Kongirasiin Atileetiksii Addunyaa Daraartuu Tulluu badhaase

Finfinnee: Kongirasiin Atileetiksii Addunyaa pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa gargaartuu komishinaraa Daraartuu Tulluuf badhaasa “Pilaakiwu oof Meeriit” kenneera.

Gargaartuun Komishinaraa Daraartuu Tulluu badhaasa kana pirezidaantii federeeshinii Atileetiksii addunyaa Sabaastiyaan Koo harkaa fudhatteetti.

Badhaafni kun kan kennameef gumaacha Atileetiksii Addunyaafi Ispoortii Atileetiksiin taasifteen ta’uu federeeshinichi beeksiseera.

Kongirasiin Atileetiksii Addunyaa 54ffaa Haangaarii Budaapeestitti gaggeeffamaa ture murteewwan addaddaa dabarsuun har’a xumurameera.

Kongirasichi walgahii 55ffaa ALA bara 2025 Jaappaanitti akka taa’amu murteesseera.

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ Kongirasiin Atileetiksii Addunyaa Daraartuu Tulluu badhaase”

  1. Pingback: nagaway
  2. Pingback: 라이브스코어

Comments are closed.