Hundeeffama Oromiyaafi caasaalee manneen hojii naannichaa keessatti dameen aadaafi aartii akka dursa argatan ogummaadhaan kan hoggane, ogeeyyota tiyaatiraafi fiilmii Afaan Oromoo har’a beekamtii argatan duuba kan jiran, tiyaatira jalqabaa Afaan Oromoo qopheessuufi taphachuudhaan kan beekkaman.
Waliigalaan tiyaatiroota gaggabaaboo 20 ol Afaan Oromootiin kan hojjatan guca, dugugguruu, utubaa, riqicha…aartiiwwan Oromoo buleessi kun barana immoo hojiiwwan waggoota afurtamman darbaniif guddina aartii tiyaatira Afaan Oromoorratti hojjetaniif Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaarraa doktareetii kabajaa kan argatan Diimaa Abarraa keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.
Gaaffiifdeebii guutuun hayyuu buleessa kana wajjin taasifne akka armaan gadiitti dhihaateera.
Bariisaa: Mee jalqaba walhaabarruu?
Doktara Kabajaa Diimaa: Ani Diimaa Abarraan jedhama. Kanin dhaladheefi ittiguddadhe Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Amboo, qanda qonnaan bulaa Dikii jedhamutti yoo ta’u, barri dhalootakootii immoo 1950.
Bariisaa: Haala guddina keessaniifi barnoota ittiin eegaltanis itti nuu dabalaakaa!
Doktora Kabajaa Diimaa: Haalli guddina koo kanuma ijoollee baadiyyaa Oromiyaatti dhalatanii guddatan hedduu wajjin walfakkaata. Baadiyyaatti dhalattee gaafa umriinkee daa’imummaarraa guddachaa dhufu jabbilee ykn waatilee tiksuun sirraa eegalama.
Erga re’ootaafi hoolota tiksuun ittaanee booda gaafa umriin sirriitti dabalee barnootaaf gahutti gara sadarkaa loon tiksuutti ce’ama jechuudha. Kanaaf haalli guddina kiyyaas akkuman armaan olitti ibsuuf yaale, jabbii, re’ootaafi hoolota tiksaatuman guddadhe.
Boodarra yeroo umriinkoo barnootaaf gahutti jalqaba baadiyyumatti barnoota Qeesii baradhee gara Magaalaa Amboo dhufuun mana barnoota sadarkaa 1ffaa Ambootti barnoota idilee eegale. Kunis bara 1956 irraa eegaleeti jechuudha.
Barnootakoo sadarkaa 1ffaafi 2ffaas achuma Ambotti xumuree duulli ‘Idgat Bahibrat’ jedhamu dhufee anis ittimakamee waggoota lamaaf keessatti hirmaadheera.
Erga isa xumuree booda gara barnootaatti deebi’ee iddoo addaan kuterraa ittifufuuf fedhiin keessa koo jiru guddaa ta’us haalotni waan natti ulfaataniif waggoota muraasaaf barnoota dhaabee ture.
Bara 1970 gara Finfinneetti imaluudhaan barnootan Ambotti kutaa 10ffaatti addaan kute mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Shimallis Habteetti hordofuudhaan barnoota koo sadarkaa lammataa xumuree waanin qabxii yunivarsiitii na galchu argadheef Yunivarsiitii Finfinnee gale. Kun immoo kan ta’e bara 1972tti.
Bariisaa: Yuunivarsiitii Finfinneetti muummee barnootaa kamitti barattan?
Doktara Kabajaa Diimaa: Yuunivarsiitii Finfinnee kanin gale Muummee Aartii Tiyaatiraatiini. Barnooticha xumuree eebbifamuuf waggoota afur kan natti fudhate yemmuu ta’u, akkuman xumuree eebbifameen waggaa ittaanu Ministeera Aadaafi Ispoortiitti ogeessa Tiyaatiraa ta’ee mindeeffame.
Kana jechuun egaa otoon waajjira ministeerichaa keessa hojjedhuu osoo hintaane, manneen tiyaatiraa Finfinnee keessatti argamaniifi itti waamamnisaanii Ministera Aadaafi Ispoortiitiif ta’e keessaa tokko, Raas Tiyaatiritti kanin hojii eegale.
