Finfinnee: Caffeen Oromiyaa ijaarsa sirna dimokiraasii dagaagsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, misooma ariifachiisaa ummanni sadarkaan irraa fayyadamu gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan fiduun itti gaafatamummaa olaanaan heeraafi ummataan itti kenname dhugoomsuufi amantaa ummatni irraa qabu cimsuuf hojiilee gurguddoo raawwachaa jiraachuu ibse.
Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurramaan ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Caffichi ergama ulfaataa itti kenname milkeessuuf waggoota lamaan darban kaayyoowwan muummee ja’a (dimokraasiifi bulchiinsa gaarii diriirsuu, mirga lammiiwwanii akkasumas, nagaafi tasgabbii kabajchiisuu, qabeenya ummataafi mootummaa qajeelloon hojiirra oolchuu, hojiileen seeraafi sirni hojmaata bu’uura godhatanii akka raawwataman taasisuu, misoomni haqa qabeessaafi ariifataa ta’e akka jiraatu taasisuufi qaamolee mootummaa gidduutti qindoominni hojmaataa akka jiraatu) taasisuuratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Caffichi waggoota shanan dhufan akka waggaa 25tti ilaalamanii hojjetamuu qabu miira jedhuun hojjechaa jira.
Caffeen Oromiyaa ittigaafatamummaafi ergama itti kenname ba’achuuf hojiilee raawwataa tureen bu’aa qabatamaa fiduu danda’uu himanii, gama tajaajila lammummaatiinis humna, qabeenyaafi beekumsa ummataa qindeessuun waan raajii hojjechuun danda’ameera. Rakkoo hawaasummaa waloo ummanni qabu ittiin furuuf Buusaan Gonofaa Oromiyaa akka hundaa’u ta’eera. Haqa ummataa mirkaneessuufis Manni Murtii Aadaa hundaa’ee hawaasni baasii tokko malee dhiyeenyatti tajaajila akka argatu ta’eera jedhu.
Waliigalteewwan idil addunyaa Itoophiyaan mallatteessite keessaa tokko mirgoota bu’uuraa dhala namaaf kennaman kabajjee kabachiisuun hojiirra oolchuu ta’uu ibsanii, Heerri RDFI keessaa keewwattoonni mirga namoomaan walqabatanii jiran waliigaltee idil addunyaa kana bu’uura kan godhatan ta’uu kaasu. Mootummaan Naannoo Oromiyaas, qajeeltoo Heera Biyyaalessaa irraa maddeen, Heera Fooyya’aa Naannichaa 1994 bahe keessatti keewwattoota mirga namoomaa kanneen kallattiin kan fudhateefi waliigaltee kana kabajuun mirgoota bu’uuraa lammiilee kabajee kabachiisuun dirqama isaa waan ta’eef, sadarkaa naannichaatti olaantummaan seeraa mirkanaa’ee qabiinsi mirga lammiilee kabajamuu isaa akka hordofuufi to’atuuf Caffee Oromiyaaf aangoon kennamuu dubbatu. Qabiinsi mirgootaafi nageenya lammiilee eegsisuu olaantummaa seeraa mirkaneessuun hojiirra oola waan ta’eef Caffichi dhimma kanarrattis xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Caffeen Oromiyaa hojiiwwan karoorfaman raawwachiisuuf bajata naannichaa akka raggaasisu, bajatni ragga’es qixa sirriin hojiirra ooluufi dhiisuusaas akka hordofuufi to’atus eeranii, bajanni ragga’e seerota bulchiinsa faayinaansiifi qabeenya naannichaa karaa hordofeen haala dinagdawaa, si’ayinaafi bu’aa qabeessa ta’een hojiirra ooluun fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessuuf to’annoofi hordoffii cimaan taasifamaa turuu kaasu.
“Horataalee mootummaafi ummataarratti qindoominaan hojjennee bu’aa caalmaa haa galmeessinu miira jedhuun hordoffiifi to’annoo taasifamaa tureen bara 2015tti maallaqaafi sanadaan qarshiin biliyoona 7.4 deebi’uu danda’eera. Raawwii hojii to’annoofi hordoffii waggoota lamaan darbaniitiin ammoo qarshiin biliyoona 11.32 deebi’uu danda’eera” jedhu.
Akka ibsa Aadde Sa’aadaatti, hojiileen seeraafi sirna hojmaata bu’uura godhatanii akka raawwatamaniif sirni walhordofuufi to’achuu qaamolee mootummaa gidduutti diriiree karaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun hojiirra ooluun ijaarsa sirna dimokiraasiif ammoo utubaa ta’ee akka tajaajiluuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Qabeenya ummatarraa walitti qabee misooma ummataaf oolchuun gahee mootummaa ta’uu himanii, galmi hordoffiifi to’annoo Caffee, misooma haqa qabeessa, ariifataafi qulqullina qabu ummataaf dhiyeessuun fayyadamummaasaa mirkaneessuu akka ta’es himaniiru.
Biyya sirna dimokiraasiin bultu keessatti, hundeeffama mootummaa tokkoof qaamoleen mootummaa sadeen jiraachuun murteessaa ta’uu himanii, daangaan aangoo heeraan qoodamee isaaniif kenname madaala isaa eegee akka hojiirra ooluuf sirni wal hordofuufi to’achuu gidduu isaaniitti diriiree hojiirra oolaa jiraachuu kaasu. Kun aangoon qaama tokko biratti garmalee akka hinkuufamneef daangessuuf, dhiibbaa itti fayyadama aangoon walqabatee dhufu hir’isuun murtiiwwan fayyadamummaa ummataa giddugala godhatan kennuufi qaamoleen mootummaa daangaa aangoofi gahee hojii heeraan kennameef bu’uura godhatanii akka hojjetan taasisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
“Aangoon kan ummataati. Caffeen Oromiyaa ammoo bakka bu’aa ummataati. Qaamni ummata bakka bu’e ammoo fedhiifi faayidaa ummata bakka isa buufatee galmaan gahuun amantaa ummanni naannichaa itti kennate dhugoomsuuf cimee hojiisaa hojjechuu waan qabuuf Caffeen Oromiyaas dhimmoota kanneen giddugala godhatee hojii hojjechaa tureen bu’aawwan hedduu galmeesseera. Hojiilee Caffeen Oromiyaa waggoota lamaan darban gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaan raawwataa tureen bu’aan qabatamaan ijaan mul’atuufi jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruu danda’u argameera. Hojiilee gama qonnaa, barnootaa, fayyaafi galii naannichaa guddisuuf raawwatamaniin bu’aalee jajjabeessoon galmaa’aniiru” jedhu.
Caffeen Oromiyaa karoora imala badhaadhinaa waggaa 10f qabame milkeessuuf karoorri bara 2016 ‘Karoora Xiiqii’ jedhamee akka Mootummaa Naannoo Oromiyaatti hojiirra akka ooluuf Yaa’ii Idilee 5ffaa darbe irratti raggaasuun hojiitti seenuu kan himan afyaa’iin tun, wabii nyaataa mirkaneessuun, omishaalee alaa galan kan biyya keessaatiin bakka buusuun, alergii guddisuun, carraa hojii bal’aa uumuun, galii naannichaa guddisuufi muuxannoowwan argaman qindeessanii ittifufsiisuun kallattiiwwan hojii ijoo bara 2016 ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015
3 Comments to “ “Hojii to’annoofi hordoffii waggoota lamaatiin qarshii biliyoonni 11.32 deebi’uu danda’eera” -Aadde Sa’aadaa Abdurramaan”
Comments are closed.