Atileetonni Itoophiyaa tibba kana Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa Hangaarii, Budaapeestitti adeemsifamerratti hirmaatan warqii lama, meetii afuriifi nahaasa sadii waliigalaan meedaaliyaawwan sagal argachuun addunyaarraa sadarkaa ja’affaa, Afrikaarraa lammaffaa ba’uunsaanii ni yaadatama. Qabxiin kun hanga eegame akka hintaane dubbatamaa jira. Nutis kanaafi dhimmoota waliigalaa biroorratti atileetii duraanii, walittiqabaa koree teekinikii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Pirezidaantii Waldaa Atileetota Itoophiyaa Komaandar Maarqos Gannatii keessummaa maxxansa kanaa taasifanneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Gaafdeebii kanaaf eeyyamamaa ta’uukeef guddaa si galateeffanna. Namoonni baay’een si beekanillee dubbistoota keenyaaf of ibsi mee.
Komaandar Maarqos: Tole isinis galatoomaa jechaa, ani Maarqoos Gannatiin jedhama. Kanin dhaladhee guddadhe Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Waayyuu Tuqaa, Magaalaa Guuteetti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa bakkuma dhaloota koo, sadarkaa lammaffaa ammoo Mana Barnootaa Kompiriheensiivii Naqamteettin baradhe.
Haalli guddinakoos akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu maatiikoof bishaan waraabee, horii tikseen guddadhe. Yommuu umuriinkoo barumsaaf ga’ummoo barnootan eegale. Bakkiin itti guddadhe jireenyaaf mijataa yoo ta’u, maatiinkoos haala gaariidhaan na guddisan. Hawaasni naannawaakoos akkuma ilmasaatti yoon balleesse natti dheekkamaa, yoon gaarii hojjedhe na eebbisaan guddadhe.
Bariisaa: Maatiikeef ilma meeqaffaadha? Obbolaawoo meeqa qabda?
Komaandar Maarqos: Abbaakootiif ilma lammaffaa, haadhakoof immoo hangafa, waliigala obboloota saddeetiin qaba.
Bariisaa: Akkamitti fiigichatti seente Komaandar?
Komaandar Maarqos: Dhugaa dubbachuuf taanaan, ani guyyaan jalqaba dorgommii dorgomeen beeka malee akkamitti akkan itti seene hin yaadadhu. Bakki dhalootakoo dirree fiigichaaf mijataa ta’uun, buufanni xiyyaaraa naannnawa mana jireenyaa keenyatti argamuun akka garaakootti akkan fiiguuf carraa naa uumeera. Kanarraa kan ka’e jireenyumtikoo mataansaa ispoortii ture. Fiigicha qofa osoo hintaane kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa, utaalchoofi waan ispoortii jedhame hunda keessattin hirmaadha.
Boodarra akkan fiigicharratti xiyyeeffadhu kan na taasise barsiisotakooti. Naman akkasaan ta’a jedhu hinqabun ture. Garuu waanin gumii minimiidiyaa mana barnootaa keessatti sochii muraasa taasisaa tureef gaazexoota addaddaa dubbisuuf carraa argadheera.
Saganticharrattis waanin ispoortii dhiheessaa tureef waa’ee Hayilee, Faaxumaafi, Daraartuufaa beekuuf carraa argadheera. Kunimmoo akkan ispoortiitti jajjabaadhu na taasise. Gaafan kana siin jedhu garuu faayidaa ykn qarshii argamsiisa kan jedhu hinbeeku; akka inni beekamtii namaaf kennu garuu nan hubadha.
Eessaan, karaa kam ba’anii gara sanatti akka dhufamu naaf hingalu ture. Kana kanin hubadhe bara 1991 mana barnootaa sadarkaa tokkoffaarraa gara sadarkaa lammaffaatti dhufee yommuun aanaakoof kubbaa miilaa taphadhuudha. Yeroo sana fiigichi jiraachuun arge. Warra fiigan argee waanin dandeettiisaa qabuuf yoon of ilaalewoo jechuun barsiisotakoo waliin mari’adhe. Isaanis taphataa cimaa ta’uukoofi fiigichas akkan danda’u waan hubataniif akkan fiigu na jajjabeessan.
