“Hojiileen seeraafi sirna hojmaataa eeganii akka raawwataman gochuun sirna dimokraasii ijaaraa jirruuf utubaadha” – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan (Afyaa’ii Caffee)

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Kabajamtuu Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaani. Gaafdeebiin isaan dhimmoota adda addaarratti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisan akka armaan gadiitti dhiyaateeraa dubbiisa gaarii.

Bariisaa: Hojiilee guguddoo Caffeen Oromiyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiru maalfa’i?

Aadde Sa’aadaa: Ijaarsa sirna dimokraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, misooma si’essuufi ummanni sadarkaan irraa fayyadamu gama hawaasummaa, diinagdeefi siyaasaatiin fiduun amantaa ummataa cimsuun hojiilee guguddoo Caffeen Oromiyaa raawwataa jiruudha. Caffeen Oromiyaa waggoota lamaan darbanitti kaayyoowwan muummee ja’a giddugaleessa godhachuun hojjechaa ture.

Isaanis, dimokraasiifi bulchiinsa gaarii diriirsuu, mirga lammiiwwanii kabachiisuu, nageenya mirkaneessuu, qabeenyi ummataafi mootummaa seeraan hojiirra ooluufi dhabuu to’achuufi hordofuu, hojiileen seeraafi sirna hojimaata eeganii raawwatamaa jiraachuufi dhiisuu hordofuu, kallattiin misoomaa haqaqabeessaafi si’ataan jiraachuufi qaamolee mootummaa gidduu qindoominni hojmaataa jiraachuu mirkaneessuudha.

Bariisaa: Hojiilee dimokraasiifi bulchiinsa gaariirratti raawwatamaniin bu’aan galmaa’e akkamitti ibsama?

Aadde Sa’aadaa: Oromoon ummata aadaa, duudhaafi sirna ittiin bulmaataa boonsaa qabuudha. Oromoon kaleessa Sirna Gadaa bu’uura sirna dimokiraasii addunyaa ta’een of bulchaa ture. Har’as taanaan ummanni keenya aadaa, duudhaafi sirna gabbataa kanaan akka walbulchuuf hojjetamaa jira.

Sirna Gadaa bu’uura godhachuudhaan dhimmoota guguddoo dimokraasii biyyaa ijaaruuf gargaaranirrattis xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Seeronni ba’anis duudhaa keenya ganamaatti haadeebinu ilaalcha jedhu qabannee sirna ijaaraa jirruuf karaa bu’uura cimaa ta’uu danda’uun, gaaffiifi komii deebisuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu danda’uun hojjetamaa jira. Dimokraasiifi bulchiinsa diriirsuufi mirkaneessuun, gaaffii ummataa deebi’eefi hindeebine adda baasuun dhimmoota guguddoo xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiraniidha.

Caffeen Oromiyaa ergamasaa bahachuuf bu’aawwan guguddoo galmeessiseera. Humna mootummaa qofaan karoora qabanne milkeessuu waan hindandeenyeef ummanni hojii misoomaarratti bal’inaa akka hirmaatu taasifameera. Kenna Tajaajila Lammummaatiin walqabatees seerri baheera.

Kanaanis ummatichi humna, qabeenyaafi beekumsa qabu qindeessuun rakkoosaa waloo akka furatu taasisaa jira. Keessumaa manneen barnootaatti bu’aa qabatamaan galmaa’aa jira. Manneen Barnootaa Bu’uura Boruufi dareen dabalataa hedduun ijaaramaniiru.

Ummanni dhiyeenyumasaatti baasii malee akka haqasaa mirkaneeffatuufis manni murtii aadaa hojjetaa jira. Kanaanis uammanni haqasaa yeroo gabaabaa keessatti akka mirkaneeffatu ta’eera.

Maanguddoonniifi abbootiin seeraa mana murtii aadaa keessa hojjetan rakkoo waloo keenyaa akkaataa aadaafi duudhaatiin furachuu qabna jedhanii beekumsaafi yeroosaanii aarsaa gochuun, rakkoo waloo furuun haqa mirkaneessaafi araara buusuun nageenya waloo mirkaneessaa jiru.

Hojiin gama kanaan raawwatamaa jiru kan abdii namatti horuufi ummanni naannawumasaatti haqasaa akka argatu taasisaa kan jiruudha. Sirna ijaaraa jirru keessatti bulchiinsa gaarii mirkaneessina yeroo jennu yaadama aadaafi duudhaa keenya ganamaatti haadeebinu jedhu waliin kan deemuudha.

