Barnoota sadarkaa jalqabaa osoo baratuu fedhiifi hawwiin kalaqaa onneesaa booji’e. keessattuu barataa kutaa 5ffaa yemmuu turetti, barnoota ogummaa harkaa jedhamu yemmuu fudhachuu eegalutti fedhiin keessoosaatti uumamte lafa qabachuu eegalte.
Akkuma umuriinis dabalaa sadarkaa barnootaatiinis guddachaa adeemuun immoo hawwiin kalaqaa kun hundeesaa gadi fageeffachaafi gara hojii qabatamaattis ce’uu eegale. Barnoota kutaa 6ffaan booda garuu hojiiwwan kalaqaa xixiqqoo irraa kaasee osoo hintuffanne hojjechuudhaan hawaasa mana barnootaatiif dhiheessuu eegaluunsaa badhaasota hamileesaa cimsan yeroo adda addaatti akka argatu isa dandeessisee imalasaas finiinse.
Barnoota sadarkaa lammataa xumuruudhaan qabxii yunivarsitiitti isa galchu kan argate abbaan kalaqaa kun, kanaanis Yunivarsitii Gondaritti al tokkotti dameewwan barnootaa lamaan (saayinsii Kompiiteraafi Hortikaalcharii)tiin barnootasaa itti fufe.
Sababoota gara garaatiin barnootni Yunivirasitii Gondaritti eegale mijachuufii dhabnaan addaan kutuudhaan gara Yunivarsitii Arsiitti qajeelee barnootasaa Hortii Kaalcharii idileedhaan, barnootasaa Saayinsii Kompiitaraa immoo yunivarsitii dhuunfaatti kan ittifufe dargaggoon kun, Yunivarsitiichatti qabxii olaanaadhaan waan eebbifameef yeroo ammaa achuma Yunivarsitii Arsiitti hojii barsiisummaarratti argama.
Yeroo ammaa kalaqoota gara garaa 20 ol ta’an kan maqaasaatiin galmaa’an kan qabu dargaggoo Gurmeessaa Goobanaa, ilma Abbaa Gadaa Tuulamaafi Barreessaa Gumii Abbootii Gadaa Oromoo, Goobanaa Hoolaati.
Hojiiwwan kalaqaa dargaggoon kun hanga ammaatti hojjachaa ture keessaa yeroo saayinsiifi teknolojiin sadarkaa Oromiyaatti hundeeffame Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyiin durfamaa turerrattis badhaasota gara garaa harkasaaniirraa fudhachuu dubbata.
Erga yunivarsitii seenee fedhiifi hawwiiwwan kalaqaa onneesaa keessa jiran barnootaan gabbifatee boodatti kalaqawwan rakkoolee hawaasaa furuu danda’anirratti xiyyeeffatee hojjachuu eegaluu kan himu dargaggoo Gurmeessaan, kana keessaa immoo rakkoo qonnaan bulaa furuuf kan hojjatame meeshaan qoricha farra aramaa biifu isa tokkoofi guddaa ta’uu ibsa.
Faayidaan meeshaan kalaqa haaraan hojjatame kun qabu hubatamee bakka Ministeerri Qonnaa yeroo sanaa (Obbo Umar Huseen)fi hayyoonni hedduu jiranitti karaa Pirezidaantii Yunivarsitii Arsiitiin kalaqichi gara fayyadamtootaatti akka dabarfamu taasifameera.
Kanaanis qonnaan bultoota naannawaa yunivarsitiichaafi Godina Arsii keessatti argamaniifi adda duree ta’aniif meeshaan kun akka kennamu taasifameera. Hojiin kalaqaa kun kan qoricha farra aramaa biifu qofa osoo hintaane, kan xaa’oo dhangala’aas buusuu danda’u, midhaan sararaan facaasuu danda’u, waliigalatti maashinii tokkicha hojiiwwan gara garaa afur ta’u raawwachuu danda’u qonnaan bulaadhaaf gumaachuu danda’eera.
Kanaan dura meeshaan qoricha farra aramaa ittiin biifan kan dugdatti baatamu ta’uusaatiin dadhabbii nama qoricha biifuu salphisuuf maashiniin haaraa kun barbaachisaa ta’uu kan kaasu dargaggoon kun, kan amma inni kalaqee qonnaan bulaa biraan gahe kun dugdatti osoo hintaane harkaan dhiibamaa kan biifamu waan ta’eef dadhabbii qonnaan bulaas sadarkaa olaanaadhaan kan hir’isu ta’uu dubbbata.
Akka ibsasaatti; hojiin kun beekumsa aadaa ummatni keenya qabu gara teknolojii innoveeshinii ykn kalaqaatti kan ceessisedha. Maashina haaraa kana harkaan dhiibuudhaafis bifa hinulfaanneen gommaadhaan akka socho’u, akkasumas motoraan akka socho’ee hojiisaa raawwachuu danda’utti kan kalaqameedha.
Wanti guddaan maashiniin haaraa kun raawwatu biraan dadhabbii qonnaan bulaa tokkoo kan maashinicha fayyadamuu kan hir’isu duwwaa osoo hintaane, yeroo tokkotti hojiin maashinni kun hojjete, isa silaa qonnaan bulaan torba gurmaa’ee hojjetu kan bakka bu’uu danda’udha.