Anis qophiifi shaakallii tokko maleen fiigichatti seene. Akka carraa ta’ee dorgommiidhuma jalqabaatiin mo’adhe. Ijoolleen waliin dorgame tokkosaaniillee hinbeeku. Isaan garuu ijoollee beebbeekamoo godina, darbees Oromiyaa bakka bu’anii dorgomaniidha. Isaanis fiigichakoo arganii waamanii na onnachiisan.
Yeroo sanatti hamileen, “Ergan utuu hinqophaa’iin injifachuu danda’ee utuun irratti hojjedheemmoo bakka guddaa ga’uu nan danda’a” jedhu na keessatti uumame. Waanti si dinqu guyyaa sana kubbaa miilaa hanga boqonnaa qofatti taphadhee boqonnaa booda fiigichatti seene. Godina bakka bu’ees dorgomuu jalqabe.
Baruma sana godinakoo bakka bu’ee dorgome. Poolisiin Oromiyaas godinaaleerraa nu filatee dorgommii naannolee Magaalaa Ambootti taasifamerratti filatamee hirmaadhe.
Sana keessatti gara kilabii Poolisii Oromiyaatti makamuuf carraa argadhus waan umuriinkoo hingeenyeef, ulfaatinnikoos waan hinguunneef keessaa hafe. Marsaa ittaanutti na simachuuf waan waadaa naa seenaniif Naqamtetti deebi’een barnootakoo ittifufe.
Yeroon mana barnootaatti deebi’u garuu wanti na mudate barsiisonni daree barattoota qaxalee (special class) keessaa na baasanii kutaa idileetti na dabalaniiru. Sababnisaas yeroon dorgommiif gara Sanqallee ji’a tokkoof torban lamaaf deemetti barumsaafi qorumsa baay’eetu na darbe.
Kanaan keessikoo daran gaddus waantota lama dhabuu hinqabu jedheen murteeffadhe. Akkasumatti kutaa ittaanutti darbe, akkuman baatii afur baradheen Oromiyaan beeksisa mindeessa humna dafee qaqqabaa baafnaan dorgomee leenjiif seene.
Yeroo sanatti fiigichillee waan narkaa badu natti fakkaatee ture. Garuu carraaquu hindhiisne. Leenjiikoo xumuree Godina Booranaa, Magaalaa Nagellee Booranaattin ramadame. Bakkichi gammoojjii waan tureef fiigichaaf naaf mijataa hinturre; bu’aa ba’ii hedduutu ture. Isuma keessatti garuu ammallee carraaquu hindhiisne.
Oggaan hojiif deemutti wayita aanaaleen dorgommii godinaaf of qopheessanin arge. Akkan dorgomuuf fedha qabu itti himnaan dhuunfaadhaan dorgomuu hindandeessu naan jedhan. Fedhiikoo kanin ittihime uffata siviilii uffadheeni. Booda uffata loltuu uffadhee warra dorgommicha qopheessan gaafannaan ni dandeessa naan jedhan.
Fiigicha meetira kuma shanii mo’achuurra darbee isa lammaffaa ba’eeyyuu itti marseen gale. Hoggantoonnikoos taa’anii na ilaalaa turan. Isaanis daran gammadanii dandeettiikoos dinqisiifatanii waantota barbaachisan hundaan na cina dhaabachuuf waadaa naa seenan. Bakkan jirurraas dhuma bara 1992tti gara giddugaleessa biyyaa, Bishooftuu dhufe. Shaakalliifis haalli daran naa mijate.
Garuu sababan hoggansarra tureef hojii wajjin dhiibbaa narratti uume. Ta’us shaakalakoo addaan hinkunne. Naamusaan walqabatees waantota ispoorteessaa tokkorraa barbaadamu hunda eeggadheen hojjechaa ture. Haala kanaanin bu’aa ba’ii hedduu booda gara garee biyyaalessaatti dhufe jechuudha.
Bara 1993 carraa hojii kamirraayyuu bilisa ta’ee hojjechuu baatii sadiif argadhe. Yeroo naa kenname keessatti aanaan keessa ture Ada’aa Liiban bakka bu’ee Shaashamanneerratti, achirraammoo godina bakka bu’een gara Baalee Gobbaatti dorgomee mo’adhe. Naannoo bakka bu’ees dorgommiif Finfinnee dhufe.
Bariisaa: Egaa kan Finfinnee kun siif dorgommiikee guddicha isa jalqabaati. Miira yeroosii akkamiin ibsita mee?