Buusaa Gonofaan erga hundaa’ee waggaa tokko keessatti hojiilee bal’aa hojjeteera. Uummanni balaa hongeef saaxilame ture akka hinmiidhamneef qaqqabeera. Sirni Buusaa Gonofaa ummata Oromiyaarra darbee sadarkaa biyyaafi Afrikaatti tajaajila si’ataa, qulqullina qabu ga’umsaan akka kennuuf Caffeen Oromiyaa to’annoofi hordoffii barbaachisu taasisaafii jira.

Dhimmoonni hirmaannaafi walitti dhufeenya ummata keenyaa cimsuu danda’anirrattis bal’inaan irratti hojjetamaa jira. Sirni kun cimee sadarkaa barbaadamurra akka ga’u taasisuuf to’annoofi hordoffiin barbaachisaan taasifamaa jira. Naannoleen ollaallee sirni kun nu fayyada jedhanii akka ofitti fudhatan taasisuufis hojjetamaa jira. Sirnichi dhaloota har’aa qofa utuu hintaane egereefis bu’uura cimaa ummanni keenya rakkoo waloosaa ittiin furachuu danda’u ta’eeti tajaajilaa kan jiru.

Bariisaa: Bu’aalee hojiilee gama mirga lammiilee kabachiisuuf raawwatamaniin argaman nuu eeraamee?

Aadde Sa’aadaa: Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Sirna dimokraatawaafi federaalawaan bulan qabiinsa mirga namoomaatiif iddoo guddaa kennu. Itoophiyaan mirgoota lammiilee kabajuufi kabachiisuuf waliigaltee idiladdunyaa mallatteessiteetti.

Heerri biyyattiis ta’e mootummaa naannoo Oromiyaa waa’ee qabiinsa mirga lammiilee kana ifatti kaa’eera. Koreen dhaabbii keenyas haalli qabiinsa mirga lammiilee maal akka fakkaatu bakkeewwan adda addaatti qaamaan argamuudhaan to’annoofi hordoffii cimaa jabeessaa hanqinni akka sirratuuf kallattii kennaa jira.

Bakkeewwan rakkoon qabiinsa mirga namaa mul’atan keessumaa tokko Mana Amala Sirreessaarratti iddoon nyaataa, ciisichaafi qulqullina naannawaan walqabatee komiiwwan gara garaa ka’aa turaniiru.

Yeroon dhiifamaa sirreeffamtootarra darbuunis bara darbe bal’inaan ka’aa tureera. Rakkoo qabiinsa mirga lammiileetiin walqabatee ka’aa ture qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun to’annoofi hordoffii taasisuudhaan bara darbe sirreeffamtoota kuma sadii oliif dhiifamni taasifameera.

Sirreeffamtoonni turtii mana sirreessaa keessatti dabarsaniin qabiinsi mirgasaanii akkaataa itti yakkasaaniirraa barachuu danda’aniin ta’uu qaba. Sirreeffamtoonni turtiisaanii mana sirreessaa keessatti dabarsaniin ogummaawwan gara garaa gonfatanii ba’uu qabu.

Sirreeffamtoonnis yeroo mana sirreessaatii ba’an ogummaa horataniin hojii dhuunfaasaanii ummachuu qabu. Manneen sirreessaa baay’een kolleejjiifi iddoo bashannanaa fakkaatan jiraachuu hordoffii keenyaan adda baasneerra. Sirreeffamtoonni gaaddisa seeraa jala waan jiraniif haala qabiinsa mirgasaaniif xiyyeeffannaan kennamuu qaba.

Manneen sirreessaa keenya baay’ee keessatti jijjiiramni gaariin jiraatus bakkeewwan ammallee xiyyeeffannaa barbaadan waan jiraniif xiyyeeffannaan irratti hojjechuu barbaada. Manneen sirreessaa kutaa dhiphaa qabaniifi keessumaa bakka dubartoonni daa’imman qaban keessatti sirreeffaman akka sirrataniif kallattiin taa’ee irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Bu’aan hordoffiifi to’annoo qabeenya ummataafi mootummaarratti taasifameen argame hoo akkamitti ibsama?

Aadde Sa’aadaa: Caffeen Oromiyaa hojiilee karoorfaman raawwachuudhaaf bajata ni raggaasisa. Bajanni ragga’eefi qabeenyi mootummaa ummatarraa sassaabamu hojiilee karoorfamaniif ooluufi dhiisuus ni hordofa. Bajanni ragga’e seerota bulchiinsa faayinaansii eegee waan karoorfameef qofaaf oolee fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessuuf yeroo yeroon ni hordofa.

