Gaafa wallee, “Asham yaa maatabee, asham yaadammakoo asham yaa Niqiisee ashaam yaa kuulatoo; akka badee hindhufnee Gibeen nahinceessisu; akkan obsee hinteenyeef Maatabeekoo; yaaddoonkee na hinteessisu; ya haadha Faaris Faaroo beenu hinbuuna katamaa Aggaaroo” jedhu dhageenyu dachee Shanan Gibee biyya Abbaa Jifaar Jimmaa yaadachuun keenya hinoolu. Kanaafimmoo Doktara Kabajaa Artisti Xilaahun Gassasaa hojii gaarii hojjetee darbeera.
Jimmi aartii muuziqaa qofa miti aartii mukaatiin, kalaqa qoricha aadaatiin, ogummaa uffata dhahuutiin, meeshaalee gara garaa hojjechuun har’a mitiitii durii kaasee warra maqaa guddaa qabuudha yoon jedhe harbeessuu hinta’u, haqa akka ibsaa tulluurraa hundatti mul’atu waan ta’eef.
Wallee Doktara Kabajaa Xilaahuun Gassasaatiin eegaluun koo isiniif weellisuuf miti artistoonni hedduun miidhagsanii sirbaniifiiru. Kan akka Artisti Haacaaluu Hundeessaa, Tafarii Salaalee, Taaddalaa Gammachuu, Mahaammadsaanii Zubeer (Abbaa Giddii)faa maqaa dhahuun ni danda’ama.
Dubbistootaa, waa’ee Jimmaa kaasuun keenya sochii Baandiin Shanan Gibee muuziqaa Oromoo guddisuuf itti jiru hundeeffamasaarraa kaasee isin dubbisiisuuf yaannee qindeessaa baandichaa Artisti Margaa Tafarraa dubbisneerra.
Indastirii muuziqaa Oromoo guddisuuf sadarkaa Oromiyaatti godinaalee gara garaa keessatti baandiin hundaa’ee irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kutaa kana keessatti hundeeffama Baandii Shanan Gibee, guddina aartiii Oromoo keessatti qooda isaan bahachaa jiraniifi haala baandichi yeroo ammaa itti jiru isin dubbisiisna.
Baandiin Shanan Gibee bara 1985 kan hundaa’e yoo ta’u, maqaa garee hawwisoo magaalaa Jimmaa jedhamuun beekamaa ture jedha Margaan.
Haata’uutii deemsa keessa hojii baandichi hojjetaa jiru indastirii muuziqaa Oromoo guddisuu keessatti olaanaa waan ta’eef maqaa isa madaaluun waamamuu akka qabu yaanni ka’uu ni dubbata.
Kunis ayyaana Iid al-Adahaa Magaalaa Asoosaatti bara 1993 kabajamerratti namoonni akka Saamu’el Dhaabaafi Abrahaam Nigusee yaada nuu kennan hordofnee maqaa qaalii “Shanan Gibee” jedhuun mogga’ee hojiisaa ittifufuu kaasa.
Haaluma kanaan maqaa Wiirtuu Hawwisoo Jimmaa jedhu dhiisuun bara 1993 kaasee maqaa Baandii Shanan Gibee jedhu moggaafachuun muuziqaa Oromoo irratti hojjechuu eegale. Moggaasni maqaasaas yaadannoo maqaa mootota Shanan Gibee Geeraa, Gumaay, Gommaa, Limmuufi Jimmaa kan bakka bu’uufi seena qabeessa jedha Artisti Margaan.
Hundeessitoonni baandichaas namoota 14 yoo ta’an isaan keessaa kanneen akka Margaa Tafarraa, Badiruu Ahmad, Hasan Abbaaboor, Yawubdaar Geetaachoofaan ni eeramu.
Baandiin Shanan Gibee muuziqaa Godina Jimmaa baasee agarsiisuun ala akka Oromiyaatti kan godinaalee gara garaas hojjechuun imala indastirii muuziqaa Oromoo addunyaaf beeksisuufi milkeessuuf kutannaan hojjetaa jiraachuu qindeessichi kaaseera.
Muuziqaan afaan addunyaati isa jedhamu ibsuuf kan godinaalee Oromiyaatiin ala sabaafi sablammoota naannawa Jimmaa jiran kan uummattoota kibbaa tokko tokkos dabalataan hojjetaa kan jiru baandichi, warraaqsa muuziqaa Oromoo babal’isuufi guddisuu qabatee ka’e milkeeffachuuf imala gaariirra jiraachuus ni eera.
Aartiin muuxannoo dhaalamaa deemuu qabu waan ta’eef akaakuuwwan shubbisaa dhalootarraa dhalootatti darbaa dhufan labata boriifis akka darbaniif sochiiwwan gara garaa taasifamaa jiraachuu dubbata.
Akaakuuwwan shubbisaa akka godinichaatti jiran jaha ta’uu kan ibsu Margaan, Shanan Gibees kanuma giddugaleeffatee osoo duudhasaanii ganamaa hingatiin dhalootatti akka darban hojjetaa jiraachuufi isaanis shubbisaa Gad-tumee, Oloofee, Sussukee, Qomaanqabaa, Gundaafi Xaawulaa ta’uu eera.