Komaandar Maarqos: Anaaf waltajjichi guddaa ture. Atileetota bebbeekamoo kanneen akka Qananiisaa Baqqalaafaa wajjinin walarge. Dorgommichas atileetota bebbeekamoo waliin miila duwwaa dorgomeen injifadhe.
Tiraakiin maal akka fakkaatu argeellee hinbeekuu bari. Gaafan ilaalu garuu caalaatti kan saffisa naa kennu, miilakoo duwwaa waan ta’eefin dorgomee haala nama ajaa’ibuun Qananiisaallee mo’adhe. Sana booda dorgommii idiladdunyaattin makame jechuudha.
Bariisaa: Dorgommiinkee jalqabaa biyya alaa eessatti ture?
Komaandar Maarqos: ALA bara 2001 dorgommii Shaampiyoonaa Dargaggoota Addunyaa, Hangaariittin dorgome. Qophii torban lamaatiin meetira kuma sadiirratti kanin hirmaadhus rikardii cabseen mo’adhe.
Qabxiikoo kana ilaaluunis leenjisaankoo yommuusii Waldamasqal Koostiree meetira kuma shan Jamaayikaatti akkan fiigu na taasisan. Achittis qabxii gaariin galmeessise. Baruma sana utuu hinturiin dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii Heelsiinki, Finlaandiitti meetira kuma shaniif deemee saffisakoo waan beekaniif meetira kuma tokkoofi 500 na dorgomsiisan. Fiigicha dheerina lamaaniin mo’adhe. Akkanaan dorgommiiwwan garagaraa injifachuun eegale.
Bariisaa: Egaa fiigicha dheeraatiin beekamtaatii waliigalaan dorgommiiwwan idiladdunyaa meeqarratti hirmaattee, hammmam mo’atte, meedaaliyaa meeqas argatte?
Komaandar Maarqos: Hammana jedhee sirriitti beekuu baadhus, dorgommiiwwan 200 ol irratti akkan hirmaadhe ragaan Atileetiksii Addunyaa ni mul’isa. Kanneen keessaa %80 ol mo’adheera. Kanneen hafan ammoo 2ffaa, 3ffaa darbes mo’amuufi adda kutanii ba’uun nimudata. Akka waliigalaatti garuu yoon bakkan barbaade ga’eera jechuu baadheyyuu carraan argadhetti fayyadameera; carraqabeessan ture jedheen amana.
Bariisaa: Kana keessatti egaa bu’aa ba’iinis hindhabamuutii mee wantoonni si mudatan maalfa’i?
Komaandar Maarqos: Baay’eetu jira. siyaasaan walqabatee akkan biyyakoof hinfiignellee dhorkamee beeka. Jibba addaddaa narratti mul’ifamaa, waanin hintaane narratti moggaafamaa darbees qeeqamaa tureera. Kanneen keessa darbeen egaa hamma barbaadame ta’uu baatus hiriyyootakoo waliin ta’uun hanga atileetota Oromoo gara hoggansa federeshiniitti fiduu danda’e.
Bariisaa: Jiruukee keessatti yeroon ati ulfaataadha jettee abdii kutatte jiraa?
Komaandar Maarqos: Akkuman sii kaase waa hundi naa mijatee dorgommiitti hindhufne. Yerooman garee biyyaalessaatti makamerraa kaasee qormaanni na mudachuu eegale. Asitti atileetota bebbeekamoo waliin nan shaakala garuu akkan isaan waliin hindorgomne taasisuurratti rakkoo olaanaatu ture. Kanarratti loltuu ta’uunkoo daran na fayyadeera. Utuun loltuu ta’uu baadhee lubbuudhaan jiraachuunkooyyuu yaaddessaa ture. Akkaataan guddinakoos daran na gargaareera. Waanin argachuu qabu argachuuf qabsaa’uu, gaafa rakkoon akkanaa na mudatummoo gadi jedhee dabarsuu na barsiiseera.
Wantoota na mudatan keessaa kanin yoomillee hindaganneefi na gaddisiisee darbe akkaataan garee Olompikii Ateensii keessaa ittihafeedha. Yommuun har’arra taa’ee yaadadhu waan daran natti dhaga’amudha. Dorgommichaaf huccuufi kopheekoo qabadhee, lakkoofsi naa kennamee anaa dorgomuuf jedhuu keessaa na hambisan.
