Finfinnee: Bona dhufu naannawawwan Itoophiyaa kibbaafi kibba bahaatti roobni idileen olii roobuu akka danda’u Inistitiyuutiin Meetiriyoolojii Itoophiyaa beeksise.
Inistitiyuutichi Kamisa darbe raawwii qorannoo hojii waqtii gannaafi tilmaama haala qilleensaa bona dhufuu bakka qooda fudhattoonni garagaraa argamanitti ifoomseera.
Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Obbo Faxxanaa Tashoomaa haasawa taasisaniin akka jedhanitti, bona dhufu ho’inni Garba Paasifikiifi kaaba Garba Hindiitti idileen ol waan dabaluuf, naannawaaleen kibbaafi kibba baha biyyattii rooba idileen olii ni argatu jedhamee eegama. Akkasumas, raagni haala qilleensaa akka agarsiisutti walakkaan dhiha biyyattii rooba idileefi idilee ol ni qabaata.
Raaga haala qilleensaa amma mul’achaa jirurratti hundaa’uun naannawawwan kaaba biyyattii, giddugaleessa, bahaafi kaaba lixaatti roobni yeroo malee akka roobu ibsaniiru. Gama biraatiin, kaaba bahaa, giddugaleessaafi baha biyyattiitti ho’i darbee darbee digrii seentigireedii shanii gadi akka ta’u eeraniiru.
Ummanni raaga haala qilleensaa tilmaama keessa galchuun hammafi raabsa rooba sirnaan fayyadamuun sassaabbii qonnaafi hojiiwwan hawaas dinagdee biroo ogeeyyii waliin mari’achuun raawwachuu akka qabu kaasanii, kutaaleen hawaasaa lolaaf saaxilamuu danda’aniifi qarqara lagaa jiraatan ofeeggannoo barbaachisaa taasisuu akka qaban hubachiisu.
Ministir De’etaan Ministeera Qonnaa Obbo Mallas Makonnin gamasaaniin, raagni idilee inistitiyuutiichi kennu hojii qonnaaf barbaachisaa ta’uu eeranii, raagicharratti hundaa’uunis hojii misooma qonnaarratti qophiin duraa kan taasifamu ta’uu ibsu. Raaga haala qilleensaa ganna darbeerratti hundaa’uun qophii hojii qonnaaf barbaachisu taasisuun lafa heektaara miliyoona 15.8 sanyiidhaan uwwisuun danda’amuu kaasu.
Odeeffannoo haala qilleensaarratti hundaa’uun iddoowwan hanqinni roobaa jirutti omisha yeroo gabaabaa keessatti gahu misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii ganna darbe roobni guddaan waan tureef ilbiisota omisha midhaanii hir’isan too’achuun danda’ameera jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
10 Comments to “Bona dhufu naannawawwan Itoophiyaa kibbaafi kibba bahaatti roobni idileen olii ni eegama”
Comments are closed.