Aartiin keenya agarsiisaaf qofa kan dhiyaatu osoo hintaane ibsituu eenyummaa agarsiistuu qaroominaafi madda galii akka ta’uuf irratti xiyyeeffatamee hojjetaa kan jirudha jedhee, yeroo ammaattis haala gaariirra jiraachuu kaaseera. Miseensonni Baandichaa yeroo ammaa dhaabbiin hojiirra jiran 29 yoo ta’an, kanneen keessaa 19 dubartoota.
Baandiin Shanan Gibee hundeeffamasaarraa kaasee aartistoota ciccimoo har’a beekamtii horatan baasaa kan jiru yoo ta’u, kanneen of danda’anii sirboota gara garaa qopheessuun beekamtii argatan hedduu ta’uu nutti himeera.
Akka fakkeenyaatti bu’aalee Baandii Shanan Gibee kan ta’an kanneen akka Artisti Nafiisaa Abdulhakiim (Jimmamoo Daabanaa), Artisti Bashiriyaa Borshaa, (Washii) Artisti Kadir Ahmad (Dammee)faa maqaa dhahuun ni danda’ama.
Yeroo ammaattis baandichi miseensotasaa qabatee hojiilee artii indastirii muuziqaa Oromoo fuulduratti tarkaanfachiisan gara garaa qindeeffatee hojjetaa kan jiru yoo ta’u, yeroo dhiyoottis kiliippii haaraa gurraafi ija ummataan gahuuf qophiitti jira jedha qindeessichi.
Baandiin qofti jiraachuun misooma muuziqaa si’eessuu keessatti gahaa waan hintaaneef akka fakkeenyaatti yoo fudhanne Finfinneefi Shaggaritti dhaloota guddatoo aartiin ijaaramaa jiru kan godina Jimma maal itti jira isa jedhu Margaa gaafannee turre; gama kanaan hojiin hojjetamaa jiru hagas mara miti jedhe.
Haata’uutii bara bajataa 2016 kana keessa sadarkaa godinaa hanga gandaatti daa’imman guddatoo qindeessinee barnoota artii godinichaan ijaaraa muuziqaa Oromoo cimsuufi baandicha humneessuuf karoorsinee hojiitti seenneerra jedha.
Guddinni aartii tokko dabalaa deemuu kan danda’u beekamtii argachuu qofaan miti kan jedhe qindeessichi dhaloota duuba jiru sadarkaa mana barnootaarraa kaasee aadaa aartii muuziqaasaaniin ijaaramanii akka bahaniif kanaan dura hojiin hojjetame xiqqaadha.
Amma garuu karoora 2016 qabanne kana keessa daa’imman kennaa aartii qaban sakatta’aa jiraachuufi yeroo ammaattis kanneen fedhiifi dandeettii addaa qaban walitti qabachaa jiraachuus ibseera. Baandiin tokko hamma fedheyyuu artistoota guguddoo horatus yoo guddattoota itti guddisaa hindeemne egeree bandichaatiif abdii kan ta’an qabna jechuun hindanda’amu.
Baandiin Shanan Gibees kanuma giddugaleeffachuun xiyyeeffannaasaa daa’imman olguddatoo fedhiifi kennaan aartii keessasaanii jiru walitti qabuu kan eegale yoo ta’u, sadarkaa Oromiyaarra darbee akka biyyaatti akka Afrikaatti aartii Oromoo guddisuuf humna guutuun hojjetaa jirra jedha.
Dinagdeen of humneessuufis waltajjiiwwan gara garaarrtti hojiileesaa baasee ummata bohaarsaa kan jiru Baandiin Shanan Gibee miseensotasaas bifuma walfakkaatuun deeggaraa aartii muuziqaa Oromoo cimsuuf hojjetaa jiraachuu eera Margaan.
Meeshaaleen muuziqaa kanneen yeroo ammaa ittifayyadamaa jiran hedduunsanii kan yeroon itti darbe yoo ta’an galii waltajjii gara garaarraa argataniinis muraasa bitachaa of humneessaa jiru. Ta’us hanqinni meeshaalee muuziqaa hudhaa itti ta’uus ibsee, qaamonni quuqama qaban akka isaan deeggaranis gaafateera.
Baandichi guddachuu jechuun muuziqaan Oromoo guddachuu jechuudha jedhee yeroo ammaattis hojiilee muuziqaa haaraa qabatanii as bahuun ijaafi qalbii ummataa hawwachuuf qophiin xumuramuus yaadachiiseera.
Baandichi hundeeffamasaarraa kaasee osoo hindiigamiin hojiilee muuziqaa jajjabeessoo qopheessuurra darbee weellistoota ciccimoo gara garaa horachuun Oromiyaaf arjoomeeras jedha.
Walumaagalatti kanneen indastirii muuziqaa Oromoo guddisuuf socho’aa jiran keessaa Baandiin Shanan Gibee isa tokko yoo ta’u, yeroo ammaattis sochii ofii taasisaa jiran cinaatti daa’imman guddatoo sakatta’uun leenjii ogummaa aartii muuziqaa kennuun dhaloota waalaloo yeedaloofi muuziqaan badhaadhe ijaaruuf hojiitti seeneera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
11 Comments to “ Baandii Shanan Gibee indastirii Muuziqaa Oromoo guddisuu keessatti”
Comments are closed.