Finfinnee: Hidhi Abbayyaa Afrikaanota hedduuf akka Adwaa lammaffaatti kan lakkaa’amuufi miira ni danda’amaa kan mirkaneesse ta’uun ibsame. Hidhichi dandeettii hidhawwan biroo hojjechiisuu dandeessisu kan uume ta’uunis eerameera.
Wayita qondaaltonni olaanaan mootummaa qophii addaa bara haaraa 2016 bakka Hidhi Guddichi Abbayyaa ijaaramaa jirutti kabajanitti Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)fi Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin marii taasisaniin; hidhichi Afrikaanota baay’eef akka Adwaa lammaffaatti kan lakkaa’amu ta’uu; hojiin hidhichaa miira ni danda’amaa kan dhugoomseefi Itoophiyaan biyya kaampaanii qabaattee hidhawwan walfakkaatoo biroo hojjettu akka taatuuf humna kan uume ta’uu dubbataniiru.
Akka Ministirri Muummee Abiyyi jedhanitti, Hidhi Abbayyaa maqaafi bifa danuu kan qabuudha. Kan gartokkoon qofa hindubbifamne, namoota hidhicha hojjetaniin; ummatoota Itoophiyaa akka hidhichi hojjetamuuf barbaadan akkasumas humnoota hiika hojjetamuun hidhichaa Afrikaanotaaf qabuun deeggaraniifi mormaniif hojii ibsama hedduu qabuudha.
Gama dippilomaasiitiin Itoophiyaan biyya guddittiidha jedhanii, hidha guddicha, paarkiiwwaniifi industiriiwwan guguddoo akka barbaachisus eeraniiru. “Jijjiiramaa as mul’ata hojii guddaa, qulqulluufi ce’aa haa hojjennu jedhu qabna. Bu’uuruma kanaan hojjetaa jirra” jedhan.
“Agarsiistuuwwan kanaa keessaa tokko Hidha Abbayyaa ta’uu ibsuudhaan “Hidhichi Afrikaanota hedduuf akka Adwaa lammataatti, akkasumas kan bilisummaa, ofdanda’uu, kadhaa jalaa boqochuu, mallattoo misoomaa waan ta’eef nu qofaaf otoo hintaane Afikaanota danuuf barumsa ta’a” jechuuni kan dubbatan.
Qurxummiiwwan baay’een hidhicha keessatti akka argamaniifi kunis Abbayyaan nyaata ta’uu eeranii; bishaan ummata Itoophiyaa waggoota danuu obaasuu danda’u kan qabateefi anniisaa olaanaa elektirikii akka maddisiisuufi kanaanis ibsaa argachuudhaan hojii mana keessaafi babal’ina industiriitiif faayidaa guddaa kan qabu ta’uu beeksisaniiru.
Hojiin misoomichaa naannawa qabbaneessaafi magariisa gochaa miidhagina uumamaasaa akka gonfachiiseefi gama turizimii ikootiin faayidaa damdaneessa kan qabu ta’uu Doktar Abiyyi himaniiru.
Bakkichatti hojjettoonni kumoota heddutti lakkaa’aman akka argamanis eeruudhaan; kanneen keessaas harki 99 Itoophiyaanota ta’uufi beekumsa hojjechaa argatan otoo adda adda hinfaca’iin walittiqabamanii Itoophiyaan otoo kaampaanii hinqabaatiin biyya humna hidhawwan walfakkaatoo hojjechuu dandeessisu kan itti uumaniidha jedhan.
“Yoo humna kana qisaasamarraa eeguu dandeenye nuyiif hidhawwan haawaa hojjechuufi dandeettiin biyya biraatiif ta’u kan ijaarame natti fakkaata. Adeemsisaa garuu hidha qofa otoo hinaane dandeettii isa wajjin uumame faana” jechuun ibsan.
Kuufamni bishaanii qabeenya olaanaa ta’uu ibsuudhaan, Misiriifi Sudaaniif invastimantii guddaadha jedhanii, “Nuti bishaan hanganaa qabannee Sudaanfi Misir hinbeela’an. Yoo waanti hamaan jiraate akka maallaqa baankii taa’ee kan sharafamu jechuudha. Bishaan danuu qabachuun Itoophiyaarra ce’ee faayidaa daangaa ce’u kan qabu waan ta’eef hundaafuu faayidaa guddaa qaba” jedhan.