Akkasumas Paariisitti dorgommiif deemee haaluma walfakkaatuun, “Ati biyya bakka buutee dorgomuu hindandeessu” jedhanii keessaa na hambisan. Yeroo sana waanin homaa dubbachuu hinbarbaanneef isaan galateeffadhee hoteela keessa turre keessaa gara biraatti jijjiirradhe.
Bariisaa: Gammachuun ati yoomillee hindaganneewoo?
Komaandar Maarqos: Yeroon baay’ee ittigammade atileetota ciccimoo warran foddaa televizhiniitiin ilaalaa ture Hayilee, Qananiisaafi Laagaatifaa wajjin yommuun fiiguudha. Inni biraan gaafan dorgommii maaraatooniitti seene, dhukkubbii miilaa cimaarraa bayyanadhee, sanuu osoo tiraakii fiigichaa hinxumuriin gara sanatti ce’ee, Losaanjalasitti yommuun haalan barbaaduun injifadhetti daran gammadeera.
Bariisaa: Olompikii si’a meeqa dorgomte? Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaawoo?
Komaandar Maarqos: Isa Ateensi erga na dhorkanii booda, anis hirmaachuuf fedhan dhabe; yommuu waamichi naa dhihaatus fudhachaa hinturre. Shaampiyoonaa atileetiksiimmoo kan Heelsinkii kuma shaniif filatamee boodarra didamee qophii torban tokkoo qofaan kumaafi 500 fiigee riikardii cabsuun mo’adhe. Akkasumas bakkuma amma shaampiyoonaan Addunyaa baranaa itti adeemsifame, Budaapeestitti dorgomee sadaffaa ba’eera.
Bariisaa: Namoonni Maarqos dafee fiigicha dhaabe jedhan jiru. Kanarratti maal jetta?
Komaandar Maarqos: Dhugaadha. Keessumaa ergan gara maaraatooniitti dhufee utuman haala gaariidhaan hojjechaa jiruu weerarri Koviid -19 addunyaarratti uumame. Yeroo sana gara waggaa lamaaf gabaan fiigichaa inuma bade. Yommuu deebi’u ammoo faayidaan irraa argamu hangas mara waan hinturreef suutuma suuta keessaa bahe. Waan si dhibu aniyyuu ammallee fiigicha keessaa ba’uukoo of hinamanne.
Bariisaa: Maarqos har’a maalitti jiraree? Ispoortiin alawoo maal hojjetaa jira?
Komaandar Maarqos: Utuman fiigicha keessa jiruu gara Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatti dhufe. Garuu yeroo boqonnaakootti kanin hojjetaa ture. Federeshinichatti egaa mari’anneetuma dhiibbaa gochuun hiriyootakoo kanneen akka Silashii Sihinfaa waliin ittiseenne. Kanaaf ammoo ka’umsa kan naa ta’e dhiibbaan irranatti kaaseefi narra qaqqabaa ture, ijoollee kaanirras ga’aa waan tureef kana hambisuuf jennee ittigalle jechuudha.
Silaa ispoortiifi siyaasni walmakuu hinqabu. Garuu sirna ture keessatti lamaanuu walmakaa waan turaniif baay’ee rakkannee turre. Ispoorteessitoonni osoo hinjaallatiin gara siyaasaatti akka seenan taasifamaa ture. Wantoota akkanaa hambisuuf dirqama keessa seenuu eegalle. Federeeshinicha keessatti ani amma Walittiqabaa Koree Tekinikiiti. Akkasumas Pirezdaantii Waldaa Atileetota Itoophiyaati.
Biznasiis akkuman maallaqa argadheenin jalqabe. Kanaanis jalqabarratti kolleejjii baneen hojiitti seene. Hoteelas qaba. Yommuun kanneenitti seenu biiznasiif qofa yaadee miti. Biyyan keessatti dhaladhee guddadhee, sadarkaa kana akkan ga’uuf gumaacha taasisteef animmoo maal gochuun qaba jedhuuni.
Hoteela banuuf ka’umsa kan naa ta’e gaafan cidha godhachuuf Magaalaa Naqamtee deeme, hiriyootakoo baay’ee wajjin deemnee hir’inni hoteelaa waan tureef bakkan sirnaan ittikeessummeessuun dhabe. Kanarraa ka’uun bulchiinsa yeroosii gaafadhee yaadakoo fudhatanii lafa naa kennan. Isarraa ka’uun gaaffii ummatakoof deebii narraa eegamu kenne jechuudha. Hojiilee konistiraakshiniifi riil isteetii keessattis hirmaachaa jira.
