Goobeefi ShinooyyeeAyyaana dargaggootaafi Shamarranii

Goobeefi Shinooyyeen ayyaana dargaggoonniifi shamarran Oromoo uffannaafi faayaawwan aadaatiin bareedanii, riifeensa isaanii tolfatanii sirbaafi shubbisa aadaatiin jala bultii bara haaraatti kabajaniidha. Akkasumas ayyaana dargaggoonniifi shamarran itti wal ilaallataniifi wal kaadhimatan ta’uutu himama.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaa Damee Aaddaa Obbo Biraanuu Buuxee gaafdeebii Kibxata Darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Goobeefi Shinooyyeen birraan bari’uuf ji’i tokko yeroo hafurraa eegalee ayyaana dargaggootaafi shamarran Oromoo sirbootaafi shubbisa aadaatiin kabajaniidha.

Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee waggoota sadan darbanii asi qindoomina biirichaafi Dhaabbata Piromooshinii Artii Boraatiitiin haala miidhagaafi hawwataa ta’een Finfinneefi magaalota Oromiyaa gara garaa keessatti kabajamaa kan ture yoo ta’u, kan baranaafis qophiin barbaachisu taasifameera jedhu.

Ayyaanichi waggoota dheeraaf keessumaa Finfinnee keessatti addaan citee turuu himanii, tattaaffii Biiroon Aadaaf Turizimii Oromiyaa, Artistoota, dargaggootaafi Dhaabbata Piromoooshinii Artii Boraatii waliin ta’uun waggoota sadan darbanii as Ayyaana Goobeefi Shinooyyee bakkatti deebisuuf taasisaa tureen hojiilee bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru. Ayyaanichi aadaa, duudhaafi safuu Oromoo ganamaa bakkatti deebisuu,beeksisuufi guddisuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf gara fuulduraatti Oromiyaa guutuutti babal’isuuf xiyyeeffannaa guddaan kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Ayyaanichi waggoota sadan darban dargaggootaafi shamarran Oromoo uffannaafi faayawwan aadaatiin miidhaganiifi rifeensa mataasaanii tolfataniin keessumaa Finfinneetti kabajamaa turuu himanii, ayyaana baranaaf dargaggoonni Magaalaa Shaggar karaa ijaarameen qophii barbaachisu taasisaniiru. Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaas dargaggoota, shamarraniifi qaamolee qophii ayyaanichaarratti hirmaataan kan deggaruufi jajjabeessu ta’uus himaniiru.

Dardarraniifi shamarran Oromoo yeroo ammaa dammaqanii aadaa, duudhaafi eenyummaasaaniitiin boonaa jiru kan jedhan Obbo Biraanuun, dargaggoonni utuu qaamni biraan isaan hinkakaasiin aadaa, duudhaa, safuufi eenyummaa Oromoo ganamaa bakkatti deebisuuf kutannoo cimaadhaan hojjechaa jiru. Ayyaanni Goobeefi Shinooyyee kunis hojiilee dargaggoonni Oromoo aadaafi duudhaa Oromoo bakkatti deebisuuf raawwachaa jiran keessaa akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu dubbatu.

Dardarraniifi shamarran Oromoo waggoota sadan darban Ayyaana Goobeefi Shinooyyee kaffaltii tokko malee torban tokkoo oliif Kutaalee Magaalaa Finfinneerra naanna’anii agarsiisaa turaniiru; kan baranaafis qophii gaarii taasisaniiru. Kun jaalala isaan aadaa, duudhaafi eeyyummaasaaniitiif qaban mul’isa. Hojii dargaggoonni kaka’umsa isaaniitiin aadaa, duudhaafi eenyummaa Oromoo beeksisuu, guddisuufi babal’isuuf raawwachaa jiran baasii mootummaatiin utuu ta’ee baay’ee ulfaataa ta’uus eeraniiru.

Goobeefi Shinooyyee ayyaana dargaggoonni hojiirra bilisa ta’anii bakkaa bakkatti socho’anii sirbaafi shubbisaan ayyaaneffataniidha. Akkasumas ayyaana dargaggoonniifi shamarran irratti wal ilaallatan, wal kaadhimatan, jaalalaafi gammachuusaanii itti ibsatan, Waaqa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birratti isaan baase itti galateeffatan, dinqisiifataniifi kadhataniidha. Ayyaanichi jala bultii bara haaraatti waan kabajamuuf ummanni keenya dammaqee bara haaraa akka abdiifi gammachuu simatu akkasumas Ayyaana Irreechaa fuuldura isaa jiruuf akka of qopheesuuf kan isa kakaasu ta’uus himaniiru.

Goobeefi Shinooyyeen ayyaana dargaggootaa hojii kamirraayyuu bilisa ta’anii bakkaa bakkatti socho’anii kabajan yoo ta’u, maatiin ammoo dargaggoota manarra naanna’anii sirbaniif nyaatawwan aadaafi qarshii kennuudhaan rifeensa mataa shamarranii dhadhaa dibanii eebbisanii jaalalaafi gammachuu guddaan isaan simatanii geggeessu.

Ayyaanichi, jaalala, tokkummaafi walitti dhufeenya dargaggootaafi shamarranii daran cimsuufi akka walbaran taasisuu keessattis gahee olaanaa waan qabuuf

 Goobeefi Shinooyyeen ayyaana dargaggoonni itti bashannananiifi gammadan ta’uurra darbee tokkummaa ummataa cimsuufi ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessattillee gahee olaanaa waan qabuuf hayyootaan qoratamee caalaatti akka guddatuufi babal’atu ni taasifama. Ayyaannichi dawwattoota hedduu horatee madda galii turizimii ta’ee guddina dinagdee biyyaa utubuu keessatti gaheesaa akka ba’atuuf xiyyeeffannaan irratti kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Goobeefi Shinooyyeen ayyaana jala bultii waqtii birraatti kabajamauudha. Waqtiin kun yeroo itti midhaan faca’e ija itti godhatu, ililliin daraaru, loowwan marga dheedanii itti gabbatan waan ta’eef namootaaf, beelladootaafi biqilootaaf abdii qabatee dhufa. Ayyaanichis waqtiin gannaa darbee waqtiin birraa abdii, quufaafi gammachuu qabatee dhufuusaa waan labsuuf abdii gara fuulduraa ilaaluudhaan kabajama jedhu.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Dhaabbata Piromooshinii Boraatii Aartii waliin ta’uun waggoota sadan darban Ayyaana Goobeefi Shinooyyee Finfinneetti haala miidhagaan akka kabajamu taasisaa turuu himanii, dadhabbiin dargaggoota ayyaanicharratti hirmaataniis qarshiidhaan kan hintilmaamamne ta’uufi dargaggoonnis gatii barbaachaaf utuu hintaane jaalala aadaafi eenyummaa Oromoo guddisuuf qabanirraa ka’uun hojjechaa jiru. Hojiin kun ittifufinsa akka qabaatuuf ummanni Oromoo, abbootin qabeenyaafi qaamoleen mootummaafi mitmootummaa dhaabbatichaaf deggarsa barbaachisu akka taasisan gaafataniiru. Dhaabbileen biroonis daandii dhaabbatichaa hordofuu akka qabaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015

Recommended For You

11 Comments to “ Goobeefi ShinooyyeeAyyaana dargaggootaafi Shamarranii”

  1. Pingback: join Herbalife
  2. Pingback: Stripchat promo
  3. Pingback: Jaxx Liberty
  4. Pingback: Sevink Molen
  5. Pingback: Belden
  6. Pingback: beautiful women

Comments are closed.