Wayita pirojektota guguddoon guddina dinagdee Itoophiyaa mirkaneessan baay’inaan hojjetamaa jiru. Pirojektota kunneenis haala qabatamaa biyyaa jijjiruurra darbee carraa hojii bal’aa uumaafi imala biyyattiin ce’umsa gara indastiriitti taasistu deggaruu keessatti gahee olaanaa qabu.
Pirojektiiwwan hojjetaman keessaas zooniiwwan dinagdee babal’isuun isa tokko yoo ta’u, torban kanas Magaalaa Finfinneetti zoonii dinagdee akka Afrikaa Bahaatti guddaa ta’e ijaaruuf dhaabbata biyya Chaayinaa waliin waliigalteen mallatteeffameera.
Sirna kanarratti argamuun haasawa kan taasisan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee akka jedhanitti, hojii walta’iinsa damee dhuunfaafi mootummaatiin eegalame babal’isuun muuxannoofi gahumsa sadarkaa idiladdunyaa kan qabu kaampaanii Chaayinaa guddicha ‘First Highway Engineering Group – FHEG’ wajjin shariikaan hojjachuuf lafa hektaara 35 liizii yerootiin tilmaamee kan dhihaate yoo ta’u, dhaabbatichi faayinaansii, teknolojiifi muuxannoo qabatee ijaarsicha kan adeemsisu ta’a.
Walgeettii idiladdunyaa kan qabuufi ‘Addis Tumooroo’ jedhamuun kan beekamu pirojektiin kun teknolojii ammayyaawaa fayyadamuun ijaarsicha akka adeemsisu eeranii, zooniin dinagdee addaa ijaaramu kun zoonii daldalaafi dinagdee idil addunyaawaa, zoonii barumsaafi aadaa, zoonii faayinaansiifi biizinasii, akkasuma zoonii manneen jireenyaa ammayaa kan of keessatti hamate ta’uu dubbatu.
Pirojektichi dinagdee biyyattiif handhuuraafi wiirtuu qo’annoofi qorannoo teknolojii ta’ee kan tajaajilu akkasumas shoora sadarkaa idiladdunyaawaa magaalaa Finfinnee kan olkaasu ta’uu, namoota hedduuf carraa hojii uumuu kan danda’u pirojektii guddaa ta’uus ni ibsu. Magaaltiiitti pirojektonni guguddoo kan itti eegalaman qofa osoo hintaane kan qulqullinaan ijaaramanii itti xumuraman ta’uun magaalaa akka fakkeenyaatti kaatu ta’uus eeraniiru. Milkaa’ina waliigaltee kanaatiif Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahmad (PhD) shoora bahataniifis galateeffataniiru.
Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Zyaa’oo Zyiyowaan gamasaaniin, Itoophiyaafi Chaayinaan biyyoota yeroo dheeraaf hariiroo tarsiimawaa qaban ta’uu himanii, pirojektiin ‘Addis Tomorrow’ qindoominaan hojjetamu miidhagina magaalattii caalaatti kan mul’isuufi carraa hojii kan babali’su ta’uu himu. Magaalaan Finfinnee hojiilee siyaas dinagdeefi hawaasummaa guyyuu raawwatuun jijjiiramaa jiraachuufi keessumaa intarpiraayizooni Chaayinaa baay’inaan magaalittii seenanii hojiilee hedduu hojjetaa jiraachuu kaasu.
Hayyoonni dinagdee dhimmicharratti yaada kennan akka jedhanitti, pirojektiin ijaaramu kun maddawwan galii bal’isuun guddina dinagdee magaalitti guddisa.
Yunivarsitii Finfinneetti Arkiteektiifi Barsiisaan Kolleejjii Gamoo Bisraat Kiflee yaada AMN’f kennaniin pirojektiin haaraa kun Finfinneef miidhagina dabalataa uumuu cinaatti bifa magaalaa Afrikaa ta’uushee ishee uwwisu ta’uu himu. Magaalittiin waggoota muraasaa as pirojektota ulaagaa magaalummaa guuchisan argachaa jiraachuufi pirojektota kanneen akka paarkii Inxooxxoo, Addababa’ii Michummaa, Paarkii Tokkummaa, Godambaa (Muuziyeemii) Saayinsii, Addababa’ii Masqalaafi kkf akka fakkeenyaatti eeruun ni danda’ama jedhu.
Akka biyyaatti barsiifanni pirojektota meegaa eegalanii xumuruu dhabuu akka ture yaadachiisanii, wayita ammaa kun jijjiiramee pirojektota guguddoo yeroo gabaabaa keessatti xumuramanii tajaajilaaf yoo oolan kan mul’atu ta’uu himu. Kunimmoo aadaa hojii cimee ittifufuu qabuufi haala biyyattiin amma keessa jirtu kan gaafatu ta’uu kaasu.
Ijaarsi zoonii dinagdee kanaa Finfinnee, naannawa Gootaraa jedhamutti kan adeemsifamu yoo ta’u, waggoota ja’an ittaananitti lafti heektaarri 15 ta’u marsaa jalqabaatiin kan misoomu ta’a.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
5 Comments to “ Zoonii dinagdee addaa guddicha Afrikaa Bahaa; Finfinneetti”
Comments are closed.