Bariisaa: Maarqos abbaa ijoollee meeqaati? Ejjennoo ykn fedhiin isaan atileetiksiirratti qaban maal fakkaata?
Komaandar Maarqos: Abbaa ijoollee dubaraa sadiiti. Ishee lammaffaan fiigichaaf fedhii qabdi, shaakalaas jirti.
Bariisaa: Ijoolleenkee afaaniifi aadaasaanii akka baraniif akkamiin guddisaa jirta?
Komaandar Maarqos: Ijoolleenkoo sadanuu kan dhalatan Ameerikaatti. Yeroo baay’ees gara sana deemuudhaan yeroosaanii dabarsu. Biyya haadhaafi abbaasaanii daran jaalatu. Gaafa nu waliin jiraatan ammoo isa beeknu malee waan biraa eessaa fuunee barsiisna? Waan qabnu isaaniif kennina.
Sana keessatti anis haatisaanis qooda olaanaadha kan qabnu. Akkoo, akaakaa, adaadaa, eessuma, wasiilaafi firootasaanii dubbisuu kan danda’an afaan maatiisaaniitiin waan ta’eef baruun dirqama. Kana jechuun afaan biraa baruu hinqaban jechuu osoo hintaane kan ofiis beekuu qabu. Garuu utuu isa na bira jiru hinlaatiiniif kan biraa hawwuufii hindanda’u.
Bariisaa: Mee jireenya dhuunfaakee keessaa haa baanuutii akka waliigalaatti sochii atileetiksii si’anaa biyya keenyaa akkamiin ibsita?
Komaandar Maarqos: Atileetiksiin amma baay’ee guddateera; bal’ateeras. Yeroo nuti keessa turretti karra tokko duwwaatu ture. Har’a garuu atileetiksiidhaaf karrawwan hedduutu jiru. Dur garee biyyaalessaa qofaatiini hammatamanii kan socho’an; dorgommiif biyyaa ba’uullee kan danda’an. Amma garuu bakkawwan addaddaatti gadi buufamee pirojektota hedduutu jira. Inni barbaade achirraa ka’ee gara barbaadu deemuu danda’a. Dhuunfaadhaan beekamtii federeeshiniitiin gurmaa’anii bakkawwan dorgommiin jiru hundatti dorgomuu danda’u.
Gaafan kana jedhu guddina akka dhuunfaatti jiruudha. Sharafni isaan biyyaaf argamsiisanis akka laayyootti kan ilaalamu miti. Biyya bakka bu’anii fiiguu keessatti ammoo inni kun miidhaa qaba. Ijoolleen yommuu akkas gadhiifaman walitti qabdee, sarara keessa galchitee akka biyyaaf fiigan gochuu keessatti hanqinni jira.
Kanaaf biyyaaf miidhaa qaba jechuudha. Kun akkam ta’uu akka qabu shaampiyoonaanumti Budaapeesti waan nutti agarsiisu qaba. Teenyee mari’annee attamitti gara sarara biyyi kun barbaaddutti fiduun atileetiksiidhaan waamsisuu dandeenya isa jedhu ilaaluun nurra jiraata.
Kana malees atileetiksiin keenya isuma kaleessa Abbabaa Biqilaafaa ittiin eegalaniin jira malee gadi buusnee meetira 800, 400fi 100tti hojjechuurratti dadhabina guddaatu jira. Kana gochuuf federeeshiniin qofaasaa waan godhu hinqabu. Sababnisaas kanfaltii guddaadha kan barbaadu. Yoo argite ta’e biyyoonni guddatan kanneen akka Ameerikaa, Raashiyaafi Awustiraaliyaafaa yeroo baay’ee qabxii jalqabaarratti argamu. Isaan kunneen dinagdee waan qabaniif fiigichawwan gaggabaaboorratti daran hojjetaniiru. Gaafan akkas jedhummoo humnaa oli jechuukoo miti. Xiyyeeffannoon kennamnaaniif atileetiksii sadarkaa yaadnuun ga’uu ni dandeenya; hirmaannaa qaamolee hundaan jechuudha.