Horataalee mootummaafi ummataarratti qindoominaan hojjennee bu’aa caalu haa galmeessisnu miira jedhuun bara darbe sektaroota 13 waliin sanada waliigaltee mallatteessinee Caffeen abbummaan qabatee hojii raawwatamaa tureen jijjiiramni guddaan mul’achaa jira.

Xiyyeeffannoo hoggansaa dhabuudhaan qisaasamni babal’achaa jiraachuufi duubdeebii Argannoo Odiitiin Muummichaa kennu sirnaan hojiitti hiikuu dhabuun, baasii hojiilee raawwatamaniif ba’an sirnaan galmeessuu dhabuun, dokimantii sirnaan qabuu dhabuun, abbummaan hogganuu dhabuun rakkoolee sadarkaa naannoo, godinaafi aanaatti bal’inaan mul’ataniidha.

Sababa kanaan waggaa waggaan qarshii guddaatu qisaasa’aa jira. Qarshiin ni kaffalama ykn walittiqabama jedhamee bara baraan naanna’aa deemuufi odiitiin muummichaa ragaa irratti qabaa deemurratti xiyyeeffannaan hojjechaa deemuun barbaachisaadha.

Rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf koreen hundaa’ee sosochii cimaa uumuudhaan bara 2014 qarshii biliyoona 3.9 deebisuun danda’ameera. Bara 2015 ammoo qarshii biiliyoona 7.4 deebisuun danda’ameera. Kun to’annoofi hordoffiin qabeenya mootummaarratti taasifamaa jiru xiyyeeffannoo argachuu agarsiisa.

Waggoota lamaan darbanitti manneen hojii mootummaa duubdeebii odiitiin muummichaa kenne hojiirra akka oolchaniif hojii bal’aan raawwatameera. Hojii to’annoofi hordoffii waggoota lamaan darban qabeenya mootummaarratti taasifamaa turaniin qarshii biiliyoona 11.3 sanadaafi maallaqaan deebisuun danda’ameera. Hojiin kun gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’a. Bakka qabeenyi mootummaafi ummataa seeraan ala hojiirra oolchuun mul’atutti ammoo ittigaafatamummaan akka jiraatu taasisuurratti xiyyeeffannee ni hojjenna.

Bu’aan odiitii muummee waggoota dheeraadhaaf hojiirra oolaa waan hinturreef qisaasamni qabeenya mootummaafi ummataa dabalaa akka dhufu taasiseera. Qabeenya labsamu keessaa %50 gadi qisaasa’aa ture. Qisaasama qabeenyaa kana hambisuuf Caffeen, hoggantoonni bajata ramadameef bulchaniifi odiitiin muummichaa qindoominaan waliin hojjechaa jiru.

Koreen sirna ittifayyadama bajata mootummaa hordofuufi to’atus hundaa’ee hojii jalqabeera. Sektaroota gurguddoo kanneen akka Biiroo Barnootaafi Fayyaarratti qisaasama bajataa guddaatu mul’achaa ture. Qisaasamni kun fakkeenyaaf kan Biiroo Fayyaa yoo fudhanne, qorichoonniiifi meeshaaleen yaalaa gara garaa bituufi hospitaala ijaaruun ragaa itti fayyadama bajataa sirnaan buusuu dhabuurraa madda.

Barana garuu to’annoofi hordoffii Caffichi taasisaa tureen yeroo ji’a tokko hinguunne keessatti qarshii biiliyoona buusuun hojii guddaa kan hojjete Biiroo Fayyaati. Qisaasama bajata mootummaarratti mul’achaa jiru xiqqeessuuf hundumtuu gahee isaa bahachuu qaba. To’annoofi hordoffiin gama kanaan jirus cimee kan ittifufu ta’a. Sirna ittigaafatamummaa cimsuudhaan qisaasama bajataa xiqqeessuun danda’ameera. Hojiin kun bara 2016s cimee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: Hojiileen seeraafi sirna hojimaata eeganii akka raawwatamaniif hordoffiin taasifamu maal fakkaata?

Aadde Sa’aadaa: Hojiiileen seeraafi sirna hojimaataa bu’uura godhachuun hojiirra ooluufi dhiisuu kan hordofuufi to’atu qaamolee mootummaa sadani. Hojiileen seeraafi sirna hojmaataa bu’uura godhachuun akka raawwataman gochuun hojii fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi sirna dimokiraasii ijaaraa jirruuf utubaadha.