Maashiniin haaraan kun yeroo sanaaf kan raabsame qonnaan bultoota adda duree qofaaf ta’us, namni ooyruu bal’aa qabuufi kanneen biroos maashinicha bitachuudhaan ykn warra qabanirraa kireeffachuudhaan ittiin gargaaramuu ni danda’u.
Maashiniin kun hojii qonnaa facaasaa irraa kaasee hanga haamaatti jiru hunda kan raawwatu yemmuu ta’u, midhaan sararaan facaasee, erga biqileen booda immoo xaa’oo dhangala’aa kenneefii, sanaan booda aramaa biqiluu danda’uuf qoricha farra aramaa afuufee ykn biifee, yeroo sanyiin sun ga’utti haamuufis kan gargaaru waan ta’eef hojii qonna ammayyeessuufi dadhabbii qonnaan bulaa xiqqeessuu keessatti shoora olaanaa kan bahatuudha.
Hojiiwwan kalaqaa baay’atanii biyyattii akka geeddaraniif immoo dhaloota dhufurratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan himu dargaggoo Gurmeessaan, keessattuu barattootni dhaabbilee barnoota olaanaa keessa jiran hojii kalaqaarratti hubannoo argatanii gaafa eebbifamanii bahanittis hojii mataasaanii akka ummataniif kan gargaaru ta’uu dubbata.
Yeroo ammaa Yunivarsitii Arsiitti Diinii Ittaanaa Barattootaa ta’ee tajaajilaa kan jiru Gurmeessaan kunis, barattootni hojii kalaqaasaarraa muuxannoo fudhatanii kan dhuunfaasaanii akka yaalaniifi fedhiin kalaqaa immoo keessasaaniitti akka uumamu taasisuuf kan isaan gargaaru ta’uu ibsa.
Akka ibsasaatti; kalaqni nama tokkoo biyyattii jijjiiruu hindanda’u. biyyattiin gama kalaqaatiin ogeeyyota hedduu akka horattuuf irratti hojjatamuu qaba. Anis gama kiyyaan muuxannoo qabu barattoota yunivarsitiichaatiif qooduudhaan barataan tokko gaafa yunivarsitiirraa eebbifamee bahu yoo xiqqaate ogummaa tokko horatee akka bahuuf yaalii taasisaan jira.
Hojiiwwan kalaqaa hanga ammaatti hojjadhee uummataan gahe keessatti kan na gargaare Yunivarsitii Arsii, keessattuu Pirezidaantiin yuunivarsiitichaa Doktar Dhugumaa Addunyaa nama addaati. Hojiiwwan hojjannu hunda keessatti gorsaanis ta’e waantota barbaachisan hundaan nu biraa hafee hin beeku jedha dargaggoon kun.
Yeroo ammaa kanatti immoo barbaachisummaan maashinoota kanneenii waan daran dabalaa jiruuf baay’inaan omishamee qonnaan bulaa bira akka gahuuf hojjetamaa jira jedha.
Maashinii kana hojjechuuf yoo xinnaate waggaa afurii ol itti fudhachuu kan dubbatu Gurmeessaan, ka’umsi jalqabaa yaadni maashinii kana kalaquu itti uumamuu danda’e immoo rakkoo raammoon geerii sanyii qonnaan bulaarratti dhaqqabsiisaa turerraa ka’uudhaan, akka furmaata waan kanaa ta’uuf yaadee ta’uu eera.
Maashinni kun sadarkaa amma irra jiru irra ga’uuf yeroo afur fooyya’uusaafi kunis yeroorraa yerootti ooyruu qonnaan bulaa keessatti erga yaalamee booda hanqinoota jiran hir’isaa faayidaasaa dabaluuf kan gargaareedha jedhe.
Dorgommii ogummaa kalaqaa Baankiin Awaash “Qaxaleewwan” jedhuun sadarkaa garaa garaatti dargaggoota kalaqa garaa garaa qaban marsaawwan garaa garaatiin taasisaa turerratti hojii qalaqaasaatiin dorgomuu kan danda’e abbaan kalaqaa Gurmeessaan, dorgommicha sadarkaa 1ffaadhaan xumuree badhaasa qarshii miiliyoona tokkoo argachuunsaas kan yaadatamudha.
Walumaagalatti; dargaggoonni barnootarra jiran hundi hanga danda’ameen hojii kalaqaarratti akka xiyyeeffataniif yoo himu, innis gamasaatiin yeroo ammaa gaheessaa bahachaa jiraachuu dubbata. Dhimmi kalaqa addaa kun biyyoota guddinarra jiraniif murteessaa waan ta’eef caalaatti akka hojjetamuuf deeggarsi barbaachisu taasifamuufii qabaan dhaamsa keenya.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 20 Bara 2015
3 Comments to “ Dargaggeessa hojiiwwan kalaqaa 20 oliin fakkeenya ta’e; Gurmeessaa Goobanaa”
Comments are closed.