Itoophiyaan maastar pilaanii qurxummii qopheessaa jirti

-Bara 2016tti qurxummii toonii kuma 138 omishuuf karoorfame

Finfinnee: Omishaafi omishtummaa damee misooma qurxummii dabaluuf maastar pilaaniin qurxummii qophaa’aa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministeerichatti ittigaafatamaan deeskii Misooma Qurxummii Doktar Faasil Daawwit ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan poteenshiyaala guddaa omisha qurxummiif mijatu qabaattus sababa kanaan dura damichaaf xiyyeeffannaan hinkennamneef faayidaan malu argamaa hinturre.

Amma garuu misooma qurxummiitiif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira kan jedhan Doktar Faasil, maastar pilaaniin qophaa’aa jiru hojmaata damichaa haala barbaadamuun hogganuuf gargaaru diriirsuun biyyattiin potenshiyaala qabdu duguugdee akka fayyadamtu kan taasisuudha jedhan.

Maastar pilaanichi qooda fudhattootni naannolee garagaraa keessa jiran omisha qurxummiirratti hojmaata walfakkaataafi walsimataa akka qabaatan gochuufis kan gargaaru ta’uu Doktar Faasil ibsaniiru.

Hanga ammaatti Itoophiyaa keessatti potenshiyaalli qurxummii itti hinbu’amne jedhanii, biyyattiitti akaakuuwwan sanyii qurxummii 200 ta’an jiraatanis sanyii 10 qofti tajaajilaaf oolaa jiraachuu ibsaniiru. Akaakuuwwan sanyii qurxummii biyya keessatti argaman keessaa sanyii qurxummii 40 ta’an Itoophiyaa qofatti kanneen argamaniidha.

Hidhawwan bishaanii kaayyoo kamiifuu yommuu hojjetaman dizaayiniisaaniirraa eegalee omisha qurxummii xiyyeeffannoo keessa galchuun akka hojjetamaniif hojiin jalqabame omishaafi omishtummaa damee kanaa guddisuuf daran kan gargaaru akka ta’us ibsaniiru.

Itoophiyaan lafa heektaara miliyoona tokko ta’u bishaaniifi haala qilleensaa mijataa waliin kan omisha qurxummiif mijatu qabdi, kuni potenshiyaala baay’ee guddaadhas jedhu ittigaafatamtichi.

Karoora bara bajataa 2016tti qurxummii toonii kuma 138 omishuuf kan karoorfamu ta’uus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

2 Comments to “Itoophiyaan maastar pilaanii qurxummii qopheessaa jirti”

  1. Pingback: fox888

Comments are closed.