Hojiileen seeraafi sirna hojmaataa eeganii akka raawwataman taasisuun rakkooleen nageenyaa, misoomaa, siyaasaafi dinagdee akka furamaa deeman taasisa. Sirni wal hordofuufi to’achuu (Check & Balance) qaamolee mootummaa gidduutti diriires aangoon qoodame karaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun hojiirra ooluusaafi ijaarsa sirna dimokraasiif utubaa ta’ee tajaajila.

Bariisaa: Kallattiin misoomaa haqaqabeessaafi si’aayaan akka jiraatuuf hojiin to’annoofi hordoffii ture maal fakkaata?

Aadde Sa’aadaa: Qabeenya xiqqaa ummatarraa walittiqabamu, deebi’ee hojii misoomaaf akka oolu taasisuun gahee mootummaati. Caffeen Oromiyaa hojiileen misoomaa karaa haqa qabeessa, ariifataafi qulqullina qabuun hojjetamanii fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessaniif hordoffiifi to’annoo ni taasisa. Gaaffiilee misoomaa ummanni dhiyeessu keessaa kan dursa argachuu qabuuf dursi kennamee hojjetamaa jirra. Hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran ammoo hangam ummata fayyadamaa taasisaafi mootummaa waliin walitti dhiyeessaa jiru jechuun madaalamu.

Bariisaa: Qindoominni hojimaataa qaamolee mootummaa gidduu jiru maal fakkaata?

Aadde Sa’aadaa: Biyya sirna dimokiraasiin bultu keessatti hundeefamni mootummaafi qaamoleen mootummaa sadan (kan seera baasu, hiikuufi raawwachiisu) jiraachuun murteessaadha. Qaamoleen mootummaa daangaa aangoofi gahee heeraan kennameef akka raawwatan qaamni hordofuufi to’atu jiraachuu qaba. To’annoofi hordoffii qaamolee mootummaa sadanirratti taasifamuun, aangoon qaama tokko biratti garmalee kuufamee akka hinteenye daangessuuf, dhiibbaa ittifayyadama aangootiin walqabatee dhufu hir’isuufi murteewwan fayyadamummaa ummataa giddugaleessa godhatan akka darban taasisuuf gargaara.

Aangoon kan ummataati. Caffeen Oromiyaa ammoo bakka bu’aa ummataati. Qaamni ummata bakka bu’e fedhiifi faayidaa ummatichaatiif hojjeta. Caffeen Oromiyaa to’annoofi hordoffii geggeessu keessatti misoomni ariifachiisaafi qulqullina qabu kan ummanni sadarkaa sadarkaan irraa fayyadamu jiraachuu hordofa. Keessumaa Caffeen bara hojii ja’affaa kun waggaa shanan kana akka waggaa 25tti itti haafayyadamnu jechuun hojiilee akka mootummaatti karoorfaman xiiqiifi kutannoo cimaan hojjechaa jira.

Rakkoolee mul’atan atattamaan furaa deemuun, hojiilee gaggaarii ummanniifi mootummaan waliin hojjetaa jiraniif beekamtii kennuufi hirmaannaa hawaasni hojiilee misoomaarratti qabu daran cimsaa deemuunis hojiilee xiyyeeffannaa olaanaan irratti hojjetamaniidha.

Bariisaa: Yaa’ii idilee 5ffaa Caffeen Oromiyaa tibbana taa’amerratti dhimmoonni guguddoon mariif dhiyaatan maalfaadha. Kallattiilee ijoo kaa’ames otoo nuu eertanii?

Aadde Sa’aadaa: Caffeen Oromiyaa tibbana yaa’ii idilee 5ffaa adeemsiseera. Yaa’icharratti ciminoonniifi hanqinoonni raawwii hojii bara 2015rratti mul’atan ka’anii marii bal’aan irratti taasifameera.

Dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadanirrattis kallattiin taa’eera Fakkeenyaaf olaantummaa seeraa mirkaneessuun rakkoo nageenyaa mul’atu furuuf mootummaan naannichaa qaama hidhatee bosona jiruuf waamicha taasiseera. Qaamni hidhatee maqaa Oromootiin qabsaa’u karaa nagaan akka qabsaa’uuf mootummaan naannoo Oromiyaa yeroo lama Yaa’ii Caffeerratti waamicha taasiseeraaf.