Utaalchoo, darboofi ispoortiiwwan kaanirra hinjirru. Biyyuma ollaa keenyaa Keeniyaa yoo fudhatte garuu akaakuuwwan atileetiksii hedduu keessa galanii jiru. Kun fakkeenyummaa gaarii nuuf ta’uu danda’a.
Bariisaa: Dorgommii atileetiksiirratti miirri garee laafaa jira jedhamaatii kanarratti ati maal jetta? Dhimma dhuunfaaf fiiguufi haala waliigalaa naannawa kana jiru akkamitti ibsita?
Komaandar Maarqos: Kanarratti mari’achuu qofa osoo hintaane, qaama dhimmichi ilaallatu gaafachuu keessattiyyuu baay’ee deemneerra. Naamusni atileetiksii kufaa jira; sababasaammoo ni beekna. Atileetonni keenya dur yommuu mo’anii deebi’an simannaa gaariitu taasifamaaf, badhaasawwan hedduutu kennamaaf; akka ka’umsa qabaataniif waan gaariitu ta’aaf. Har’a garuu gidduutti haala hintaane keessa galuun yeroo atileetonni barbaadaman mo’an badhaasuu, yeroo kan isaan hinbarbaanne mo’an ammoo badhaasa dhowwachuutu jira. Inni kun ilaalcha atileetiksiif jiru dabse.
Fakkeenyaaf bardheengaddaa Itoophiyaan qabxii olaanaa argattee turte. Sadarkaa addunyaatti Ameerikaatti aantee lammaffaa baate; akka Afrikaattimmoo tokkooffaa taate. Bu’uurri sun waan baay’ee jijjiire. Kanaaf wanti kaleessa taasifame har’as atileetoota keenyaaf taasifamuu qaba.
Fakkeenyaaf Atileet Taammiraat Tolaa dhuunfaadhaan utuu dorgomee Doolaara kuma 500tu kanfalamaaf. Biyyaaf yeroo ta’u garuu kuma 40-60 hincaalu. Kanaaf nama akkanaan aarsaa of godhe kanaaf waan isaaf malu gochuufiin barbaachisaadha. Inni kun xiqqooshee ilaalcha biyyaaf fiiguu sana jal’iseera.
Inni biraa akkaataa hojii keenyaas ilaaluun barbaachisaadha. Akkaataa federeeshiniin leenjistootaafi atileetota fidu rakkoo mataasaa ni qaba. Isa duraarra baay’ee fooyya’iinsa qaba. Garuu sirriitti gadiqabanii ilaalanii, eenyuutu dheerina kamirratti yoo fiige bu’aqabeessa ta’a isa jedhu ogummaan ilaaluu qaba. Akka waliigalaatti garuu bakka barbaadamu hingeenye, baay’ee irraa fagoo jira. Bakka barbaadame ga’uuf hirmaannaa hundaa barbaada.
Bariisaa: Filannoo atileetotaatiin walqabatee utuu federeeshinii hinqaqqabiin godarraa kaasee rakkoo akka qabu, ijoolleen dandeettii qaban sababa qarshiifi fira beekan hinqabneef filannoo keessaa hafu waanti jedhamu ni ka’aatii kanarratti maal jetta mee?
Komaandar Maarqos: Ani qaama atileetota filatu keessaa tokko. Walittiqabaa Ittaanaa Tekinikii, Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaati. Kanarratti dogoggorri hinjiru jechuu hindandeenyu; jiraachuu ni mala. Dogoggorri har’a jiru garuu isa kaleessa nurra ga’aa ture miti. Filannoon taasifamu caalaatti eenyu yoo dorgome qabxiin dhufuu danda’a isa jedhuun taasifama.
Ani akka Waldaa Atileetota Itoophiyaatti waanin mormu qaba. Seera taa’een atileetota filachuun sirriidhumatti jira. Sadarkaa godaatii kaasee iddoo itti cabu hinqabu. Garuu wanti jiru seera sana da’eeffachuudhaan gara nama barbaadaniitti jallisuudha. Kanammoo qofaakee miti kan ati hambistu. Kutannoon hojjechaa suuta suuta sirrata.
