi ta’uu dubbata.
Kanaan ala garuu iddoowwan dura sababa bosonni irraa manca’uudhaan gaaddisni tokko irraa dhabamee turetti yeroo ammaa biqiltuuwwan sanyii garaa garaatiifi faayidaa adda addaa qabaniin guutamuunsaa boqonnaa sammuu kan namaaf kennu ta’uu ibsa.
Akka yaadasaatti; gaagurri ammayyaa akka gaagura isa aadaa sana haala salphaa ta’een kan hojjatamu ta’uu dhabuunsaa akkuma jirutti ta’ee, omishni gama gaagura ammayyaa fayyadamuutiin argamu garuu isa aadaan argamu sana dachaa lama waan ta’eef hedduu filatamaadha.
Gaagurri ammayyaa bifa bu’aa caalaa ta’e argamsiisuu danda’uun qopheessuudhaan biqiltoota sagantaa ashaaraa magarisaan dhaabamaniifi bosonooman keessatti hojii damma baasuutiif oolan dargaggoota naannichaatiif raabsuu cimsee kan ittifufu ta’uu immoo ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa ni mul’isa.
Akka ragaan biirichaa mul’isutti; xaawulaa gaagura ammayyaa qopheessuuf barbaachisu Waldaalee IMXfi dhaabbilee dhuunfaa qophii gaagura ammaayyaarratti hojjetaniif dhiheessuun karoora qabame yeroo gabaabaatti milkeessuu haala danda’amuufi qooda fudhattoonni gumaacha irraa eegamu ariitii, qulqullinaafi kalaqaan hojjetamuu akka qaburratti mari’atamaa jira.
Walumaagalatti; Biqiltootni dhaabaman bineensota bosonaatiif dahoo ta’anii haala qilleensaa gaarii akka uuman qofaaf osoo hintaane, gama carraa hojii uumuutiinis shoora murteessaa akka taphatan taasisuuf Biiroon Qonna Oromiyaa barana qofa gaagura ammayyaa miiliyoona tokko qopheessee dargaggootaaf raabsuuf hojjachaa jiraachuun waan deeggaramuudha.
Bayyanaa Ibraahimiitiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
6 Comments to “ Ashaaraa Magariisaa: Sagantaa lafa miidhame deebisee misoomsuurra darbee dargaggootaaf carraa hojii uumaa jiru”
Comments are closed.