Finfinnee: Deeggarsa ummanni qaamolee nageenyaa waliin taasiseen Oromiyaa lixaafi kibbaatti haalli nageenyaa fooyyaa’aa jiraachuu godinaaleen Qellem Wallaggaafi Wallagga Lixaa ibsan.
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Qellem Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda akka ibsanitti, qaamoleen nageenyaa godinichatti nageenya mirkaneessuuf ummata waliin ta’uun hojjetamaa jira. Ummanni godinichaas Shanee dhabamsiisuuf deeggarsa qaamolee nageenyaaf taasiseen nageenyi godinichaa fooyya’aa jira.
Ummanni sochiifi bakka argama Shanee saaxiluufi odeeffannoo wayitawaa caasaa nageenyaaf laachaa jiraachuu eeranii, yeroo ammaa kanas, deeggarsa ummata godinichaa qofaan caasaa nageenyaa gaachana sirnaa guyyoota 45 leenjiifachaa jiraachuu himu. Lojastikii garagaraa, nyaataafi dhugaatii qaamolee nageenyaaf dhiyeessuun tarkaanfii nageenya mirkaneessuu mootummaatiin fudhatamaa jiruu deeggaraa jiraachuu himaniiru. Miseensota Shanee gara qe’eetti deebi’uuf fedha qaban karaa nagaatti akka deebi’aniif ummanni gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana giddugaleessa godhachuudhaan aanaalee kanneen akka Anfilloo, Gidaamiifi Sayyoo caasaan mootummaa qaqqabuuf danqaa ture bira ga’uun aanaalee kunneenitti hojiin ijaarsa caasaa nageenyaa eegaluu danda’amuu himu.
Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Wallagga Lixaa, Komaandar Naggaallinyi Baqqaabil gamasaaniin, ummanni godinichaa rakkoon nageenyaasaa akka furamuuf deeggarsa guutuu taasisaa jiraachuu eeranii, ummanni ijaaramuun nageenya naannawaasaa eeggachuun, sochiifi ergama Shanee ilaalchisuun qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun deeggarsa taasisaa jiraachuu dubbatu.
Deeggarsa taasifame giddugaleeffachuun nageenyi godinichaa wayita ammaa fooyya’aa jiraachuu ibsanii, ummanni godinichaa guutummaatti nageenyasaa mirkaneeffachuuf qaamolee nageenyaa waliin ta’uun nageenyasaa akka mirkaneeffatuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Rippoortara Gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
7 Comments to “ Oromiyaa lixaafi kibbaatti deeggarsa ummataatiin nageenyi fooyya’uun ibsame”
Comments are closed.