Qaala’iinsa gatii gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf omishaaleefi horiin qalmaa mootummaan dhiyaachaa jiru

Finfinnee: Godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundatti walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qaala’iinsa gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf seektarootaafi qoodafudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Tasfaayee Gashoo ibsa addatti kaleessa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, biirichi qaala’iinsa gatii omishaalee gabaa ayyaanaa baranaa tasgabbeessuuf qaamolee dhimmisaa ilaallatu waliin karoora waloo qopheessuun hojjetaa jira jedhaniiru.

Qaala’iinsa gatii gabaa meeshaaleen galtee gabaafi oomishaalee garagaraarratti qaqqabuu danda’u maqsuuf mootummaan akka dhiyaatan taasifamuu ibsaniiru.

Biirichi walitti hidhamiinsa gabaa uumameen midhaan nyaataa gosa garagaraa, meeshaalee bu’uuraa zayitii, sukkaara, kuduraafi muduraa, bu’aawwan indaastirii, beelladaafi bu’aawwan beelladaa godinaaleefi magaalota Oromiyaa hunda keessatti dhiyeessuuf sosochii eegaleera.

Haaluma kanaan garbuu kuntaala kuma 15fi 156, qamadii kuntaala kuma 15fi 089, boqqolloo kuntaala kuma 41fi 288, xaafii kuntaala kuma 29fi 856 waliigala midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala kuma 101fi 389 akkasumas, kuduraafi muduraa toonii kuma 380fi 962 haaluma walfakkaatuun dhiyeessuuf qopheessuu ibsaniiru.

Dhiyeessii meeshaalee bu’uraan walqabatee zayita nyaataa liitira miliyoona sagaliifi kuma 389fi 896, sukkaara kuntaala kuma 26fi 139 mootummaadhaan akka dhiyaatu himanii; walitti hidhamiinsa gabaa biirichaan uumamuun zayitii nyaataa liitira miliyoona tokkoofi kuma 558fi 834, daakuu qamadii kuntaala kuma 28fi 987 dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Loon gaafaa kuma 119fi 912, hoolaa kuma 85fi 088, re’ee kuma 124fi 099 waliigala loon qalmaa ta’an kuma 329 fi 099 magaalotaafi godinoota Oromiyaatti dhiyeessuuf hojjetamaa jira.

Karoora ba’e milkeessuuf waldaaleen hojii gamtaa, yuuniyeenonniifi daldaltoonni karooricha milkeessuuf gumaacha irraa eegamu akka ba’an waamicha dhiyeessaniiru.

Caasaa waajjira daldalaa sadarkaan jiran waliin mar’achuun, oomishoota qonnaafi industirii baazaariin akka dhiyaatan taasisuu, omisha hinjirre bakka jiru waliin walitti hidhuu, to’annoofi hordoffii meeshaalee bu’uraa gaggeessuu, gabaa sanbataa dhaabuu, omishtootaafi raabsitootarraa saamuda fudhachuun hojiiwwan guguddoo karoorichaan raawwataman ta’uu odeeffannoo biirichaa arganne ni mul’isa.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Qaala’iinsa gatii gabaa ayyaanaa tasgabbeessuuf omishaaleefi horiin qalmaa mootummaan dhiyaachaa jiru”

Comments are closed.