“Rakkoon siyaasaa biyyattii murtoo ummata bal’aa gaafata” -Obbo Ibsaa Nagawoo

Finfinnee: Garaagarummaa ilaalcha siyaasaan biyya rakkoo walxaxaa keessa seente baraaruuf murtoon ummata bal’aa murteessaa ta’uu Gorsaan Tarsiimoo Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)  Obbo Ibsaa Nagawoo beeksisan.

Obbo Ibsaan yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda kennaniin akka jedhanitti gartuu saamichaaf qophaa’eefi ummata Amaaraa bakka hinbuune tibbana ajandaan qabatee as ba’e sadarkaa gochaatti mitii sadarkaa ajandaattuu sabdaneesummaa biyyattii kan balaaf saaxiluudha. Garaagarummaa ilaalcha siyaasaa qabaachuun fayyaalessa ta’us jibba sabarratti qiyyaafate calaqqisiisuun garuu gocha hamaa sirrachuu qabuudha.

Ummatni Amaaraa ummata Oromoo waliin ummata baroota dheeraaf waliin jiraatee hariiroo jabaa qabu ta’us murni ummata Amaaraa bakka hinbuune jibba hadhaa’aa ummata Oromoof qabu addababa’iitti ibseera kan jedhan hayyuun kun, ilaalchaafi gocha daandiirraa maqe seeraan toora qabsiisaa garaagarummaa yaadaa fayyaalessa ta’e ammoo mariidhaan dhiphisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Seenaa qabsoo Itoophiyaa keessatti sabni walqixxummaa malee olaantummaa kaasaa ture akka hinjirre yaadachiisanii, murni saamichaaf of qopheesse kun garuu haala qabatamaa biyyattiirraa goruun ilaalcha olaantummaan mirqaanee ka’uunsaa waan yaade harka galfachuun haa hafuutii  taakkuu tokkoofuu tarkaanfachuu akka hindandeenye jala sararaniiru. Itoophiyaan ilaalcha moggaatti ba’een yoo xiqqaate erga waggoota 152 as maraammartoo siyaasaa keessa jiraachuus dubbataniiru.

Haaluma walfakkaatuun waldiddaan siyaasaa Oromoo gidduu kan darara lammiilee nagaaf ka’umsa guddaa ta’aa jiru bilchinaan goolabamuu baannaan waan alaa Oromiyaatti as adeemaa jirutti ida’amee rakkoo hamaa fiduu mala jedhanii, ajandaan Oromiyaarratti qiyyaafatee guyyaadhaa guyyaatti darbatamus dhimma salphaatti bira kutamu akka hintaane hubachiisaniiru.

Akka isaan jedhanitti, dhimma Oromoofi Oromiyaarratti inni keessaafi alaa akkasumas bosona jirus ejjennoo walfakkaatu calaqqisiisuun abdii namatti hora. Mariin waloo eegalames abdii guddaafi kan cimee itti fufuu qabudha. Oromiyaan giddu gala dinagdee, hawaasummaafi siyaasaa ta’uunshee yoo nageenyi amansiisaan jiraate qofa. Kanaa achi hanga fuulduratti tarkaanfatan gara duubaatti deebi’uu ta’a.

Haala amma jiruun ummatni maqaa qaama hidhatee bosona jiruutiin saamamaafi dararamaa jira kan jedhan Obbo Ibsaan, gama kaaniin qaamni ittigaafatamummaasaa dagatee maqaa seera kabachiisuutiin ummata nagaa dararus akka jiru yaadachiisaniiru.

Akka Oromiyaattis ta’e akka biyyaatti aangoo kan kennu ummata waan ta’eef ummatni nagaasaa qofa osoo hintaane sagaleesaas kabachiifachuuf  ifaajuu akka qabu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to ““Rakkoon siyaasaa biyyattii murtoo ummata bal’aa gaafata” -Obbo Ibsaa Nagawoo”

  1. Pingback: bk8

Comments are closed.