Galoon Magariisaa Budaapestitti irradeebiin lola’e addunyaa ajaa’ibsiise

Finfinnee: Irreessaa Abbabaa Biqilaa Roomirratti miila qullaa fiigee injifannoo cululuqaa gurraachonni ittiin boonan hojjechuun seenaa hindabarre qofa osoo hintaane injifannoo xiiqiin guutameefi walittifufinsaan dhalootaan dhalamaa akka deemu waan imaanaa kaa’ee darbe fakkaata.

Gootummaa Irreessaa Abbabaa Biqilaa biyya Room, Xaaliyaaniitti galmeessisuun addunyaa ajab jechisiise, kan hindagatamne waan ta’eef daandii maqaasaatiin Xaaliyaaniiitti moggaafamerratti yaaddannoon Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin yeroo darbe kaa’ameefiira.

Dhaloonni duuba jirus gootummaa sana dhaaluun hanga har’aa alaabaa Itoophiyaa olkaasuu hojiisaanii godhataniiru. Kunimmoo hojii xiiqiifi miira ittigaafatamummaan kankooti jedhamee hojjetamaa jiru ta’uufi injifannoo Galoo Magariisaa irra deebiin galmaa’e ta’uu Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinara Ittaantuu Daraartuu Tulluu ni dubbatti.

Jilli atileetiksii Itoophiyaa Hangaarii, Budaapestitti dorgommii Shaampiyoona Atileetiksii marsaa 5ffaa yeroo 19ffaaf gaggeeffamaa jirurratti torban darberraa kaasee hirmaachaa jiru kutannaa injifannoo malee injifatamnee hingallu jedhuun onnatee dorgommichatti kan seene waan ta’eef injifannoo galoo magariisaa durii deebise jetti Atileet Daraartuun.

Kutannaafi waadaa galaafatanii manaa bahan sana dhugoomsuuf of kennanii gareedhaan hojjechuusaaniin korniyaawwan lameeniinuu injifannoo cululuqaa galmeessisuun mo’attummaa galoo magariisaa durii deebisuu danda’uunsaanii daran kana nama gamamchiisu ta’uullee kaasteetti.

Pirezidaantiin federeeshinichaa ibsa miidiyaaleef Budaapestitti kenniteen atileetonni dorgommicharratti hirmaachuuf filatamnii deeman ga’umsisaanii madaalamee ulaagaa barbaachisuun kan gaggeeffame ta’uu yoo ibsitu, haaluma kanaan injifannoon cululuqaa galmaa’ee alaabaan Itoophiyaa olka’ee akka tallisu taasisuu himteetti.

Injifannichi daran gammachiisaa ta’uullee kaastee bu’aa dhamaatee qabsoo xiiqii keessa taa’amee galmaa’e waan ta’eef injifannoo Itoophiyan olkaatee itti leellifamteedha jetti.

Dorgommii shaampiyoonichaa meetira kuma kudhanii shamarraniin gaggeeffameen Atileet Gudaaf Tsaggaayee 1ffaa, Latasanbat Gidey 2ffaa, Ijjigaayyoo Taayyee 3ffaa bahuun badhaasa warqii hanga nahaasaa Itoophiyaaf fidaniiru. Kanamalees walfaana hiriiranii bahuun injifannoo galoo magariisaa dabalaniiru.

Fiigicha meetira 1500n Atileet Dirribee Waltajjii dabalataan meedaaliyaa meetii argamsiisuun dirree dorgommii atileetiksii Buudaapesti galoo magariisaan akka uwwifamu taasisteetti. Kunis gammachuu dabalataa biyyi keenya ittiin boontuufi alaabaanshee olka’e ta’eera.

Injifannoon korniyaawwan lamaaniinuu gareedhaan galmaa’aa jiru Itoophiyaan injifachaa deemuusheef mul’istuu gaariidha. Dorgommiiwwan hafan mararrattis bifuma barameen biyya ofii olkaasuuf ammas cimuun barbaachisaadha.

Gama Dhiirotaanis Atileet Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa meetira 3000n meedaliyaa meetii biyyasaatiif argamsiisuun injifannoo Itoophiyaan atileetiksiin dirree dorgommiirratti galmeessisaa jirtu dachaan akka dabalu taasiseera.

Injifannoo Itoophiyaanonni dirree dorgommii atileetiksii Buudaapestirratti galmeessisaa jiran injifannoo atileetonni Itoophiyaa kanaan dura gareedhaan walfaana bahuun maqaa ‘Galoo Magariisaa’ jedhuun itti waamaman sana kan dabale waan ta’eef gammachuun dabalataa cimaa deemuu qaba.

Meedaaliyaawwan shaampiyoonichaaf qophaa’an 147 keessaa Itoophiyaan dorgommii hanga kaleessaatti taasifameen warqii tokko, meetii sadii, nahaasa lama qabachuun baay’ina meedaaliyaatiin Ameerikaa, Ispeeniifi Biriteenitti aanuun sadarkaa afraarratti, Afrikaarraa ammoo tokkoffaarra jirti.

Taateewwan adda addaa keessummeessaa kan tureefi jiru shaampiyoonichi boru kan xumuramu yoo ta’u, fiigicha maaraatoonii korniyaawwan lamaanii dabalatee akaakuuwwan dorgommii hafaniinis meedaaliyaawwan dabalataa ni galmaa’u jedhamee abdatama.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Galoon Magariisaa Budaapestitti irradeebiin lola’e addunyaa ajaa’ibsiise”

  1. Pingback: marbo 9k

Comments are closed.