Kan miidhamaa jiru ummataafi dinagdee nannoo keenyaa waan ta’eef qaamni maqaa Oromootiin qabsaa’aa jiru waamicha mootummaan taasiseef fudhatee gara araaraatti yoo dhufan rakkoon nageenyaa Oromiyaa keessa jiru ni furama.

Ummanni Oromoo, aadaa, duudhaafi safuu qaba. Abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqeefi maanguddoonni Oromoo mari’atanii rakkoosaanii furachuu waan danda’aniif utuu yeroo itti hinkenniin rakkoon nageenyaa kun akka furamuuf gumaacha irra eegamu bahachuu qabu.

Yeroo Oromoon biyya bulchaa jirutti qaamni maqaa Oromootiin qabsaa’u ummatarratti dhiibbaa uumuu waan hinqabneef sochiin araaraafi nageenyaa eegalame cimee kan ittifufu ta’a. Ummanni keenya sadarkaa sadarkaan jirus sochii araaraa kanarratti gaheesaa bahachuu qaba.

Yeroon kun yeroo itti ummanni gamaafi gamanaa walwaraanu utuu hintaane yeroo inni itti taa’ee mari’atee murtee tokkoon yaada biyya kana tarkaanfachiisuu danda’u itti burqisiisee biyya kana ceesisuudha. Mootummaan naannoo keenyaas ta’e federaalaa nageenyaaf karaa bananii socho’aa jiru. Caffeen Oromiyaa sochii nageenya mirkaneessuuf taasifamaa jiru deggaraafi hordofaa jira.

Ummanni Oromoo kaleessa aadaa, duudhaafi tokkummaasaatiin beekama. Ummanni Oromoo rakkoosaa gaaddisa jala taa’ee itti mari’atee furatu qaba. Sirnaafi Abbaa Gadaa gidduu taa’ee isa mariisisu qaba. Oromoon tokkummaa isaatiin dhiibbaawwan gara garaa irra gahaa ture dandammatee har’a gaheera.

Har’as tokkummaa keenya ganamaatti haadeebinu jennee hojii hojjetaa jirruun tokkummaan ummata Oromoo cimaa jira. Tokkummaa ummataa kana caalaatti mirkaneessuuf ammoo qaamni maqaa Oromootiin qabsaa’aa jiru taa’ee waliin mari’atee yaadaan waliigalee gara nageenyaatti akka dhufuuf abdii qabna.

Oromoon dhalasaa mitii qaamolee waldhaban biraayyuu ni araarsa. Ummanni nageenya, araara, misoomaafi tokkummaa waan barbaaduuf dhimmoota kanneenirratti waliigaluun faayidaa ummataa mirkaneessuun barbaachisaadha. Kanaafuu qaamni araaraaf waamichi taasifameef waamicha araaraa kana fudhatee akkaataa araarriifi nageenyi bu’uu danda’urratti mari’achuun barbaachisaadha.

Sababa rakkoo nageenyaa kanaan miidhamaa kan jiru ummata qulqulluu, mucaa, haadha deesse, abbaa, maanguddoofi dargaggoota boru biyya kana bulchuufi jijjiiruu danda’antu dhabamaa jira waan ta’eef rakkoo nageenyaa karaa nagaa, mariifi araaraan furuun barbaachisaadha. Caffeen Oromiyaa bakka bu’aafi gaaddisa Oromoo waan ta’eef dhimma araaraa kana cimsee kan deggaru ta’a.

Tarsiimoo ijaarsa dhalootaa dorgomaa ta’e uumuun, aadaa qusannoo hawaasaa daran cimsuun, makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuufi galteewwan qonnaa dhiyeessuun omishaafi omishtummaa qonnaa daran guddisuun kallattiiwwan yaa’icharratti taa’aniidha.

Bariisaa: Sochiin Caffeen bakkabu’ummaasaa mirkaneessuuf taasisaa ture akkamiin ibsama?

Aadde Sa’aadaa: Koreewwan dhaabbiifi miseensonni Caffee bara 2015 keessa hojiilee bal’aa raawwataniiru. Koreewwan dhaabbii Caffee godinaalee 19, aanaaleefi magaalota 61fi gandoota 141 keessatti qaamaan gad bu’uudhaan ummata waliin marii adeemsisuun sadarkaa hojiileen misoomaa irra jiran daawwataniiru. Koreewwan dhaabbii hojiilee misoomaa gaggaarii mootummaafi hirmaannaa ummataatiin raawwatamaniif beekamtii kennuun bakka hanqinni jirutti ammoo xiyyeeffannoon itti kennamee akka hoogganamuuf hordofaafi to’ataa turaniiru.

