“Injifannoon Budaapeestii argame qalbii hawaasa addunyaa kan hawwate ture” – Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu

Finfinnee: Jila Atileetiksii Itoophiyaa Haangarii Budaapeestitti injifannoo cululuqaa galmeessisaniif sirni beekamtiifi badhaasa kennuu Finfinnee hoteela Iskaaylaaytitti gaggeeffameera.

Injifannoo Budaapestitti galmaaheen meedaliyaan warqii, Meetiifi kan biroo kan argame yoo ta’u, injifannoon akka gareetti galmaahe irra deebiin injifannoo galoo magariisaa ta’uu Pirezidaantiin Atileetiksii Itoophiyaa Gargartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu sirna badhaasaafi beekkamtii qophaa’erratti himteetti.

Miira xiiqii jaalala biyyaa atileetonni keenya hidhatanii manaa bahan bilchina tokkummaafi ga’umsaan waan deeggarameef walduraa duuba hiriiruun injifannoo qalbii addunyaa hawwatu galmeessisuu danda’uullee kaasteetti.

Haaluma kanaan injifannoo atileetonni galmeessisan daran olaanaa ta’uusaatiin akkaataa qabxii galmeessisaniin badhaasni qarshii kuma jaatamaa hanga kuma soddomaa kennameefiira.

Injifannoo Budaapestitti galmaahe hordofuun kanneen meedaaliyaa warqii argamsiisaniif qarshii kuma jaatama, meedaaliyaa meetiif qarshii kuma afurtama, nahaasa qarshii kuma soddoma badhaafamaniiru.

Ga’umsa atileetonni keenya qabaniifi dirree ispoortiirratti argamsiisan kan nama jajjabeessu waan ta’eef Yunivarsitii Saayinsii Ispoortii Haangaarii waliin ta’uun Atileetiksiifi Bulchiinsa Misooma Ispoortiin leenjii gaggabaabaa hanga Digirii lammaffatti carraan barnootaa akka kennamuuf waliigalteen mallattaahuus Komishinar Daraartuun ibsiteetti.

Waliigaltichi Fedreeshinichaaf murteessaadha kan jette Pirezidaantittiin fiigicha dheeraan ga’umsa atileetonni keenya qaban dachaan kan gabbisu waan ta’eef carraa gaarii ta’uus ibsitee jirti.

Carraan kun injifannoo dabalataa Itoophiyaanonni argatan ta’uu kaasuun, fuulduratti immoo injifannoo kanaa ol galmeessisuudhaan alaabaa biyyattii addunyaarratti olkaasuuf kan hojjetamu ta’uu ibsiteetti.

Jijjiirama haala qilleensaa Budaapeestii isaan muudate dandamachuun injifannoon Atileetonni keenyaa dhuunfaanis ta’e gareen galmeessisan kan isaan galateeffachiisu ta’uu kan himummoo Pirezidaantiin Ittaanaa Federeeshinichaa Atileet Gazzaany Abarraati, wal’aansoo atileetonni Itoopiyaa taasisaniifii qabxii isaan galmeessisanis kan isaan galateeffachiisu waan ta’eef badhaasichi yoo itti xiqqaate malee kan isaanitti guddatu akka hin taane ibsa. Kanamalees akka federeeshinichaatti carraan barnootaaf waliigalteen mallattaa’e kan nama onnachiisu ta’uu dubbata.

Hooggansi federeeshinichaa atileetota kana leenjisuurraa kaasee hanga injifannoof qaqqabaniitti duukaa bu’ee hojjetaa tures kan galateeffamu ta’uu eeree, fuldurattis injifannoo Itoophiyaan atileetiksiin akka Addunyaatti galmeessisaa jirtu dachaan cimsuudhaaf hojii kana tumsuun barbaachisaa ta’uu dhaameera.

Sirna beekamtii kennuu kanarratti miseensota federeeshinichaa , qaamota dhimmisaa ilaallatuufi qondaaltonni mootummaa Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa dabalatee sirnicharratti argamanii jiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ “Injifannoon Budaapeestii argame qalbii hawaasa addunyaa kan hawwate ture” – Gargaartuu Komishinaraa Daraartuu Tulluu”

  1. Pingback: click reference
  2. Pingback: https://vhnbio.com

Comments are closed.