Mana Tiyaatiraa Raas kanatti waliigalaan waggoota 10f kan tajaajile yemmuu ta’u, tajaajillikoos sadarkaalee garagaraatiini. Isaanis; ogeessa tiyaatiraa ta’ee jechuunis tiyaatira barreessuu, taphachuu, qopheessuufi gulaaluu kan dabalatu jechuu kooti.
Kana gofa osoo hintaane, sadarkaa gulaalaa ittaanaa waltajjii ta’uudhaanis, otoo hojiiwwan hojjataman gara waltajjiitti hinbahin gulaalamanii akka sirraa’an taasisuun hojiin qulqullina qabu daawwattootaaf akka dhihaatu taasisuudha.
Waanin hojiilee koo hunda sadarkaan irra jiruun ol qulqullinaan raawwachaa tureef sadarkaa maanaajara waltajjii jedhamuunis Mana Tiyaatiraa Raasitti tajaajilaa tureera.
Hojiilee tiyaatiraa mana tiyaatirichaatti hojjataman cinaattis tiyaatiroota garagaraa barreesseera. Tiyaatiroota adda addaarrattis taphachuu, gulaaluufi hojiilee dabalataa hedduu hojjadheera. Bara 1984tti, turtii waggoota 10 booda Mana Tiyaatiraa Raas gadilakkise jechuudha.
Bariisaa: Maaliif gadilakkistan?
Doktara Kabajaa Diimaa: Akkuma beekamu barri 1984 seenaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni siyaasaa guddaan kan itti gaggeeffameefi ummattootni biyyattii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu argatanii naannoleen ittihundaa’aniidha. Jijjiirama sirnaa yeroo sanatti dhufe bu’ura taasifatee naannoo mataasaa kan hundeesse Oromiyaan, barasirraa kaasee ijaarsi caasaalee manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa sadarkaa naannootii hanga gandaatti jiru diriiruu kan jalqabe baruma sana.
Kanaaf, anis sanaan dura hanga ogummaafi humni koo danda’een tiyaatirri biyyattii akka ammayyaa’uuf shoora bahachaa turus gara Oromiyaa dhufee caasaalee manneen hojii mootummaa sadarkaadhaan jiran hundeessuutti galle jechuudha. Sababuma hojmanee kanaatiif jecha Mana Tiyaatiraa Raas kan waggoota 10f tajaajile gadilakkise.
Bariisaa: Kanaaf gumaachi isin Oromoofi Oromiyaaf ooltan hundeeffama Oromiyaarraa eegala jechuudhaa?
Doktara Kabajaa Diimaa: Sirritti malee, gaafa jijjiiramni akka biyyaatti dhufee saboonniifi sablammootni hundi eenyummaasaanii malee Itoophiyaa takkattii aadaafi eenyummaa walfakkaataa tokko qabdi jedhamee lallabamaa ture sun itti cabee hunduu naannoo ofii ijaarrachuutti kaanaan anis affeerraa qaamotni siyaasaa naannicha hundeessuuf jedhan naa dhiheessan gammachuu olaanaadhaan fudhadhee gara hojiitti gale.
Sadarkaa biiroorraa ka’ee hanga godina, aanaafi gandaatti caasaalee manneen hojii mootummaa naannoo Oromiyaa hundeessuu keessatti anis shoora guddaa taphadheera jedheen yaada. Kun immoo ana qofa osoo hintaane, ilmaan Oromoo ogummaawwan garagaraa qabaniifi iddoowwan adda addaatti tajaajilaa turan hundi ogummaa qabaniin ijaaramni Oromiyaa akka lafa qabatu taasisuu keessatti gaheesaanii bahataniiru amantaa jedhun qaba.
Bariisaa: Hundeeffamni Oromiyaa kun aartiin tiyaatiraa akka guddatuuf maal gumaacheera?
