Itoophiyaan biyya heddumminaan miidhagdeefi tokkummaa jabaa qabduudha. Heddumminaafi jabina biyyaa wareegama qaalii kaffalameen dhaloota har’aatiif kan dabarsan gootota ilmaan sabaafi sablammootaati. Tokkummaa jabaa qormaata keessaafi alaa dandamachuun birmadummaa biyya cimsee kabajaan ol qabe itichuun injifannoodhaan dabaalanii ittifufsiisuun ammoo dirqama dhaloota har’aati.
Itoophiyaan waloodhaan ijaaramaa jirtu hundarraa kan ijaaramtu hundaaf kan taatuufi hundaan kan tikfamtu biyya heddumminni kabaja keessatti argateedha. Haata’u malee, finxaalessitoonni yoo danda’an gufachiisuu yoo dadhaban ammoo hokkoraan gooluuf halkanii guyyaa keessaafi alaa walgurmeessuun wixxirfachaa jiru.
Wixxirfannaa kana hafuura baafachiisuufi nageenya ummataa mirkaneessuuf tarkaanfiin murnoota nagaa booressanirratti eegalame cimee akka ittifufuudha ajajaan Ajaja Lixaa Letenaal Jeneraal Massalaa Masarat kan eeran.
Ajajichi hojii kabachiisa nagaa Oromiyaa lixaatti adeemsifamaa jiru ilaalchisuun akka dubbatanitti, tarkaanfiifi rukuttaa ulfaataafi qindaa’aa garee Shanee iddoowwan adda addaatti socho’uun hawaasa gidiraatiif saaxilerratti fudhatamaa jiruun murnicharra jaataniin namoomaa, meeshaafi hamilee ga’eera.
Murnichi qaawwaa humna nageenyaa sababa waraanaa kaabaatiin uumamee turetti fayyadamee saamicha raawwachaafi qulqulloota ajjeesuun sochii nagaqabeessa hawaasaa booressaati kan ture. Amma garuu haala qindaa’ina bobbiifi rukuttaa addaan hincinneen raayyichaan, poolisiifi milishaadhaan tarkaanfiin cimaan irratti fudhatamaa jira.
Tarkaanfichi haala waliigalaafi fedhii diinaa qo’atanii caasaasaa diiguufi sochiisaa to’achuutiin hanga yaaddoo nageenyaa ta’uunsaa gu’utti wajjummaan hojjetamuu qaba.
Oppireeshinii walirraa hincinneen murna shororkeessaa kana barbadeessuuf taasifamuurratti ummanni akkuma kanaan duraa miira abbummaatiin hirmaachuufi raayyaasaa gaachana nageenyaa ta’e bira onnee guutuudhaan dhaabatee naannawasaa sochii murnichaarraa walaba gochuu qaba.
Murna otoo akeeka siyaasaa ifaa hinqabaatiin daandii cufuudhaan akka ummanni hintasgabboofneef of arbeessee jeequmsa uumuu malee humna saamtummaa ol ta’e hinqabne; kanaanis sochii hawaasaa danquufi yaadama misoomaa keessaa baasuudhaan saamichaafi ajjeechaa raawwatu waan ta’eef dhabamsiisanii boqonnaa gonfachuun dhimma filmaata hinqabneedha.
Walumaagalatti aggaammii finxaalessitoonni biyyarratti taasisaa jiran kamuu irree tokkummaa sabdaneessummaatiin qolachuun gochaafi ilaalchasaaniirratti qabsaa’anii gogsuun yeroonsaa ammaafi amma ta’uu qaba.
Kanaafis qaamolee nageenyaa onneerraa tumsuun caasaalee finxaalessitootaa saaxiluun dhimma boruuf bulfamu ta’uu hinqabu. Saboonni, sablammoonniifi ummattoonni Itoophiyaa irree tokkummaasaanii calaatti jabeessuun qormaata finxaalessitootaa fashaleessanii ofis biyyas yeroo dhumaatiif aara galfachiisuun daran murteessaadha.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015
7 Comments to “ Tarkaanficha onneerraa utubuun, ofis biyyas boqochiisuu”
Comments are closed.