Haala naannichi keessa jirutu labsiin yeroo hatattamaa akka labsamu ka’umsa ta’e

Finfinnee: Haalli qabatamaan naannoo Amaaraa keessa jiru labsiin yeroo hatattamaa akka labsamuuf ka’umsa sirrii ta’uu Miseensa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensa Koree Dhaabbii Haajaa Alaafi Nageenyaa kan ta’an Obbo Saadiq Adam ibsan.

Miseensi kun ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, labsiin yeroo hatattamaa kan labsamu yeroo balaawwan namtolchees ta’ee uumamaa kan seerota idileetiin furamuu hindandeenye uumaman kan labsamuudha. Kana malees, balaan addaa kan mootummaafi biyya qoru yommuu uumamu labsiin yeroo hatattamaa akka labsamu heera biyyattiirratti ifatti kaa’ameera. Haalli naannoo Amaaraas seera idileen to’achuun waan hindanda’amneef labsiin yeroo hatattamaa bu’uura heera biyyattiin labsame.

Naannicha keessatti qaamolee hidhannoon socho’aniifi miidhaa dhaqqabsiisanirraa kan ka’e lammiileen nagayaan ba’anii galuu akka hindandeenye eeranii, hoggantoonni mootummaa ajjeeffamuu, qabeenyi mootummaas ta’ee kan nama dhuunfaa saamamuufi gubachuu, dhaabbileen mootummaas akka hojiisaanii hinhojjenneef ugguramuu ibsu. Sochiin idilee dhaabbachuurraa kan ka’e bakkaa bakkatti socho’uun rakkisaa ta’uus ni kaasu.

Labsiin yeroo hatattamaa mootummaadhaaf filannoo isa jalqabaa hinturre kan jedhan miseensi kun, rakkoon naannicha keessa ture sadarkaa amma ga’erra osoo hinqaqqabiin marabbaan goolabuuf carraaqqii hedduu mootummaan taasise fudhatama dhabuun haala ammaatti ce’uu yaadachiisaniiru.

“Rakkooleen uumaman kunneen ammoo naannicharrattis ta’ee biyyattiirratti kallattii hundaan dhiibbaa guddaa geessisaa jiru. Mootummaan naannichaas rakkoolee mudatan karaa idileetiin furuu akka hindandeenye beeksisuun labsii yeroo hatattamaa hojiirra oolchuunsaa murtoo sirriidha. Mootummaan labsii kanaan lubbuu namoota hedduu du’a oolchuufi qabeenyi akka hinbarbadoofne taasiseera. Haa ta’u malee, labsichaan raayyaan ittisa biyyaa gara naannichaatti yommuu seenu rakkoon dhiibbaa mirga dhala namaa akka hinmudanneef of eeggannoo taasisuun barbaachisaadha” jedhu.

Labsichi labsamee guyyoota sadi keessatti humnootni naannicha keessatti hidhannoodhaan saamicha raawwachaa turan magaalota gurguddoo gadilakkisanii akka bahan taasifamuu himanii, kun milkaa’ina guddaa ta’uufi hojirra oolmaa labsichaaf lammiilleen biyyattii hundi, hayyoonni, jaarsoliin biyyaafi abbootiin amantii deeggarsa isaanirraa eegamu akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 6 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Haala naannichi keessa jirutu labsiin yeroo hatattamaa akka labsamu ka’umsa ta’e”

  1. Pingback: dultogel 4d
  2. Pingback: Koh Tao Scuba Club

Comments are closed.