Waraana miidiyaa qolachuuf hawwaasa hubannoo miidiyaa qabu horachuun barbaachisaadha

Finfinnee: Itoophiyaa keessatti waraana miidiyaa qolachuuf hawwaasa hubannoo miidiyaa qabu horachuun barbaachisaa ta’uu Yuunivarsitii Finfinneetti, Hayyuun Subqunnamtiifi Gaazexeessummaa Obbo Nutmaan Aliyyii ibsan.

Obbo Nutmaan gaafdeebii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, miidiyaan yoo seeraan fayyadaman meeshaa ittiin biyyi ijaarramu, yoo seeraan itti maayii ba’uu baatan garuu meeshaa biyya diiguu danda’uudha. Itoophiyaa keessatti ka’umsaafi babal’ina walitti bu’iinsa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Amaaraa keessatti mul’achaa jiruuf ololli miidiyaa sababa isa guddaadha.

Namoota miidiyaadhaan biyya balleessuuf gurmaa’aniin naannicha keessatti hoggantootni mootummaa ajjeeffamaafi alseerummaan babal’achaa jiraachuu himanii, fincilli mootummaarratti gaggeeffamaa jirus irra caalansaa karaa miidiyaa adeemsifamaa jirufi qabeenyi mootummaafi nama dhuunfaas ajaja gurmuun seeraan alaa karaa miidiyaa dabarsaniin barbadaa’aa jiraachuu himaniiru.

Namootni seeraan ala gurmaa’an miidiyaadhaan hanga biyya diiguutti akka ga’an kan taasise hubannoo hawwaasni odeeffannoo miidiyaarratti qabu baay’ee gadi aanaa waan ta’eefi kan jedhan hayyuun kun, hubannoo ga’aa dhabuu hawwaasaan murnoonni badii uuman karaa miidiyaa akka salphaatti hawaasa gara fedhanitti oofaa jiru. Hubannoo hawwaasni miidiyaarratti qabu yoo gabbate miidiyaaleen oduu sobaa tamsaasan kun dhiibbaa uumuu kan hindandeenye ta’uu eeraniiru.

Biyyoota birootti barnootni kominikeeshiniifi miidiyaa barnoota sadarkaa tokkoffaarraa eegalee kan kennamu ta’uu himanii, Itoophiyaatti hubannoo hawwaasni miidiyarratti qabu dabaluuf barnootni miidiyaafi kominikeeshinii imaammata barnootaa keessa galchuun barsiisuun barbaachisaa ta’uus himaniiru.

Miidiyaaleen oduu sobaa tamsaasan baay’inaan teessoonsaanii biyya alaa waan ta’eef to’achuuf mootummaatti kan ulfaatu ta’uu himanii, summii miidiyaaleen facaasaniin kan miidhamu hawwaasa waan ta’eef hubannoo hawwaasni miidiyaarratti qabu gabbisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Hawwaasni odeeffannoo barbaada waan ta’eef mootummaan odeeffannoo uummatni barbaadu ariitiidhaan biraan gahuun dhiibbaa tamsaasa odeeffannoo sobaan dhufu hir’isuunis barbaachisaa ta’uu haayyuun kun dhaamaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ Waraana miidiyaa qolachuuf hawwaasa hubannoo miidiyaa qabu horachuun barbaachisaadha”

  1. Pingback: car detailing

Comments are closed.