Fakkeenyaaf dorgommii dheengadda Budaapeestitti taasifamerratti dhimma Atileet Xilaahun Hayileetiin walqabatee ka’u haa ilaallu. Xilaahun silumasaayyuu nama afraffaadha. Kan inni dorgomuu danda’us yoo namoonni isa dura jiran rakkoodhaan ykn sababa wayiitiin keessaa hafan malee mirga inni qabu Barrihunis qaba. meetira kuma shaniin nama tokkoffaadha. Innis deebi’ee fiiguu kan danda’u yoo meetira kuma 10 irratti 1ffaa hanga 3ffaa bahedha kan jedhu qaboo yaa’iidhaan qabamee kan taa’eedha. Carraa sanammoo kan qabu Barrihun qofa miti. Dubartootaanis meetira kuma 10n atileetonni sadii Latasanbat, Ijjigaayyoofi Gudaaf ni qabu. Isaaninis kan jenne isa gajjallaa deebi’anii fiiguuf kan kuma 10, 1-3 yoo ba’uu danda’aniidha. Akkuma argine Ijjigaayyoonis Gudaafis fiiganiiru. Latasanbat kuma 10 irratti miidhaan ittidhaga’amee hinfiigu waan jetteef nama afraffaarra kan jirtu Fireewayiniif carraan kenname.
Kanaaf eenyuufuu jedhamee wanti taasifame ykn eenyuufuu jedhamee wanti hafe hinjiru. Barrihunis carraadhumasaa fayyadame. Kanammoo Xilaahun gaafa deeme ni beeka ture. Gaafa deemu utuu miidhaa xiqqoo qabuu dirqama waan ta’eef eeggataa ta’ee deeme. Gaafa Xilaahun nama afraffaa ta’ee akka fiigu kan godhame mari’atamee biyyaaf yaaduun ala homaanuu walhinqabatu.
Bariisaa: Komii biraan ka’u ammoo, madda atileetotaa kan taate Oromiyaan hirmaannaan ishee daran gadi bu’eera kan jedhuudha. Kun maalirraa madde, isinoo akka federeeshinitti dhimmicha ilaaltanittuu?
Komaandar Maarqos: Qabxii gaarii kaaste. Wanti nuti yeroo ittaanutti xiyyeeffannaadhaan irratti hojjechuu qabnus kanadha. Oromiyaa keessaa atileetiksii qofa miti ispoortii baay’eensaa badaa jira. Ijoolleen carraaqqii mataasaaniitiin dhufaa jiru malee godaa kaasee hojiin qixa sirriidhaan hojjetamee dhufaa jira jechuun hindanda’amu.
Yeroo duraa kilaboonni gara 20 ta’an dhaabatanii turan. Yeroo murtaa’eefis sochiin taasisaa turan ni jira. Sanaa booda garuu inuma bade. Wayita ammaa kilaboonni sunneen nama lama, sadii qabataniitudha maqaadhaaf jirra kan jedhan. Kan immoo sirriitti ittideemee hojjetaa jirus ni jira. Kanarratti hojiin hojjetamuu qabu waan hinhojjetamneef caalaatti hojii kan barbaaduudha.
Silaa haala taa’umsa, qilleensa, nyaataafi wantoota mijatoo qabaachuutiin Oromiyaa keessaa ture atileetonni hedduu madduu kan qaban. Olompikiiwwan kana dura darban keessatti yoo ilaalte meedaalistoonni Itoophiyaa hedduun %95 ijoollee Oromiyaarraa maddaniidha. Sun bu’uura guddaa nuuf ta’uun osoo irra jiruu, har’a sana dagachuun, qaamni dhimmisaa ilaallatu kana jijjiiruu dhiisuudhaan wanti amma mul’atu mudate.
Kanarratti iyyinee dadhabnee dhiisne. Namoota kanneeniif ittidhihoo ta’aaniifi iddoo guguddaarra jiran gallee haasofsiisnee sosochii guddaa hojjennee turre. Garuu nurratti gatuudhaan sadarkaa kana qaqqabeera. Akka fakkeenyaatti waanin sii kaasu tokko, shaampiyoonaa Itoophiyaa baranaarratti Oromiyaan hamma hirmaachuu dhabuutti qaqqabee ture. Kana jechuun hammam akka namatti dhaga’amu yaadi. Gaafa guyyaan lama sadii hafuudha dhufanii kan hirmaatan. Haala amma jiruun sadarkaa dhumaarra ga’eera jechuun ni danda’ama.