Doktara Kabajaa Diimaa: Waan hedduu gumaache jechuun ni danda’ama. Jalqabarratti, naannoon Oromiyaa hundaa’uun Afaan Oromoo afaan hojiifi afaan barnootaa, kan mana murtiitti ittiin falmattuufi hojiilee hawaas dinagdee hunda ittiin dhimma bahatamu ta’e.
Hundeeffama Oromiyaafi naannolee birootiin dura yemmuu ilaalte hojiiwwan aartii manneen tiyaatiraa biyyattiitti hojjataman irra jireessaan kan afaan tokko qofaan hojjatamaniidha jechuun ni danda’ama. Hundaa’uun naannolee keessattuu kan ati na gaafatte, hundaa’uun Oromiyaa guddina aadaafi aartii, muuziqaa, diraamaafi tiyaatiraatiif gumaacha guddaa buuseera.
Akkuman duraan sii kaasuuf yaale caaseffama caasaalee manneen hojii naannoo Oromiyaa kana keessatti hunduu biiroo ogummaansaa itti dhihaaturratti kan hojjatu yemmuu ta’u, anis damee aadaafi aartii hundeessuufi qooda hojiisaa baasuurratti kan xiyyeeffateedha.
Akkuma naannoon Oromiyaa hundaa’ee caasaaleen manneen hojii naannichaa sadarkaa hundatti diriiraniin booda, nuti ijoolleen, dhalattoota Oromoo taaneefi Afaan Oromoo danda’an walitti dhufnee tiyaatiroota Afaan Oromoo hojjachuudhaan Oromiyaa keessa naannofnee ummata biraan gahaa turreerra.
Bariisaa: Erga Oromiyaan hundaa’ee caasaaleen aadaafi aartiis naannichatti ijaaramanii booda tiyaatirri jalqabaa Afaan Oromootiin hojjatame maal ture?
Doktara Kabajaa Diimaa: Tiyaatirri jalqabaa erga Oromiyaan hundaa’ee Afaan Oromootiin hojjetame tiyaatira ‘Daawwitii Jireenyaa’ jedhamuudha. Garuu tiyaatirri kun tiyaatira Afaan Oromoo isa jalqabaati akka hinjenneef immoo sanaan dura yemmuu nuti Yuunivarsiitii Finfinnee barannutti kan hojjatame tiyaatirri ‘Qorannoo’ jedhamu kan isa dursu waan ta’eef akka tiyaatira Afaan Oromoo jalqabaatti kan ilaalamu isa kana.
Sana duras Hayilee Fidaa fa’as tiyaatira Afaan Oromoo kan jalqabaa hojjatameera yaadni jedhu jira. Haa ta’uu malee hojjatamuusaatiif ragaa qabatamaan hanga ammaatti hinjiru. Hojjatamuu tiyaatira biraatiif ragaaleen akka iskiriiptii ykn barreeffama tiyaatirichaa, taatootni eenyufaa akka ta’an beekamuu qaba.
Kanaaf akka tiyaatira Afaan Oromoo jalqabaatti ragaadhaan deeggaramee kan dhihaatu, tiyaatiruma nuti gaafa Yunivarsiitii Finfinnee jirru hojjanne ‘Qorannoo’dha. Tiyaatirri kun qabatamaa ta’uusaatiif
barreeffamnisaa hanga ammaatti jira, taatootni eenyufaa akka turanis ifatti beekama.
Bariisaa: Tiyaatirri Qorannoo jedhamu sun Afaan Ormootiin barreeffamee?
Doktara Kabajaa Diimaa: Lakki. Tiyaatirri Qorannoo jedhamu afaan biraarraa hiikame malee maddisaa Afaan Oromoo miti. Tiyaatira afaan Ingiliiziin hojjatame tokko jalqaba namni wayii gara Amaariffaatti hiike. Nuti, ijoolleen Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee, muummee tiyaatiraa barannu isa Amaariffatti jijjiirame gara Afaan Oromootti hiiknee hojjanne jechuudha.
Tiyaatiricha gara Afaan Oromootti hiikuu keessatti anaafi Mootummaa Asaffaatu shoora guddaa bahate. Kan achirratti taphates anaafi Maartaa Silashiiti.
