Nageenyaaf sammuu, jaalala biyyaaf onnee

“Itoophiyaan madda nagaa malee kan waraanaa hintaatu; wantota hunda dura fedhiin keenya nageenya; raayyaa daangaa ce’ee nageenya kabachiisu qabna. Raayyaa Itoophiyaa ta’uun nama boonsa; waraana namni jalqabee namni hinfixu; kan waraannu teknolojiidhaani; kan xumurru garuu raayyichaani.

“Waraana xumurtanii, injifattanii faaruu ummatootaa sabboonoo kan dhageessisu isini. Biyya keessaniif akka yaaddaniif sammuu keessan; jaalala biyyaatiif onnee keessan akkasumas akka hojjettaniif harka keessan kennaa.

“Jaalalli biyya keenyaaf qabnu dhiyeenya dhugaaf qabnu kan agarsiisuudha; gochi keessan ijoon biyya jabaattee jiraatte ciminaan ceessisuu haa ta’u” jedhan Ajajaan Waliigalaa Humnoota Waraanaafi Ministirri Muummee Itoophiyaa sirna eebbaa komaandoowwan bu’uuraafi miseensota farra shororkeessummaa Bilaatteetti torban har’aa adeemsifamerratti.

Eeyyee, Itoophiyaan biyya sabaa, sablammootaafi ummattoota hedduu tokkummaasaanii cimsachuudhaan wareegamaan birmadummaa ofii giddugalaa hanga daangaatti tikfachaa turaniifi jiraniiti. Saboonni kunneen humna keessoosaatti tokkummaa, waldanda’uufi eenyummaasaanii cabsuuf tattaafatu cabsaa, tokkummaasaanii caalaatti jabeeffachuun birmadummaafi nagaa biyyasaanii olqabaa dhaloota dhaalchisaniidha.

Agarsiistuu tokkummaa kan ta’e Raayyaan Ittisaa Biyyaa ilmaan sabaa, sablammootaafi ummattootaa hundarraa kan ijaaramee gaachana biyyaafi abdii nageenyaa ta’an faana nageenya dheebotamaa jiru mirkaneessuu keessattis shoorrisaanii olaanaadha.

Komaandoowwan bu’uuraafi miseensonni farra shororkeessummaa eebbifamanis sabootuma nageenyasaaniifi naannawasaanii kabachiifachuuf duudhaalee addaatiin badhaadhan keessaa kan argaman waan ta’aniif waan leenjicharraa argataniifi duudhaalee dhaalan walsimsiisuun tokkummaa nageenya ni hojjetu.

Akkuma taateewwan adda addaarraa hubachuun danda’amutti Raayyaan Ittisa Biyyaa bakka ittiramadame hundatti lubbuu ofii aarsaa gochuun ga’umsa olaanaadhaan ergamasaa naamusa olaanaafi ciminaan bahaa tureera; ammas ergamasaa kana jaalalaan bahachaa jira. Raayyaan Ittisa Biyyaa kan saba tokkoo osoo hintaane raayyaa yeroo kamuu Itoophiyaafi ummatashiitiif dursa kennuun tokkummaan birmadummaa biyyasaatiif gaachana ta’ee dhaabatuudha.

Haa ta’u malee gareen finxaaleyyii sabummaa dawoo godhachuun fedhii aangoosaanii ummatatti fe’uu barbaadan raayyaa lubbuu ofii aarsaa gochuun kabaja lammiileefi birmadummaa biyyaatiif dhaabatee abdiifi gaachana ta’e kana xiqqeessuuf saba tokkoo fakkeessuun ololawwan garagaraa oofaa turaniiru, jirus.

Finxaaleyyiin saba kamuu bakka hinbuune kunniin alaafi keessaa walgurmeessuun bajata guddaa ramadanii olola maqaballeessii facaasuun humna Raayyaa Ittisa Biyyaa laaffisuuf halkanii guyyaa wixxirfatu.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa aggaammii birmadummaa biyyaarratti taasifamu kan ittisu gaachana Itoophiyaa ta’uun hubatamee olola facaafamu kamuu akkuma sabaattuu fashaleessuun dirqama lammiilee hunda keenyaa ta’uu qaba. Nageenya keenya waaressuun tokkummaan finxalessitoota maqaa saboota kamuu qabatanii socho’an cabsuufi Raayyaa Ittisa Biyyaaf kabaja barbaachisu kennuun murteessaadha.

Kanaaf hawaasni akkuma kanaan dura raayyaasaa maallaqaafi qabeenyaan deeggaraa ture ammas tumsa barbaachisu taasisee kabaja Raayyaa Ittisaasaatiif qabu mul’isuun tattaaffii raayyichi nageenya biyyaa mirkaneessuuf taasisaa jiruuf kabaja; nageenya biyyaatiif sammuu; jaalala biyyaatiif ammoo onnee haa kenninu.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You