Finfinnee: Bara barnootaa 2016tti akaakuuwwan barnootaa haaraa sadii dabalataan kennuun kan eegalamu ta’uu Biiroon Barnoota Oromiyaa ibse. Oromiyaafi Tigraayitti hojii baruu barsiisuutiif qophiin taasifamaa jiras jedhame.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa, Doktar Tolaa Bariisoo ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, barnoonni Safuu, Intarpiriinarshiippiifi Ogummaa manneen barnootaa naannichaatti kennuun ni eegalama.
Barnoonni Safuu manneen barnootaa idileen duratti kan kennamu ta’uus ibsanii, barattoonni jijjiirama qorqalbii akka qabaatan, safuufi aadaasaanii akka beekan, teknolojii wajjin akka tarkaanfataniifi yaadaan akka bilchaatan kan taasisuudha jedhaniiru.
Barnoonni Intarpiriinarshiippii sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaa keessatti akka kennamu ibsanii, kunis dhaloonni ol adeemaan ga’umsa intarpiriinarshiippiirratti bilchina horataa akka guddatuufi haaldureesaa egereef jaala kan mijeessuuf ta’uus dubbataniiru.
Barnoonni Ogummaas kutaa 7ffaa hanga 12ffaatti kan kennamu ta’uu eeranii, kaayyoonsaas barattoonni ogummaawwan gara garaatti miira ofitti amanamummaafi dandeettii kalaqaa horataa akka deemaniif kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Barsiisota akaakuu barnootaa kanneen barsiisaniifis leenjiin kan kennamu ta’uu Doktar Tolaan eeranii, waltajjiin barnoota kanneen beeksisuus dhuma baatii kanaatti hayyoota, bakka buutota hawaasa mana barumsaa, qondaaltota, mootummaafi abbootii Gadaa wajjin akka adeemsifamu himaniiru.
Qophii kitaabilee barnoota kanneenii ilaalchisees, hanqinni mudachuu akka danda’u dubbatanii, haaluma barameen jala jalaa guutaafi softi koppii fayyadamaa baruu barsiisuun akka ittifufuuf hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Hanqina barsiisaa mudachuu malu furuufis supparvaayzeroota 3000 jiran keessaa 2200 gara barsiisummaatti akka deebi’an gochuun hudhaa jiru maqsuuf kan hojjetamu ta’uullee yaadachiisaniiru.
Oduudhuma walqabateen hojii baruufi barsiisuu bara barnootaa 2016 milkeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroleen barnootaa naannolee Oromiyaafi Tigraayi beeksisan.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Girmaa Baay’isaa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf torban kana akka ibsanitti, bara barnootaa 2016tti barattoota miliyoona 11.4 ol galmeessuuf karoorfamee hojiitti galameera. Kanneen keessaa miliyoonni 5.4 (%47) dubartoota.
Galmeessichi barattoota haaraa, buleeyyiifi kanneen sababoota addaddaatiin addaan kan ilaallatu ta’uus eeranii, biirichi milkaa’inasaatiif hojiilee garagaraa hojjeteera jedhan. Barattoonni harkaqal’eeyyiif dhaabbilee gargaarsaa Chaayinaafi ‘UNICEF’ wajjiin ta’uun meeshaalee barnootaa qarshii miliyoona 53n bitamee akka raabsamus ibsanii, sagantaa soora barattootaatiinis barattoonni miliyoona 7.5 nyaata akka argataniif qophiin taasifamuu dubbataniiru.
Galmeessi barattootaa kun akka milkaa’uuf maatiin barattootaa, hawaasni naannawaafi qaamoleen hundi akka tumsaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gama biraatiin ogeessi kominikeeshinii Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay Obbo Solomoon Gabratsaadiq akka jedhanitti, naannichatti hojii baruu barsiisuu eegalsiisuuf qophiin xumurameera. Bara barnootaa 2016f barattoota miliyoona 2.4 barnootatti deebisuuf nihojjetama.
Weerara dhibee koviid-19fi waraana naannicha keessa tureen sirni baruufi barsiisuu waggoota sadiif addaan citee ture iddootti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasanii, milkaa’inasaatiifis hojiin ijaarsa dandeettii barsiisotaa gaggeeffamaa akka jiruufi manneen barnootaa kuma ja’aafi 600tti Hagayya 25 irraa eegalee galmeessi barattootaa jalqabamuu himaniiru.
Karaa biraatiin, bara barnootaa 2016tti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa Itoophiyaa hundatti sirni barnoota haaraa hojiirra akka oolu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.
Waasihun Takileefi Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
2 Comments to “ Bara 2016 irraa kaasee akaakuuwwan barnootaa haaraa sadii Oromiyaatti ni kennamu -Oromiyaafi Tigraayitti hojii baruufi barsiisuutiif qophiin taasifamaa jira”
Comments are closed.