Bariisaa: Tiyaatira jalqabaa kana eessatti eenyuuf dhiheessitan?
Doktara Kabajaa Diimaa: Waan sidhibu tiyaatirri sun waltajjii guddaafi hoggantootni biyyattii irratti argamanirratti kan dhihaate ture. Tiyaatirri sun afaanota sadiin akka hojjatamu taasifamee yeroo mootummaan Dargii kufee finciltootni biyya qabatanitti hoggantootaaf dhihaate.
Gareewwan saditti qoodamuudhaan gareen tokko Afaan Oromootiin, kaan Amaariffaan, sadaffaa immoo Tigriffaan akka dhiheessu taasifamee hoggansi gaafas achi ture daran ittigammade.
Yeroon tiyaatirichi ittihojjatameefi matadureensaa haala yeroo sanaa kan ibsu waan tureef hoggantootni dhaabbilee siyaasaa akka ilaalan taasifamuun hojiiwwan aartiitiif xiyyeeffannoon akka kennamu taasiseera.
Egaa haala kanarraa ka’uun tiyaatira ‘Qorannoo’ jedhu kana akka tiyaatira Afaan Oromoo isa jalbaatti fudhachuun ni danda’ama jechuufi. Sanaan booda garuu, tiyaatirri ‘Dukkanaan Booda’ jedhu kan Guutuu Wayyeessaatiin barreeffame tureera.
Bariisaa: Ogummaa tiyaatiraa kana gara Afaan Oromootti babal’isuurratti gufuuwwan isin mudataa turan maal fa’i?
Doktara Kabajaa Diimaa: Waggoota dheeraaf yommuu waa’een tiyaatiraa ka’u jalqaba gara sammuu namaatti kan dhufu Amaariffa. Amaariffa malee Afaan Oromoo dabalatee afaanota biraatiin tiyaatira hojjachuun waan namatti tolu kan itti hinfakkaanne namoota hedduudha.
Kanaaf hudhaan inni jalqabaa hubannoon hawaasni keenya tiyaatirarratti qabu gadaanaafi dadhabaa ta’uusaati. Ga’ee tiyaatirri guddina aadaafi aartii keessatti qabu wallaaluurraa kan madduudha.
Boodarra garuu gufuuwwan ilaalchaa kana cabsuuf ogeeyyota tiyaatiraa manneen tiyaatiraa biyyattiin qabdu hunda keessatti bebbeekamoo ta’aniifi Afaan Oromoo dubbachuu danda’an gurmeessinee tiyaatira ‘Daawwitii Jireenyaa’ jedhamu deeggarsa Waldaa Misooma Oromiyaatiin naannawawwan Oromiyaa hunda naannofnee ummataaf dhiheessine.
Kunis ilaalcha gadaanaafi dogoggoraa hawaasni tiyaatirarratti qabu akka fooyya’u taasisuu keessatti shoora olaanaa kan taphate tiyaatira ‘Daawwitii Jireenyaa’ kana jedhanii kaa’uun ni danda’ama. Gama biraatiin tiyaatira ogeeyyota guguddoodhaan qulqullinaan hojjatame kana Finfinnee qofatti osoo hinta’in godinaalee Oromiyaa hundarra naanna’uudhaan Oromoo hundaaf akka dhihaatu taasifamuunsaas ilaalcha hawaasni tiyaatirarratti qabaachaa ture sirreessuu keessatti gahee guddaa bahateera jechuun ni danda’ama.
Sana booda egaa hubannoon hawaasaas jijjiiramaa hamileefi miirri ogeeyyota tiyaatiraas cimaa waan dhufeef tiyaatiroota garagaraa qopheessuufi dhiheessuun cimee ittifufe. Fakkeenyaaf tiyaatirri ‘Gumaa’ jedhamuufi anumti qopheesse ni eerama. Gumaan Mana Tiyaatiraa Raas dabalatee iddoowwan garagaraatti daawwattootaaf dhihaachaa ture.