“Uumaan Itoophiyaan imaanaa kennameef fudhattee bahachuu dandeessi jedhee waan nuu kenneef nutis amanamnee haala tasgabbaa’een otoo eenyuyuu hinmiidhiini kan bishaanicha qabanne” jechuudhaan Sudaan, Misiriifi Itoophiyaaf eebbaafi guddina Afrikaaf ammoo yeroo dhufu ifaa ta’uusaatiif agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.
Itoophiyaan qoramtullee kan salphaatti hinraafamne, waan yaaddu kan milkeeffattu; dhiibbaaf kan hinjilbeeffanne; ta’uushii dhaloonni kun irradeebiin kan mirkaneesse waan ta’eef ibsamni Abbayyaa danuudha jedhan.
Akka ibsa ministira muummeetti; waggoota ittaananitti seenaa qamadii kadhachuu Itoophiyaa ni hafa. Biyya anniisaadhaan baay’otaaf fakkeenyummaashii qooddu taati. Hojiileen qonna, anniisaafi eegumsa naannawaarratti eegalaman ittifufu. Kanneen guddinashii hinbarbaadne ishee jeequuf ni tattaafatu ta’a garuu hinmilkaa’uuf.
“Qormaanni Itoophiyaa furgiggifamuufi guddinaaf kanitti fayyadamnu malee kan jilbeeffannuuf miti” jechuudhaan egereen Itoophiyaa abdachiisaafi Afrikaatti bakka maluuf ittiqabattu; kan namoonni maallaqaafi qamadii muraasaan hinbinne; hinjilbeeffanne; bilisummaa, walta’iinsaafi jaalalaan warra kaan wajjin jiraattu; seera addunyaatiif abboomamtu, obbolootashii kabajju, kennitee fudhattu, walta’iinsatti amantu, ollootashii hunda wajjin nagaa, walta’iinsaafi jaalalaan jiraattu ta’uushii gochaan akka mirkaneessitu ta’uu ibsaniiru.
Ministirri Muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin akka jedhanitti, Abbaay hidha qofa miti. Mandhee bishaanii of danda’eedha. Kun ammoo hiikasaa dinagdeetiin oggaa fudhatamu bishaan qabate dinagdee Itoophiyaa keessatti faayidaa guddaa qaba.
Imalli hangafa turre, ammas ni taana jedhamu qabatamuus eeraniiru. imala hangafummaa keessatti qabsoo ummata gurraachaa Adwaatiin walqabatee gumaachi Itoophiyaanotaa fakkeenya bilisummaafi hangafummaa ta’uus beeksisaniiru.
Gama biraatiin sadarkaa uumamaatti gaarren kaabaa, horri hangaftichi Xaanaa, lagni guddichi Abbayyaa ammamoo hojii namtolcheetiin hidhiifi horri Itoophiyaanonni walta’anii ijaaran mataansaa hangafa ta’ee mul’achuunsaa; hangafummaan oggaa irree walta’een hojjetamu hiika guddaa kan qabuudha jedhan.
Walta’uudhaan akkuma hidhichaa seenaa dhugaa ta’e hojjechuun ni danda’ama kan jedhan Obbo Dammaqaan, cimnee rakkoolee hedduus ni ceena jechuun ibsaniirru. Walta’uufi waldhaggeeffachuudhaan rakkoo walii qooddachuufi gara furmaata waaraatti imaluudhaan nageenya fiduun daran barbaachisa jedhan.
Adeemsisaan hojii Hidha Guddicha Itoophiyaa Injiinar Kifle Horoo akka ibsanitti, ijaarsi hidhichaa ammaan tana harka 93 kan qaqqabe yoo ta’u, hojiin siviiliisaas harka 98 ga’eera. Hidha ijoon harka 98 kan qaqqabe yoo ta’u, hidhi ‘sadil’ jedhamu guutummaatti xumuramee tajaajila kennuu eegaleera.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
3 Comments to “ Abbayyaa: Hidha miira wajjummaafi ni danda’amaa mirkaneesse”
Comments are closed.