“Raayyaa ittisa biyyaa maqaa balleessuun sabaafi Sablammoota jibbuurraa madda” – Ustaaz Kaamil Shamsuu

Finfinnee: Ijaarsi Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) calaqqee saboota, sablammootaafi ummattoota biyyattii waan ta’eef maqaa balleessiin taasifamaa jiru sabaafi sablammoota jibbuufi fudhachuu dhiisuurraa kan maddu ta’uu Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamil Shamsuu hubachiisan.

Ustaaz Kaamil Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda akka ibsanitti, maqa balleessiin RIB ajandaa tasaa osoo hintaane jibbiinsa gad fagoo sabaafi sablammootaaf jirurraa kan maddedha. Rifoormii taasifameenis raayyaa saboota hunda bakka bu’u ijaaruun danda’ameera. Ta’us qaamoleen jibba sabootaan machaa’an Raayyaa Ittisa Biyyaa yoo fedhan saba tokko yookaan amantii tokkotti gad xiqqeessuu fedhu.

Biyya sabaafi sablammoota fedhii garagaraa qabaniifi haala murteessaarratti argamtu Itoophiyaatti RIB’n ala nagaafi birmadummaa kaasuun hin yaadamu jedhanii, raayyaan kun akka qaamoleen farra nageenyaa jedhan osoo hintaane Itoophiyaarra darbee nageenya addunyaafuu murteessaadha. Haa ta’u malee, raayyaa ittisaa sadarkaa addunyaattuu maqaa qabu kana maqaa balleessuun gantummaa guddaadha

Biyyi hinjiru taanaan qabsoon yookiin fedhii siyaasaa kamuu bakkaan ga’achuun biddeena abjuuti kan jedhan Ustaaz Kaamil, warri biyya diiguuf yaalanii gootummaa raayyaa ittisaan qolatamaa jiran mataansaanii walwaraansa waliinii uumamuun karaatti cituurra darbee fedhiin aangoo argatan akka hinjirre dubbataniiru.

Akka isaan jedhanitti, lubbuu ofii qabsiisanii biyya balaarraa baraaruun akka maqaa balleessuu hinsalphatu. Raayyaan ittisaa gurmuu ilmaan namootaa waan ta’eef hanqina qabaachuu danda’a. Haa ta’u malee, faayidaa yeroof miiraan oofamanii yookiin jibbaan machaa’anii jaarmiyaa wabii hundaa ta’e kana maqaa balleessuun eessaanuu nama hinga’u.

Naannoo Amaaraatti, qondaaltota mootummaa ajjeessuun, saamichi raawwachuun, gibira walitti qabuun, walumaagalatti alseerummaan daangaa darbe raawwatamaa turuu yaadachiisanii, tibbana galaana jeequmsaa finxaaleyyiin qabsiisaniin jireenya hawaasa naannichaa balaarra bu’e baraaruun raayyaa ittisaa alatti wanta hin yaadamne ta’uu ibsaniiru.

Maqa balleessii RIB mitii nama dhuunfaayyuu maqaa xureessuun seera biyyattii keessatti tumamee jiraachuu ibsanii, haa ta’u malee, qaawwa qaamoleen seera raawwachiisan uumaniin maqaan jaarmiyaan wabii biyyattii ta’e kun akka malee akka xuraa’uuf karra saaquu dubbataniiru.

Haasaan jibbiinsaa miidiyaa hawaasaas ta’e kan idileen raawwataman rakkoo kutannoo dhabuu yoo ta’e malee seeraan ol akka hintaane eeranii, biyyarratti qoosaan waan hinjirreef maqa balleessiifi haasaa jibbiinsaa biyya gara diiguutti dhiibaa jiranirratti seerri akka jabaatu gaafataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

8 Comments to “ “Raayyaa ittisa biyyaa maqaa balleessuun sabaafi Sablammoota jibbuurraa madda” – Ustaaz Kaamil Shamsuu”

  1. Pingback: Wide Open Trigger
  2. Pingback: Rare Breed FRT
  3. Pingback: go88
  4. Pingback: rca77

Comments are closed.