Arsii Lixaatti caasaaleen Komunikeeshinii sadarkeeffaman

Shaashamannee: Waajjirri Komunikeeshinii Godina Arsii Lixaa aanaaleefi bulchiinsota magaalaa raawwii hojii bara 2015tiin hojii fooyyee hojjachaa turan sadarkeesse.

Waajjirrichi  dandeetti gahumsa ogeeyyiifi hoggansaa cimsuuf leenjii mata dureewwan garagaraa irratti kenneera.

Ittigaafatamaan Waajjirichaa Obbo Amiin Galatoo komunikeeshiniin giduu mootummaafi ummataatti hariiroon walhubannaa cimaan akka jiraatu taasisuun mootummaafi ummataa gidduu waldhageettiin cimaan akka jiraatu gochuun  hojii bal’aa hojjachaa turuu himuun, keessumattuu maddoota komii uummataa ta’an sadarkaa aanaaleefi bulchiinsa magaalota godinichaatti addaan baasuun qaama dhimmi ilaallu affeeruun komiin ummataa akka furamu taasifamaa turuu eeraniiru.

Kana malees iddoowwan seena qabeeyyii Godinichaa maxxansaalee biyya keessaafi alaatiin beeksisuun hojiin gaariin hojjatamaa turuu Obbo Amiin himaniiru.

Bara kanas hojii walfakkaataa hojjachuuf dandeetti ogeeyyiifi hoggansaa cimsuuf haala ittifayyadama miidiyaa hawaasaafi pilaatifoormiiwwanii, oduu barreessuu, chaanalota xixxiqaa,  qorannaa yaada uummataafi karoora bara 2016 irratti leenjiin kennameera.

Hirmaattotni leenjii irraatti hirmaatanis leenjicharraa hubannoo kan argatan ta’uu himaniiru.

Dhumarratti aanaaleen hojii bara 2015tiin sadarkaa fooyyeen xumuraniifi  ogeeyyii hojii Komunikeeshinii milkeessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa turaniif bekkamtiin kennameera.

Haaluma kanaan Aanaan Kokkossaa 1ffaa, Qoreen 2ffaafi

 Siraaroo 3ffaa ta’uun sadarkeeffamuu Komunikeeshinii Godina Arsii Lixaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Arsii Lixaatti caasaaleen Komunikeeshinii sadarkeeffaman”

  1. Pingback: nfl streams
  2. Pingback: 꽁먼
  3. Pingback: dayz esp
  4. Pingback: best promos

Comments are closed.