“Gaaffiin kamuu deebii kan argatu hokkoraan osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuuni” – Sammaa Xurunaa (PhD)

Finfinnee: Gaaffiin kamuu deebii kan argatu hokkoraan osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuun ta’uu mootummaan Naannoo Amaaraa beeksise.

Haalli nageenya Naannoo Amaaraa boora’uu erga eegalee bubbuleera. Kanaan walqabatee, hoggantoota poolisii naannichaa sadarkaa garagaraarratti argamanirratti ajjeechaan gara jabeenyaa raawwatamaa ture. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa damee naannichaa Obbo Girmaa Yashiixilaa haaluma kanaan galaafatamuunsaanii nama hunda biratti rifaatuu guddaa uumee ture.

Mootummaan naannichaa rakkoolee walajjeechaaf sababa ta’an mariidhaan furuuf yeroo garagaraa waamicha taasisaa ture. Ta’us rakkoon naannoo Amaaraa mariidhaan haa hafuutii seera kabachiisuufuu humna mootummaa naannichaa ol ture.

Mootummaan federaalaas rakkoon mudate kun sadarkaa naannichaatiin akka furamuuf badiiwwan uumamanillee obsaafi gorsaan bira taraa ture. Ajjeechaan qondaaltota mootummaarratti taasifamuufi saamichi daangaa darbe, oolee bulee tibbana addababa’iitti ba’uun badii lubbuufi mancaatii qabeenya hedduuf sababa ta’eera.

Waamicha naannichi taasiseen mootummaan federaalaa dhimma kana gidduu seenee tasgabbeessuu danda’eera. Mootummaan naannichaas haala mudate ibsuu yaaleera.

Sadarkaa pirezidaantii ittaanaa naannichaatti Qindeessaan Kilaastara Dhimmoota Bulchiinsaa Sammaa Xurunaa (PhD) ibsa tibbana miidiyaaf kennaniin, namni gaaffii qabu kamuu hokkoraan osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuun deebii kan argatu ta’uu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, gartuun hidhatee hokkora uumaa jiru saamicha raawwachuun naannicha giddu gala jeequmsaa gochuuf sochii taasisaa tureera. Hokkorri uumame kunis sochii idilee ugguruurra darbee badii lubbuufi qabeenyaaf sababa ta’eera.

Gartuun saamichaaf gurmaa’e kun wayita qonnaan bulaan misooma qonnaan muddamaa jirutti waraana banuun diinummaa ummataaf qabu mul’iseera kan jedhan Doktar Sammaan; sanyii filatamaafi xaa’oon akka qonnaan bulaa hindhaqqabne ugguruun ala saamicha raawwachuusaas himaniiru.

Murnoonni humnoota hidhatanii hokkora uumaa jiran deeggaran gaachana birmadummaa biyyattii kan ta’e raayyaa ittisa biyyaa maqaa balleessuurratti fuulleffatanii hojjetaa jiraachuu yaadachiisaniiru. Haa ta’uutii raayyaan ittisa biyyaa naannichatti nagaafi tasgabbii buusuun nageenyi waaraa ummataa akka mirkanaa’u taasisuu dubbataniiru.

Ummatni naannichaas nagaafi tasgabbii buusuu keessatti tumsa inni raayyaa ittisa biyyaaf taasiseef galateeffataniiru. Nageenya naannichaa waaressuuf sochii taasifamu keessatti ummatni tumsa eegale cimsee akka ittifufus gaafataniiru. Olola kamiinuu osoo hinburjaaja’iin yakkamtoota seeratti dhiyeessuurrattis deeggarsa taasisaa jiran cimsanii akka ittifufan dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015

Recommended For You

5 Comments to “ “Gaaffiin kamuu deebii kan argatu hokkoraan osoo hintaane nageenyaaf dursa kennuuni” – Sammaa Xurunaa (PhD)”

Comments are closed.