Itoophiyaan dhahaa (kaalandarii) biyyoota addunyaa kaanirraa adda ishee taasisu qabdi. Biyyoonni addunyaa waggaa tokko ji’oota 12f qooduun yoo lakkaa’an, Itoophiyaan garuu ji’oota 13n lakkaa’atti. Ji’i 13ffaa Itoophiyaan qofti qabdu, Qaam’een guyyoota shan, waggaa afur keessatti si’a tokkommoo guyyoota ja’a ta’a.
Qaam’een ji’a bara moofaa xumuruun haaraatti seenuuf qophiin xumuramutti argamtuudha. Namoonni baay’een yeroo karoora haaraa itti baafatu, abdii haaraadhaan guutamuufi ganna dukkanaa’aa keessaa ba’amee birraatti ce’uuf itti qophaa’amuudha.
Barattoonnis yeroo boqonnaasaanii xumuranii barnoota kutaa haaraaf kan itti qophaa’an, maatiin barattootaas wantoota ijoolleesaaniif barbaachisan yeroo itti guutaniidha. Walumaagalatti Qaam’een ji’a guyyoota muraasa qabdu garuu taateewwan ce’umsa waggaa haaraaf nama qopheessan hedduun ittiin raawwatamaniidha.
Akkuma biyyaattuu ji’a ibsama addaa Itoophiyaa taate kana keessumaa yeroo dhihoo as dhimmoota garagaraa ittimoggaasuun hojiileen waggaa haaraatti sammuu haaraadhaan ce’uuf nama dandeesisan itti raawwatamu.
Baranas Qaam’een guyyoota ja’aa kan qabdu yoo ta’u, tokko tokkoonsaaniif maqaan moggaafamee, wanti hojjetamu adda baafameera. Dhaabbileen kana sadarkaa sadarkaadhaan qopheessanis adda baafamaniiru.
Haaluma kanaan, Qaam’een 1 guyyaa Tajaajilaa, Qaam’een 2 Guyyaa Wareegamaa, Qaam’een 3 Guyyaa Tola Ooltummaa, Qaam’een 4 Guyyaa Omishtummaa, Qaam’een 5 Guyyaa Dhalootaa, Qaam’een 6 Guyyaa Tokkummaa jedhamuun sirnoota adda addaatiin kan kabajamu ta’a.
Bu’uuruma kanaan guyyaan Tajaajilaa guyyaa hojjettoota mootummaa iddoo tajaajilaa jiran kan ilaallatu yoo ta’u, guyyichatti ummataafi biyya tajaajiluun maal jechuu akka ta’erratti hubannoon ni uumama, rakkooleefi danqaawwan kenna tajaajilaarratti mul’atanirratti mari’atamuun yaadonni haaraan kan itti kaa’aman akkasumas qaamolee haqummaafi qajeeltummaan tajaajilaniif beekamtiin kan kennamu kanneen sirnaan hintajaajille ammoo ittiqeeqaman ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Federaalaa ni ibsa.
Guyyaa Wareegamaattis qaamoleen nageenyaa sadarkaa federaalaafi naannoorra jiran kan ittiyaadataman yoo ta’u, guyyicha dhaabbilee nageenyaa keessatti faayidaan tajaajiluu dhihaatee keesssumaa dargaggoonni dhaabbilee kanneenitti makamuun biyyasaanii akka tajaajilaniif waamichi kan dhihaatu ta’a. Dhaabbilee kanneen keessattis ergama kennameefitti miidhaawwan addaaddaa kan irra qaqqabeefi aarsaa kanfalan kan ittiyaadatamaniifi galateeffaman ta’a.
Guyyaa Tola ooltummaattis, guyyichi tajaajiltoota tola ooltummaa kan ilaallatu yoo ta’u, dhimmicharratti hubannoo uumuun, seenaa yaadachuufi mar’achuun ammoo taatee guyyichaati. Guyyaa Omishtummaattis qaamolee maallaqasaanii misooma biyyaaf oolchuun dirqama hirmaannaa hawaasummaasaanii ba’atan kan ittiyaadatamaniifi galateeffamaniidha.
Guyyaa Dhalootaattis dhaloonni Itoophiyaa dhaaleefi dhaalu kan ittiyaadatamuufi galateeffamu yoo ta’u, guyyaan xumuraa ykn ja’affaan guyyaa Tokkummaati. Guyyaa kanatti waa’een maatii, ummataafi biyya jaalachuu, nageenyaan waliin jiraachuufi waljaalachuu kanitti leellifamu ta’a.
Akka waliigalaatti, guyyoota kunneen maqaa itti moggaasanii yaadachuurra darbee nageenyiifi guddinni biyyaa akka dhufu, ilaalchi finxaalessummaa akka jijjiiramu, tokkummaan caalaatti akka cimu hunduu tumsuu qaba. Akkasumas jibbi, hammeenyi, masluufummaan waantota dhala namaa birattis ta’e Uumaa biratti balaaleffataman hunda dhabamsiisuudhaan guyyoota Qaam’ee ja’an akka riqichaatti fayyadamnee miira haaraafi jaalalaan haa ceenu.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
6 Comments to “ Guyyoota Qaam’ee ja’an akka riqichaatti”
Comments are closed.