“Ummata Itoophiyaa sodaa Uumaa qabu biratti saalquunnamtiin saala walfakkaataa ciigaasisaadha, haraamummaadha” -Barsiisota Amantii

Finfinnee: Fuudhaafi heerumni yookiin saalquunnamtiin saala walfakkaataa ummata Itoophiyaa sodaa Uumaa qabu biratti daran ciigaasisaa ta’uu  barsiisotni amantii garaagaraa ibsan.

Mana Amantii Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Sooraa Haddis Alamaayyoo Isheetuu akka jedhanitti, Macaafa Qulqulluu keessatti yakki saalquunnamtii saala walfakkaataa bara kakuu moofaa  uumamaafi uumaa gargar baasuun dhala namaa irratti dha’icha guddaa fideera. Gochaan kunis dhala namaa mirga walhormaataa mulquufi wantoota seera uumamaa ta’an hedduu balleessudha. 

“Nama mitii, horiinuu hariiroo saala walfakkaataa irratti hinhirmaatan.  Kanaafuu, gochaan kun gochaa dhala namaa horiidhaa gadi taasiseedha.  Saalquunnamtiin saala walfakkaataa yakka amantiiwwan hundi ejjennoo cimaan balaaleffataniidha. Itoophiyaa ummatnishee harki caalu amantii garagaraa hordofan keessatti gochi kun amantiin garasittuu akka yakkaatti kan ilaalamudha” jedhu.  

Gorsaan Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Ustaaz Abubakar Ahimad gamasaaniin, saalquunnamtiin saala walfakkaataa yakka eenyummaafi seera uumamaa irraa maqe waan ta’eef ulaagaa kamiinuu gocha Itoophiyaafi Ityoophiyaanota biratti fudhatama hinqabne akka ta’e himaniiru. Namni yakka saalquunnamtii saala walfakkaataa raawwate amantii Islaamaafi seera Shariyaatiin hanga du’aatti adabamas jedhaniiru.

Yakki kun gocha  kabaja ilma namaa gadi buusu waan ta’eef abbootiin amantii, mootummaafi qaamoleen seeraa yakka kana ittisuurratti hojii manaa hedduun akka irraa eegamus dubbataniiru.

Miidiyaanis  dhimmoota xixiqqaa biroof xiyyeeffannoo kennuu dhiisanii dhimma kanarratti hubannoo uumuu akka qaban dhaamanii, oladeemaan biyyattii aadaa warra Dhihaa isa ciigaasisaa akkasii fiilmiirraa illee ilaaluu akka hinqabne gorsaniiru. Hundaa ol, sirna barnootaa keessattis haalli daa’imman qixa sirriin itti guddifaman xiyyeeffannaa argachuu fedhas jedhaniiru.

Pirezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoo gamasaaniin akka jedhanitti, gochichi gochaa Itoophiyaanota hinmadaalledha. Namoota gaa’ila Uumaatti hinamanneefi itti hinquufnetu gochaa gadi bu’aa akkasii raawwata.

Akka amantiitti qofa osoo hintaane akka seera biyyattiitti gochaa kana raawwachuun yakka ta’uu eeranii, gocha sammuu dhalootaa adoochu, amantii, aadaafi duudhaa biyya kanaa  balleessu ta’uusaas himaniiru. 

Bakkeewwan dhimmi kun itti raawwatamaa jiran irrattis tarkaanfii fudhachuun mootummaan itti gaafatamummaasaa ba’uu qabas jedhaniiru. 

Pirezidaantiin Waldaa Amantii Waaqeffannaa Addunyaa Doktar Qana’aa Lammii gamasaanitiin, “Gochichi gochaa fafaati, dhaloota hamileen kufetu gochaa kana raawwata. Akka amantichaatti namni gochaa kana raawwatee argame haraamuu ta’ee hariiroon inni hawwaasa keessatti qabu adda cita” jedhan.

Warri dhihaa  maqaa gargaarsaatiin waan kana gara biyyoota Afrikaatti akka babal’atu gochuu barbaadu. Biyyootni Afrikaa tokko tokko immoo warreen dhihaa kanneenirraa gargaarsa argachuuf jecha namoota hojii haraamuu kana hojjechuu barbaadaniif eeyyama seeraa kennuurratti argamu. Gamtaan Afrikaa biyyoota eeyyama gochaa kanaa kennan of keessaa baasuu qaba” jedhan Doktar Qana’aan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to ““Ummata Itoophiyaa sodaa Uumaa qabu biratti saalquunnamtiin saala walfakkaataa ciigaasisaadha, haraamummaadha” -Barsiisota Amantii”

  1. Pingback: sex loan luan

Comments are closed.