Kunis hojiilee bara 2014fi 2015 raawwataman gidduutti jijjiiramni guddaan akka mul’atu taasiseera. Humni waa karoorsuufi raawwachuu mootummaa naannichaas dabalaa dhufeera. Mootummaanis gaaffii misoomaa ummatni kaasu deebisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira. Hojiileen misoomaa sadarkaa sadarkaan raawwatamanis qabatamaan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuudhaan mootummaafi ummata kan walitti dhiyeessaniidha.

Caffeen bara hojii 6ffaa kun hojmaata haaraa diriirsuudhaan bakka bu’aan ummataa qaamaan ummata isa filate gidduutti argamee gaaffiifi komii ummataa dhaggeeffatee waliin akka hojjetu ta’eera. Waajjiraaleen naannoo filannootti akka hundaa’an ta’eera. Waajjiraalee hundaa’an keessaa 143 hojii keessa seenaniiru. Waajjiraaleen naannoo filannootti hundaa’uun ummanni naannawichaa walittidhufee gaaffiilee misoomaafi dhimmoota waloosaarratti akka mari’atuufi miseensonni Caffee rakkoo, yaadaa, komiifi gaaffii ummataa akka dhaga’aniif carraa gaarii uumeera.

Miseensi Caffee waggaatti yeroo lama qaamaan ummata bira gahee yaada, komiifi gaaffii ummanni qabu dhaggeeffatee irratti ni mari’ata. Ummanni hojiilee gaggaarii raawwatamaniif beekamtii kennaa, bakka hanqinni mul’atutti ammoo gaaffii bal’inaan kaasaa tureera.

Miseensonni Caffee bara 2015 qofa qaamaan ummata kuma 730 ol bira ga’aniiru. Mariin yeroo geggeeffamutti bakka bu’oota ummatarraafi qaama dhaggeeffachuu barbaadu hirmaachisuun geggeeffamaa ture. Gaaffii, komiifi rakkoo ummanni yeroo marii kaase kan sadarkaa aanaafi godinaatti deebii argachuu hindandeenye waajjira Caffeetiin qindaa’ee sektaroota hundaaf raabsamee sadarkaa Caffeen irratti mari’atee deebii akka argatu ta’a.

Hojiilee Caffeen Oromiyaa raawwataa jiru keessaa tokko dandeettii raawwachiisummaa miseensotaa, koreewwan dhaabbii, ogeeyyii Caffee, manneen marii sadarkaan jiraniifi qaamolee Caffeef ittiwaamaman cimsuudha. Dandeettii raawwachiisummaa qaamolee kunneenii cimsuuf leenjistoota biyya keessaafi biyya alaatiin mata dureewwan gara garaarratti leenjii akka argatan ta’eera. Koreewwan dhaabbii to’annoofi hordoffii raawwii hojii taasisanirratti hubannoofi beekumsa guutuu akka qabaataniif leenjiin kennameeraaf. Leenjiin kun gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: To’annoofi hordoffii keessumaa damee qonnaa, barnootaafi galiirratti taasifameen bu’aan galmaa’e akkamitti ibsama?

Aadde Sa’aadaa: Caffeen hojiilee ummata bakka bu’e biratti fudhatamummaa qabu hedduu raawwataa jira. Mootummaan naannoo Oromiyaas rakkoolee ummataa hundeerraa furuuf maaltu sirraa’uu akka qabu adda baasee xiyyeeffannaan irratti hojjechaa jira. Gama damee qonnaatiinis hojii bal’aan raawwatameera. Omishni qonnaan bulaan keenya kaleessa omishaa ture maatiisaarra darbee gabaaf kan dhiyaatu hinturre. Mootummaan qonna naannichaa ammayyeessuuf makkaanaayizeeshinii qonnaafi galteewwan qonnaa dhiyeessuudhaan omishaafi omishtummaan qonnaa akka guddatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira. Qonnaan bulaan keenyas omisha maatiisaarra darbu omishee gabaa biyya keessaafi alaatiif dhiyeessaa jira.

Hojiileen gama damee barnootaatiin raawwatamaniinis bu’aawwan guguddoon galmaa’aa jiru. Dhaloota boriitiif amma haa hojjennu jechuun hojii dhalootarratti hojjetamaa jiruun daa’immaniif xiyyeeffannaan kennamee irratti hojjetamaa jira. Manneen barnootaa dorgomaa taasisuufis hojiilee hojjetamaa jiraniin bu’aawwan guguddoon galmaa’aa jiru.