Isa kanaaf sababoota kaasan addaddaa qabaachuu danda’u. Garuu isa darbetti gaabbinee isa dhufurratti yoo hojjenne malee daran yaaddessaadha. Atileetiksiin yeroo dheeraa waan barbaaduudha. Waan har’a hojjette har’uma hinargattu. Ammumaa godaa kaastee yoo hinfiddu ta’e sadarkaa barbaadamu ga’uu hindanda’u. Wantoota dura turantu sadarkaa kufaatii atileetiksii Oromiyaa har’aatiif fide jechuudha.
Bariisaa: Bu’aan atileetonni Itoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetksii Addunyaa Hangaariirratti tibbana hirmaachuun fidan akka nama dhuunfaatti si gammachiiseeraa?
Komaandar Maarqos: Wanti gammachiise jira. Sochiin jiru salphaa miti; garuu waan barbaannu hinarganne. Itoophiyaan waan argachuun utuu isheerra jiru dhabde ni qabdi. Fiigicha meetira kuma 10 dhiiraan nu harkaa bahaa erga dhufnee tuttureera. Akkasumas, maaraatooniidhaan humnaa ol ifaajjamus waan argachuun nurra ture dhabneerra. Meetira kuma shan dhiiraafi durbaanis akkasuma. Akkasumas bakkawwan tokko tokkotti aarsaa kanfaluu qaban kanfaluu dhabuun ni mul’ata.
Inni kun nutis dhaabannee akka of ilaallu kan nu taasisuudha. Bakka rakkoosaa sirriitti hubanneerra. Kanarratti waltajjii uummachuun taa’anii mari’achuufi kallattii waliikennuu barbaada.
Wanti na gammachiise fiigichi meetira kuma kudhaniifi maaraatoonii dubartootaati. Darbees hojii koreen keenya hojjechaa tures nuu milkaa’uunsaa gammachuu natti uumeera. Ummanni keenya isa argatetti gammadee isa dhabetti dallanuu danda’a. Nuti garuu achi keessatti tokkummaan atileetotaa uumame nu gammachiiseera. Kun isa kana dura dhabnee turreedha.
Bariisaa: Akka waliigalaatti atileetiksii biyyattii akkuma duraa sana tokkummaan atileetotaa deebi’ee ummannis waliin ta’ee ni agarra jettee abdattaa?
Komaandar Maarqos: Kun abdii hunduma keenyaati. Manii keenyasi. Keessumaa dhaloota nu booda dhufuuf waan gaarii keenyee darbuu qabna. Kanaaf hamma achi keessa jirrutti kana deebisuu kaayyeffannee hojjenna. Wantoonni bu’uura qabsiifnu hedduun ni jiru. Kanaaf garuu hunduu irratti hirmaachuu qaba. Waltajjii ykn dirree malu bal’isuunis dirqama.
Kaleessa waan qabnu, gidduutti waan dhabne, ammammoo deebi’uuf wanti abdii qabu waan jiruuf akka gabbatu taasisuuf tumsuu barbaachisa. Pirojektota maqumaaf jiran baay’ee qabatamaadhaan akka jiraatan gochuu gaafata. Mootummaanis maallaqaafi ogummaadhaan deeggaree, federeeshiniinis ittigaafatamasaa qixa sirriin ba’atee, abbootii qabeenyaafi ummannis nu cinaa dhaabannaan atileetiksii keenya bakka yaadneen ni geenya.
Bariisaa: Dhumarratti ergaa waliigalaa yoo qabaatte carraan sii kenna.
Komaandar Maarqos: Tole. Miidiyaan biyyattii guddina ispoortii keessatti shoora olaanaa qabaachuun beekamaadha. Kanaaf caalaatti irratti xiyyeeffatee, keessumaa fiigicha sadarkaa idiladdunyaatti ittiin beekamnu caalaatti olkaasuuf akkuma kanaan dura gahee olaanaa ba’ataa turan ammas hojjechuu qabu.
Waan irra geenye kunuunfachaafi jajjabeeffachaa deemuun nurra jiraata. Dargaggoonni keessumaa sarara kanarra jiran jabaatanii yoo hojjetan bakka guddaa waan ga’uu dandeenyuuf jabaadhaa jechuun barbaada.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
4 Comments to “ “Xiyyeeffannoon kennamnaan atileetiksii keenya sadarkaa yaadnuun ga’uu ni dandeenya” -Komaandar Maarqos Gannatii”
Comments are closed.