Hojii tiyaatiraa qofa osoo hintaane, hawwisoowwan sadarkaa godinaafi bulchiinsota magaalotaa akkasumas aanaaleetti akka hundeeffamaniif hirmaannaa cimaa taasisneerra. Kana keessatti gumiiwwan hawwisoo muuziqaa qofa osoo hintaane, gama tiyaatiraas itti dabalanii akka hojjatan taasisuutiin shoora hangafaan taphachaa ture. Kanaaf, haalota armaan olitti sii ibsuuf yaaleen ogummaan tiyaatiraa kun akka guddatu taasifameera.
Kana malees tiyaatirri tokko hojjatamee iddoon itti dhihaatu barbaachisaa waan ta’eef galmoonni aadaa magaalota Oromiyaatti hojjataman tiyaatiraaf akka mijataniif dhiibbaawwan garagaraa taasifneen irra jireessaan milkaa’eera jechuun ni danda’ama. Kana Giddugalli Aadaa Oromoo Finfinneetti argamu isa tokko.
Bariisaa: Namoota akka Giddugalli Aadaa Oromoo akka ijaaramuuf dhiibbaa gochaa turan keessa jirtu jechuudhaa?
Doktora Kabajaa Diimaa: Dhiibbaa taasisuu qofa osoo hintaane, diizaayiniisaafi wantoota inni hammachuu qaburratti yaada dhiheessuurraa kaasee hanga raawwachiisuutti gumaacha guddaan keessaa qaba. Oggaa giddugalli guddaan akkanaa ijaaramu, aadaawwan, sirboota, diraamaafi tiyaatiraafis haala mijataa ta’uu waan qabuuf namoota biroo waliin taanee hojjachaa turre.
Magaalota Oromiyaa tokko tokko keessatti giddulliwwan aadaa guguddoofi giddugaleessaa bara Dargii ijaaraman jiru fakkeenyaaf; kan Naqamtee, Baatuu, Roobeefi Mattuufaa eeruun ni danda’ama.
Fedhiin ijaarsaa galmoota walga’ii qofa osoo hintaane, galma aadaa, diraamaafi fiilmii, tiyaatiraafi agarsiisota garagaraa keessatti ilaalaman akka dabalu taasisuu akka carraatti gargaaramnee iddoowwan hundatti ijaarsotni akkasii akka baay’ataniif mootummaadhaaf yaada dhiheessaa turre.
Tiyaatira yemmuu jedhamu namni hedduun akka waan nama bashannansiisuu qofaatti ilaala. Garuu faayidaan tiyaatiraa sanaa oli. Tiyaatira dhimma barbaachisaa ta’e tokkorratti hubannoofi dadammaqina ummataa ittiin uumuuf ni gargaara. Yoo barbaachisaa ta’e ergaawwan siyaasaa keessatti dhoksanii meeshaa qabsoo taasisuunis ni danda’ama.
Wareera dhibeerratti kaka’umsa ummataa uumuuf bu’aan tiyaatiraa qabatamaan akka mirkanaa’u taasisuurratti ijoollee duubaa dhufaa leenjifnee akka hojjatan taasifneerra.
Bariisaa: Oolmaa isin waggoota afurtamman darban ummataaf ooltaniif barana Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa Doktareetii kabajaa isinii kenneera. Beekamticha akkamitti ilaaltan?
Doktora Kabajaa Diimaa: Ifaajii guddaa waggoota dheeraadhaaf taasisaa turreef Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa beekamtiifi Doktareetii Kabajaa naa kennuusaatti gammachuu guddaatu natti dhagahame. Jarri na mariisisanii osoo hintaane, hojiiwwan waggoota dheeraa keessatti hojjachaa ture gadifageenyaan qorataniiti beekamticha kan naa kennan.
Kunis ogummaa tiyaatira Afaan Oromoo babal’isuu keessatti hojii adda durummaa qabu hojjechuu kootiin beekamtii argadheedha jedheen amana. Hojichi tiyaatira barreessuu, qopheessuu, taphachuufi hogganuu kan dabalatu yemmuu ta’u, dabalataanis dorgommiiwwan tiyaatiraa adda addaa qopheessuudhaan dhalootni duubaa dhufu baay’inaan akka irratti hirmaatu taasisuu korraa kan ka’eedha.