Hayyoonni bor biyyattii ceesisuu danda’an manneen barnootaa keessaa waan ba’aniif damee barnootaaf xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Barnoonni sektaroota hiyyummaa hir’isan keessaa tokko waan ta’eef xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamaa jira.

Barnootarratti hojjechuun rakkoo hiyyummaa, boodatti hafummaa, dinagdeefi siyaasaa furuu keessatti humna guddaa waan qabuuf to’annoofi hordoffii cimaadhaan irratti hojjetamaa jira. To’annoofi hordoffiin kun manneen barnootaa naannicha keessa jiran hundatti bifa walfakkaatuun adeemsifamaa jiraachuu dhabuun ammoo dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qabuudha.

Galiin naannichaa waggoota sadan darban dabalaa jira. Gaaffiifi galii ummanni misoomaaf qabu deebisuudhaaf humna galii naannichaa caalaatti cimsaa deemuun barbaachisaadha. Hojii galii guddisuurratti hojjetamaa tureen, bajanni naannichaa gara qarshii biliyoona 220 olitti guddateera. Humni dinagdee naannichaa sadarkaa kanatti guddachuun ammoo wantoota karoorsine qixaan akka xumursiifnuuf humna guddaa nuuf ta’eera.

Bariisaa: Rakkoo kenna tajaajilaa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Sa’aadaa: Kenni tajaajilaa hojjii raawwatamu kamuu keessatti murteessaadha. Kenna tajaajilaa sektarootni mootummaa kennan gara garaa irratti garuu komii bal’aatu jira. Tajaajilamaa fuula gaariin simatanii keessummeessuu dhabuun, abbaa dhimmaa deddeebisuufi harka ilaaluufi tajaajila maallaqaan bitachuun sektaroota mootummaa garaa garaa keessatti ni mul’ata. Rakkoon kenna tajaajilaa qaamni mana hojii tokko hogganu ittigaafatamummaa itti kenname dagachuu, sirnaan ba’achuu dhabuurraa madda. Sochii rakkoo kenniinsa tajaajilaa furuuf sadarkaa sadarkaan taasifamaa tureen qaamolee rakkoo uuman adda baasuun hojiirra ari’uun, of eeggannoo irratti barreessuufi mindaadhaan akka adabaman ta’aa tureera. Sammuun namaa amanee yoo hinfudhanne adabbiin qofti nama barsiisuu hindanda’u. Rakkoon kenna tajaajilaa furamuu kan danda’u yoo qaamni tajaajila kennu miira haqummaan ummata tajaajiluu gabbifate qofa.

Rakkoon kenna tajaajilaa ammayyuu sektaroota lafaafi dhimma ummataan walqabatan keessatti bal’inaan ni mul’ata. Rakkoo kenna tajaajilaa kana hirmaannaa uummataatiin ala furuun waan hindanda’amneef bal’inaan irratti hirmaachuu qaba. Ummanni qaamolee kenna tajaajilaarratti rakkoo uuman eeruun saaxiluu qaba.

Hogganaan rakkoo kenna tajaajilaa furuurratti duubatti kan jedhu yoo ta’e ofiis harka keessaa qaba jechuudha. Abbaan dhimmaa kamuu qaama isa deddeebisuufi harka isa ilaaluun kenna tajaajilaarratti rakkoo uumu saaxiluu qaba. Rakkoo kenna tajaajilaarratti mul’atu furuun kan danda’amu yoo hunduu irratti dammaqeefi irratti qabsaa’ee gahee irraa eegamu bahate qofaadha.

Bariisaa: Rakkoo qaala’ina jireenyaa furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Aadde Sa’aadaa: Qaala’inni jireenyaa akka biyya keenyaattis ta’e addunyaatti rakkoo guddaadha. Rakkoo kana furuun kan danda’amu omishaafi omishtummaa keenya guddisuufi karaa seeraan alaa akka hindeemne ta’uu qaba. Qaamolee omisha dhoksanirratti qabsaa’uufi eeruu kennuunis barbaachisaadha.

Rakkoo qaala’ina jireenyaa kana furuuf omishaalee biyya keessaa guddisuufi kan alaa galan hir’isuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Namoonni harka qalleeyyiin rakkoo qaala’ina jireenyaa kanaan akka hinmiidhamneefis xiyyeeffannaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Hojjettoota mootummaaf ammoo karaa waldaalee gara garaa omishaaleen akka dhiyaataniif haala mijeessuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Komii hanqina dhiyeessii qorichaafi meeshaalee yaala fayyaa furuuf hordoffii taasifameen bu’aan argame yoo jiraate?

