Kutaa xumuraa
Holqi iddoo uumamaa lafa jalaa qaawwa qabuudha. Karaa dhiphoo (koridoorii)fi golee (holqa) qabaachuu danda’a. Yeroo baay’ee kan uumaman bishaan asiidii (dhadhaa) lafa jalaa dhagaa lallaafaa kan akka dhagaa nooraa yeroo balleessuudha. Dhagaa jabaa kanneen akka giraanaayitii qofatu hafa. Holqi yeroo balaa uumamaa kan akka kirkira lafaa ykn bubbeefi qilleensa qorraatiin uumamuu dandaʼa. Holqi uumamuu kan akka istalagmaayitiifi istaalaaktii of keessaa qabaachuus danda’a.
Isaan kunneen waggoota kumaatamaan lakkaa’aman bishaan dhangala’ee kuufama albuudaa dhiisuun kan hojjetamanidha. Uumamoonni hedduun naannoo seensa holqa keessa jiraatu, fakkeenyaaf bofa, hantuuta, simbira halkaniifi ilbisoota. Holqa keessatti gadi fageenyaan bineensoota muraasa qofatu argama. Yeroo baay’ee battee holqaa keessa jiraatu. Uumamni beekamaan holqa keessatti argamu kan biraan immoo cirracha holqa keessaa (cave crickets)dha.
Dur namoonni holqa keessa jiraatu turan. Namoonni bara dhagaa keessa holqa Awurooppaa hedduu keessa jiraachaa turan. Holqi ammallee namoota miilaan deemaniif gaaddisa ta’a. Holqi tokko tokko dallaa irratti fakkiiwwan babbareedoo qabu. Namoonni holqa qoratan ‘cavers’ ykn ispeelolojiisti jedhamu. (Qorannoo holqa ispeeloloojii jedhama.)
Namoonni holqa bashannanaafi sochii qaamaa fa’iif keessa seenu. Holqi yeroo tokko tokko boolla gadi fagoo waan qabuuf kun ispoortii balaa qabu ta’uu danda’a. Holqonnis karaa irra ol ba’aniifi sardamuu qabu. Yeroo baay’ee namoota afuriifi isaa ol waliin holqa keessa seenu. Tokko tokkoon namaa madda ifaa lama ykn sadii qaba. Namoonni waa’ee addunyaa kanaa caalaatti qorachuuf holqa seenu.
Seenaan duraa yeroo namoonni waa barreessuu jalqabaniidha. Jechi ‘historiyaa’ jedhamu Giriikii durii προ (pre = “dura”) fi ιστορία (historia = “seenaa”) irraa kan dhufeedha. Paul Tournal jalqaba jecha Faransaayii Préhistorique jedhu fayyadame. Waggoota kuma kudhanii oliin dura wantoota ilmaan namaa hojjatan holqawwan Faransaay tokko tokko keessatti argateera. Jechi kun jalqaba Faransaayitti naannawa bara 1830tti waa’ee yeroo barreessuu dura ture dubbachuuf ittifayyadame.
Daani’eel Wiilsan bara 1851tti Ingiliffa keessatti fayyadame. Jecha kanatti caalaatti kan fayyadame yeroo DhKD. Yeroo tokko tokko jechi “seenaa duraa” jedhu bara daran dur ta’eef ittifayyadamnu yoo ta’u, saayintistoonni garuu yeroowwan durii sanaaf jechoota sirrii ta’an qabu.
Waa’ee namoota seenaa duraa xiqqaatu beekama. Sababiinsaas galmeen barreeffamaa (seenaa) qo’annu waan hinjirreef. Waa’ee seenaa duraa baruun kan raawwatamu arkiyooloojiidhaani. Kana jechuun wantoota akka meeshaa, lafee, gamoofi fakkii holqa qorachuu jechuudha. Seenaan duraa yeroo adda addaatti bakka gara garaatti yeroo namoonni barreessuu jalqabanitti xumurama.
Seenaa duraa bara dhagaa isa durii keessatti namoonni holqa ykn dunkaana gogaa bineensotaa irraa hojjetame keessa jiraatu turan. Meeshaalee salphaa mukaafi lafeerraa hojjetaman, akkasumas meeshaalee dhagaarraa muruu kan akka dhagaa cilee, kanneen adamsuufi wantoota salphaa hojjechuuf ittifayyadaman qabu turan. Ibidda tolchanii nyaata bilcheessuufi ho’isuuf ittifayyadaman.
Gogaa bineensotaa irraa uffata tolchan, boodarra immoo hodhan. Hawaasni kan jalqabe yeroo namoonni hojii addaa hojjechuu jalqabanitti ture. Kunis qoqqoodinsa hojii jedhama. Qoodinsi hojii namoota akka walirratti hirkatan kan taasiseefi qaroominni walxaxaan akka uumamu taasiseera.
Turizimii fakkiiwwan holqaafi aartii dhagaa hiyyummaa salphisu
Aartiin dhagaafi fakkiiwwan holqa keessa seenaa badhaadhaa Oromoofi Oromiyaa darbeetiin miira boonsaa cimaa nuuf kennuu qofa osoo hintaane, egeree keenya keessattis gahee olaanaa taphachuu danda’a.
Turizimiin aadaa kutaa indastirii turizimii saffisaan guddachaa jiru yoo ta’u, biyyi keenya darbees Oromiyaan bakkawwan hambaan aadaa seenaa duraa hedduu qabu.
Hambaan aartii dhagaa Afrikaa addunyaarratti kan hunda caalu yoo ta’u, qorannoo aartii dhagaa qulqullina qabuufi waggoota hedduuf hubannoon irratti uumamaa tureedha. Kunis daawwattoota gara iddoo aartii dhagaa tokkoo geessuun seenaasaa hedduu ibsuu dandeenya.
Kanaafuu misoomni aartii dhagaa fakkiiwwan holqa keessaa invastimantii, yeroofi maallaqa guddaa kan barbaadu ta’us, yoo kunuunsine bu’aa olaanaa irraa agachuu dandeenya.
Naasir Ahmadiin (qorataa holqaa)
BARIISAA SANBATAA Hagayya 13 Bara 2015
5 Comments to “Argannoowwan haaraa seenaa aartii dhagaarraafi fakkiiwwan holqoota keessaa”
Comments are closed.