Fakkeenyaaf qophii, Daddaraaroo, Qophii Dorgaa Dorgee, sagantaa Dhangaa Afaan Oromoo dur Televizhiinii Itoophiyaarratti darbaa ture bocuufi leenjiiwwan dargaggootaaf kennuudhaan dameen aartii sadarkaa amma jiru irra akka qaqqabu taasisuun shoora bahachaa turre xiyyeeffannoo keessa galchuudhaan beekamtii nuu kennameedha.
Dabalataanis kolleejjiiwwan barnootaa naannoo Oromiyaatti hunda keessa naanna’uudhaan barattoota barsiisummaa leenji’aniif leenjii afoola Oromoofi aadaa Oromoo dhaloota dhufuuf dabarsuu danda’anirratti leenjiiwwan walirraa hincitne kennaa turreerra.
Kanaaf beekamtiifi doktareetiin kabajaa naa kenname hojiiwwan guguddoo armaan olitti siif ibse kanneenirratti hundaa’uudhaan akka ta’e ifaadha.
Ammas taanaan mindaarraa soorama baheera. Garuu hojiifi ogummaa kiyya ittuman jira. Kanaafuu, kanaan boodattis dhalootni boodaa dhufu aadaafi afoola, diraamaafi fiilmii akkasumas tiyaatira Afaan Oromoorratti ogummaa gahaa argatee akka hojjatuuf leenjii sadarkaa barbaachisu hundatti kennuu koo ittuman fufa jechuudha.
Erguman soorama baheeyyuu tiyaatiroota hedduu qopheesseera, hedduus barreesseera. Kanaaf ammas Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa wajjin taanee leenjiiwwan garagaraa kennaa jirra.
Bariisaa: Tiyaatiroota hanga ammaa isin barreessitan ykn qophessitan muraasa nuu tarreessaa mee?
Doktara Kabajaa Diimaa: Daawwitii Jireenyaa, Qorannoo, Kiyyoo, Gumaa, Hoteelloo, Hireefi kkf kaasuun ni danda’ama. Waliigalaan tiyaatiroota garagaraa 20 ta’an keessatti qooda fudhadheera. Ani immoo hojjachuu malee laakkaa’uu hinbeeku. Ijoollee ani leenjisutu na caalaa beeka; baay’inasaaniifi maqaa maqaasaanii.
Dhaloonni boodaa dhufuufi nuti leenjifne ogummaa kana gara sadarkaa caaluutti dabarsuu akka danda’an abdii guutuu irraa qaba. Tiyaatira qofa osoo hintaane, gama fiilmiifi diraamaatiinis ijoolleen har’a Oromiyaa keessatti hojiiwwan babbareedaa hojjachaa jirtu bu’aa dadhabbii keenyaati.
Bariisaa: Ani gama kootiin gaaffii koo xumureera isin dhaamsa yoo qabaattan?
Doktora kabajaa Diimaa: Guddinni teknolojii yeroo ammaa mul’achaa jiru kun sirnaan yoo qabamuu baate aadaafi eenyummaa ofii dagatanii carraan seenaafi eenyumaa biyya alaa karaa miidiyaa hawaasaa naanna’u fudhachuu bal’aadha. Garuu miidiyaan hawaasaa sanayyuu kan eenyummaafi aadaa ofii ittiin beeksifataniifi barumsa itti dabarsan taasisuun ni danda’ama waan ta’eef, dhalootni har’aa carraa teknolojiin kun uumeefitti gargaaramuudhaan haala hojiiwwan aadaafi aartii Oromoo ittiin beeksifamuufi hawaasa fageenya irra jirus ittiin dhaqqaburratti cimee hojjachuun irraa eegama.
Bariisaa: Yeroo nuu kennitaniif guddaa galatoomaa!
Doktara Kabajaa Diimaa: Isinis baay’ee galatoomaa.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015
11 Comments to “Doktara Kabajaa Diimaa Abarraa:Guca, dugugguruu, utubaa, riqicha…aartiiwwan Oromoo”
Comments are closed.