Aadde Sa’aadaa: Hanqinni dhiyeessii qorichaa ummanni keenya qarshii humnaa oliin qoricha alaa akka bitu taasiseera. Rakkoo dhiyeessii qorichaa kana furuuf Manneen Qorichaa Moodeela Hawaasaa (Community Pharmacy) magaalota keessatti babal’isuun bara 2013tti 32 irra kan turan xumuura bara 2015tti 356 irraan gahuun danda’ameera. Kunis rakkoo dhiyeessii qorichaan walqabatee jiruufi alseerummaa gama kanaan mul’atu furuun ummanni keenya gatii madaalawaan bitatee akka itti fayyadamuuf carraa bal’aa uumeera.

Komii hanqina meeshaalee yaalaan walqabatee jiru furuuf buufataalee fayyaa hawaasa bal’aa keessumeessan 158 keessatti meeshaaleen yaalaa akka ‘Altra Saawundii’ akka galan taasifameera. Hospitaalota ijaarsisaanii xumuramee hanqina meeshaalee yaalaa qabanis akka guutamuuf ta’eera.

Bariisaa: Komii kenna tajaajila geejjibatiin walqabatee jiru furuuf to’annoofi hordoffiin jiru maal fakkaata?

Aadde Sa’aadaa: Komii kenna tajaajila geejjibatiin walqabatee jiru bu’uurrarraa hiikuuf buufata konkolaataa keessatti tajaajila geejjiba teknoloojii diijitaalaan (E-Tickting)n deeggarame buufataalee gurguddoo akka Adaamaa, Shashamannee, Bishooftuu, Roobee, Mojoofi kanneen biroo keessatti hojiiirra akka hojiirra oolan ta’eera. Ijaarsi Buufataalee konkolaataa Adaamaafi Shaashamannee harkifateefi madda komii hawaasaa tures barana xumuurameera.

Bariisaa: Maniiwwan imala badhaadhinaa milkeessuuf deggarsi Caffeen taasisaa jiru akkamitti ibsama?

Aadde Sa’aadaa: Galmoota karoora imala Badhaadhinaa qabaman keessaa inni ijoon misooma ariifataafi dam-daneessa ta’e fiduun jijjiirama hawaasa keenyaa dhugoomsuudha. Galma qabame kana milkeessuuf ammoo, yaada, beekumsa, humnaafi qabeenyaa keenya qindeessuun jijjiiramaafi ce’uumsa diinagdee dam- daneessaa mirkaneessu qabna. Karoora hiixataa qabame baajata mootummaa qofaan raawwachuun waan hindanda’amneef ummata bal’aa hirmaachifnee hojjechu qabna.

Mootummaafi ummanni qindoominaan wal utubanii hojjechuun jijjiirama yaadame akka fidaniif Caffeen Oromiyaa riqicha ta’ee tajaajilaa jira. Hojii qindoominaan hojjetamaa jiru kanaanis, qormaatilee adda addaa nu mudatan dandamannee injifannoowwan adda addaa galmeessuu irratti argamna.

Bariisaa: Kallattiin hojii caffee bara 2016 maal maalirratti xiyyeeffata?

Aadde Sa’aadaa: Sirna dimokiraasii dagaagsuun, bulchiinsa gaarii mirkaneessuun, wabii nyaataa mirkaneessuun, omisha alaa galu kan biyya keessaan bakka buusuun, alergii guddisuun, carraa hojii bal’aa uumuun, dhaloota dorgomaa ta’e ijaaruun, galii naannichaa guddisuun hojiilee ijoo bara dhufu xiyyeeffannaan irratti hojjetamaniidha.

Karoora Imala Badhaadhinaa Waggaa 10f qabame keessaa bara 2016 kan waggaa 4ffaa raawwachuuf hojiitti seennee jirra. Caffeen Oromiyaa, karoorri bara kanaa ‘Karoora Xiiqii’ jedhamee akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hojiirra akka ooluuf Yaa’ii Idilee 5ffaa darbe irratti raggaasisuunsaa ni yaadatama.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

7 Comments to “ “Hojiileen seeraafi sirna hojmaataa eeganii akka raawwataman gochuun sirna dimokraasii ijaaraa jirruuf utubaadha” – Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan (Afyaa’ii Caffee)”

  1. Pingback: Study in Africa
  2. Pingback: Dan Helmer
  3. Pingback: sex 12 tuổi

Comments are closed.