Shinooyyee, Ashandaa, Shadayifi Solal ayyaana shamarranii

Shinooyyeen (ingiccaa buqqifannaa) ayyaana ijoolleen dubaraa /shamarran hinheerumiin waggaatti yeroo dhuma arfaasaa yookaan ganna keessa akkuma ollaafi walitti dhiyeenyasaaniitti waliin kabajaniidha.

Walleen gaafa Ingiccaa weellisan

Hiyyoo, hiyyoo yaa daraarookoo

Waggaa malee hindeebitu yaa abaabookoo

Ingiccaankoo faachaa yaa daraarookoo

Yoo bulle hinbeekanii yaa daraarookoo

Hiriyaakoon faarsa yaa daraarookoo

Yoon du’ellee hinbeeku hindeebitu

Yaa abaaboo sherree, yoona malee yoomiree?

Egaa baatiin Hagayyaa kun ji’a ayyaanonni akka Shinooyyee, Ashandaa, Ashandiyyeefi Solal shamarraniin haala miidhagaadhaan ittikabajamaniidha. Yeroonsaa yeroo bacaqii gannaa keessaa gara birraa booqaatti ce’uuf itti qophaa’amuudhas.

Ayyaanonni kunniin naannolee Oromiyaa Tigraayiifi Amaaraatti haalota adda addaatiin yeroo walfakkaataatti shamarran afaanota adda addaa dubbataniin kabajamullee sirna uffannaa, tolfannaa rifeensaafi qophiin taasifamu yeroo ittikabajamurraa kaasee gama hundaan walfakkaatu.

Akkuma irranatti eerre qaamni guddaan ayyaanota kanneenii shamarrani. Ayyaanonni kunniin yeroo gannarraa gara birratti ce’uuf qophiin taasifamutti ykn jala bultii bara haaraatti kan kabajaman waan ta’eef shamarran abdiifi hawwii guddaadhaan eeggatu.

Dhimma ayyaanota kanneeniirratti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif ibsa kan kennan hogganaa ittaanaan Biiroo Aadaa, Aartiifi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Asfaawu Laggasaas kanuma dhugoomsan.

Akka isaan jedhanitti, ayyaanonni kunniin bara darbes haala ho’aadhaan bifa walittidhufeenya hawaasaa caalaatti cimsuu danda’uun kabajame. Ayyaanota kanneen sababeeffachuun hawwii gaarii walii qooduunis jira. Kunis akkuma biyyaattuu walittidhufeenyaa sabootaafi sablammoota gidduu jiru cimaa ta’uu ifatti kan agarsiisuudha.

Baranas haaluma bardheengaddaatiin sirna ho’aadhaan kan kabajamuu ta’uu hoggantichi ibsuun, aadaa ofii walii qooduufi walirraa barachuufis ayyaanonni kunniin akka gumaacha guddaa taasisan dubbatu.

Kanaan alattis gama dinagdeetiin akka hawwata turizimii tokkootti ilaalama. Gama biraatiin shamarran uffannaa aadaasaaniitiin faayamanii, bareedanii bahuu waan barbaadaniif hawwata turizimiifi aadaafi duudhaalee sabootaa agarsiisuu keessatti shoora olaanaa qabaatu. Kunis maallaqni guddaan socho’ee dinagdeen biyyaa akka guddatu gochuu keessatti iddoo olaanaa qabaatu jechuudha. Industirii uffannaa aadaa dadammaqsuufi gara gaariitti jijjiiruu keessattis faayidaa olaanaa kan qaban ta’uu eeraniiru. Hariiroo hawaasaa gama hawwasummaatiin jiru cimsuu keessattis ayyaanonnin kunniin gumaacha guddaa qabu jedhu.

Taateen ayyaanota kanneen keessatti mul’atan fakkeenyaaf, akka naannoo Tigraayitti Ashandaan shamarran mudhiisaanii hidhatanii, harkattis qunnii qabatanii mana namaarra naanna’uun “Bararraa baratti darbi, gammachuu argadhufaa” jechuun eebbisu.

Ayyaanni Shinooyyees shamarran laga bu’anii qunnii buqiffachuun mana hawwootaa deemanii eebba fudhaachuun gammachuu, hawwiifi jalaalasaanii ibsatu. Kunis dhimmoota walfakkeenya ayyaanota kanneenii sirriitti ibsan keessatti kan eeramuudha jedhan Obbo Asfaawu.

Kana malees qaamoleen ayyyaana kana kabajan ijoollee daa’ima xiqqoodhaa kaasee hamma dubara qarree (hinheerumne) of keessatti kan hammatuudha. Gama biraatiin sirbiisaanii, akkaataan itti waa seenessan naannolee hundatti ergaawwan walfakkaatu kan dabarsaaniidha. Kunis kan agarsiisu walittihidhaaminsi sabaafi sablammii gidduu jiru hammam akka walitti siiquudha jedhu.

Haalli uffannasaaniis aadaa naannoosaaniin walfakkaatu uffachuun aadaa, duudhaasaaniifi mallattoo eenyummaasaanii itti ibsataniidha. Kunis kan agarsiisu sabaafi sablammiin biyya keenyaa aadaafi duudhaawwan garagaraa qabaatanis haalli ittiraawwatan garuu daran kan isaan walfakkeessuudha.

Akka Obbo Asfaawu dubbatanitti, uffannawwan gara dinadgeetti jijjiruufi diizayinoota ammayyeessaa deemuuf kan fayyaduudha. Gama biraatiin daddabarsa maallaqaa, sharafa alaafi carraa hojii uumuu keessattis gahee olaanaa kan qabuudha. Haalli adeemsa galteewwan bituu, aartii hojjachuufaa hariiroo hawaasummaafi walittihidhamiinsa ummata keessa jiru kan cimsuudha.

Ayyaanota kanneen wajjummaan kabajuun walittihidhaaminsaafi waliigaltee hawaasa gidduu jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Ayyaanonni kunniin akka Finfinneetti Hagayya 16 bara 2015 irraa kaasee hanga jala bultii ayyaana Irreechaatti bifa ho’aa ta’een kan kabajaman ta’uu eeranii, ayyaanota kanniin ibsama aadaa ummata bal’aa waan ta’aniif hambaa addunyaa gochuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jirus dubbataniiru.

Egaa, ayyaanonni shamarranii kunniin duudhaa waliin jireenyaa ummataafi aadaa walirraa dhaaluu kan mul’isaniidha. Calaqqee hariiroo aadaafi hawaasummaa ummataatisi.

Shinooyyeen /Ashandaan/Shaday/ Ashandiyyee/Solal mallattoo ol ka’umsaafi jijjiirramaa waan ta’aniif durirra har’a nu barbaachisu.

Shamarran ayyaanicha baroota rakkisaa keessallee haala walqixxummaasaanii calaqqisiisuun kabajaa turaniiru; nutis waantota gufuu ta’an mara injifachuun tokkommaa waloof waliin yaa hojjennuun, duudhaa keenya haa eeggannu, haa kabajnu.

Ayyaanonni kunniin akkuma hariiroo hawaasummaafi aadaa ummataa cimsuun mallattoo tokkummaa ta’an nutis biyyaafi ummata cimaa ijaaruuf waliin yaa dhaabannu. Eegamaniifi galmaa’anii dhalootaa dhalaootatti akka darbaniif xiyyeeffannaan irratti hojjatamuus qaba.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Shinooyyee, Ashandaa, Shadayifi Solal ayyaana shamarranii”

  1. Pingback: Prahran Massage
  2. Pingback: Herbalife products
  3. Pingback: get tokens
  4. Pingback: jebjeed888

Comments are closed.